bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
1 Corinthians 10
1 Corinthians 10
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
1
Anini aka isani waan ababoota teenna ta Musa gula yaate taate qabatani fed'a, oboleyaani. Gaafasi dumansi worra ch'ufa qorqorate, worri ch'ufti galaana Shamu nagayaani taake.
2
Dumansafi bisaani keesaleti worra Musa gula yau jed'ani, worra batisani.
3
Worri ch'ufti qit'a mama suni nyaate
4
bisaani mama sunuma d'uge; wonti akanatiifi d'akha mama ka worra gula deeme keesaa bisaani d'ugani; d'akhaani suni Kristo.
5
Ammo taatule Waaqi worrati dalane, reefi worraa lafa aloo ch'ufa keesa firfirfame.
6
Wonti kunini ch'ufti akheekha nuu taati, aka nu akuma worraa waan hamtu ind'araane,
7
yokhaani aka nu akuma worraa waan harkaani boch'ani inkad'anne, akuma t'aafiini jettu, Biyyiti teteete nyaate d'udde kaate sirbite,
8
nu algalooma tolchu himmalle aka worri gari tolche, guyya tokooni nami kunki diddami sadii raawate.
9
Aabbole lalaachu himmalle, aka worri nami gari tolche, duuba bofi ide worra balleese.
10
Yokhaani gungumu himmalle, aka worri nami gari tolche, duuba Malaikaani Dua worra balleesite.
11
Wonti kunini ch'ufti aka nama d'ibi akheekha taatuufi taate, ammalle aka nu gorsanifi t'aafani. Wonti akanatiifi nu bara muummeeni d'iaate keesa jirra.
12
Nami waan eju ufi sehu ha ufi eegatuuti aka injinne.
13
Ilaalachaani namati d'uftu woma qara lafa jiraati. Ammo Waaqi kakhu ufi jabeesa. Inni ilaalacha isani ira hafu indandeenne isaniti inllakisu. Ammo hojja isani ilaalatani, inni jabeenna isani obsitani keesaa batani isanii kenna.
14
Tanaafi jaalaani tiyya, waan harkaani boch'ani inkad'atiina, biraa fagaad'a.
15
Anini aka waan isani nama qalbi qabu isaniti dubbad'a; waan anini jed'u herega.
16
Hojja mudunu eeba ta Waaqaa galata deebimnuuni d'unnu, d'iiga Kristo qoodachuuti injirru? Hojja qit'a ch'absine nyaannu, nafa Kristo qoodachuuti injirru?
17
Waan qit'aani toko ch'allaani jiruufi, nuuni ch'ufti, ato heddu taanele, nafa toko; wonti akanatiifi qit'a toko qoodanna.
18
Gosa Israeli qaabad'a; worri waan sorio baasani nyaatu huji fulla sorio iti qalani inqoodata.
19
Anini maani jechu jira? Waan harkaani boch'aniifi sagaleeni isii baasani woma keesa jirtu jechu jira?
20
Hiyyo! Wonti anini jechu jiru, sorio worri Waaqa imbeenna qalu Waaqaa imbaasani ammo jinnii baasani. Anini isani wahela jinni taatani imfed'u.
21
Mudunu Aabbootiifi ta jinni keesaa d'ugu indandeetani; sagale Aabbootiifi ta jinni wolti nyaachu indandeetani.
22
Yokhaani Aabbo qot'isisu feena? Waan nu isa ira jajabo
23
Nami gari, Wonti ch'ufti nu halaala jed'a; ammo wonti suni ch'ufti isanii dansaaniti. Wonti ch'ufti nu halaala jed'ani, ammo wonti ch'ufti inqarqaartu.
24
Nami tokoleeni waan ufi ch'alla yaalu himmalle, ammo waan nama d'ibile yaalu male.
25
Fooni gabaya keesati gurgurani ch'ufa nyaad'a, sodaattani nama tokole ingaafatiina.
26
Akuma t'aafiini jettu, Lafafi wonti keesa jira ch'ufti ta Aabbooti.
27
Yo nami Kristo ind'ugefanne mana ufiti isani yaame d'aqu feetani, waan isani dura kayani ch'ufa nyaad'a, gaafi male.
28
Ammo yo nami toko, Sagale tana ya waan harkaani boch'ani baasani isaniini jed'e inyaatiina, maro nama waan suni isaniini jed'eetifi maro herega namaatiifi,
29
anini herega keesani imbaanu, ammo herega isaa baana. Nami gari waan jed'u anini maafi waan fed'u herega nama dibiti jed'e lakisa?
30
Eegi anini sagale tiyyaafi galata Waaqaa deebise nyaad'e, nami tokoleeni maafi waan hamtu naani jed'a?
31
Duuba waan tolchitani ch'ufa, yo nyaattani d'uuddanile, maro guddinna Waaqaatiifi tolcha.
32
Yahudifi gosa d'ibiifi gumi Waaqaa ingufachiisina.
33
Akuma anini tolchu tolcha: waan tolchu ch'ufaani anini nama gammachiisu fed'a, waan dansooma tiyya inheregu, ammo dansooma nama ch'ufa herega, aka nami ch'ufti baafamu.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16