bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
Revelation 13
Revelation 13
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 14 →
1
Jennaani anini bineensa toko ka galaana keesaa bahu arge. Gaafa kud'anifi mata torba qaba, gaafa ch'ufa ira sure hayyumati jira, mata ch'ufa irati maqa hamama t'aafani.
2
Bineensi suni aka qeeramsa jira, miili isaa aka miila goorjama jira, afaani isaa aka afaani nyeench'a jirani. Jaweeni taani jabeennaafi guddinnaafi humna ufi ch'ufa bineensa suni kennite.
3
Mataani bineensa suni toko mada guddo hamtu qaba, ammo madaani taani la fayyite. Lafti ch'ufti mamte, bineensa kaani gula yaate.
4
Nami ch'ufti jawe guddise, waan inni jabeenna ufi ch'ufa bineensa kaani kenneefi. Bineensale guddisani kad'atani waan jed'ani, Eentu aka bineensa kana jira? Eentu dandae isa had'a?
5
Bineensa kana jabeenna kennani aka abaarsa hama dubbatu, ammalle jabeenna jia afurtami lama kennaniifi.
6
Inni Waaqafi maqa Waaqatiifi fulla inni taufi worra gubba taule abaare.
7
Aka inni jara Waaqa had'e dabsatu ee jed'ani, ammalle jabeenna inni gosafi afaanifi lafa ch'ufaani dabsatu kennaniifi.
8
Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.
9
Yo gurra d'ageettaniini qabaattani, ch'aqasa!
10
Nama qabu fed'ani inqabani; nama sheeftiini ijeesu fed'ani inijeesani. Worri Waaqaa obsafi d'ugefacha qabaachu male.
11
Jennaani anini bineensa d'ibi ka lafa keesaa bahe arge. Inni gaafa lama ka aka gaafa Ilme Hoola jiru qaba, ammalle aka jawe dubbata.
12
Ammalle jabeenna bineensi qara qabu ch'ufa fuula isa durati garsiise. Inni lafafi waan isi keesa jira ch'ufa bineensa qara kad'achiise, ka madaani hamtuuni taani fayyite.
13
Bineensi lameeso kunini waan mama heddu tolche; ibida gubba lafati baase, fuula nama ch'ufa durati.
14
Nama lafa ch'ufa keesa tau waan mama ka inni fuula bineensa qara durati tolcheeni sosobe. Bineensi kaani nama lafa ch'ufatiini, Akheekha bineensa sheeftiini woraanani ammo induiini kaani fakaatu mid'aasa, guddisa jed'e.
15
Ammalle bineensa lameeso kaani ee jed'ani, aka akheekha bineensa qara kaani hafuura jireenna iti guuru, aka akheekhi kaani dubbate, nama isa inguddimne ch'ufa ijeesu.
16
Bineensi kaani nama ch'ufa, diqaafi guddale, dureesafi hiyyeesale, tisseefi balchale, beesisa harka mirgichafi adda gubba keyachiise.
17
Nami tokoleeni dandae woma ingurguru yokhaani imbitatu, yo akheekha kana qabaate male, akheekhi suni maqa bineensa yokhaani akheekha henna maqa isaati.
18
Wonti kunini qarooma feeti. Nami qalbi qabu ch'ufti waan henna suni ha hubatu, henni suni maqa namaati. Henni isii d'ibba jaafi jaatami jaa.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22