bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
Revelation 22
Revelation 22
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
1
Malaikaani ammalle galaana bisaani jireenna naa garsiifte, ka guddo bibiliqu, ka fulla barch'uma guddinna Waaqatiifi Ilme Hoolati d'ufe.
2
Jiddu kara dira keesa yau. Moga galaana lachu mukha jireennati eja, ka ganna toko keesa mid'aani maro kud'ani lama d'alu, jia ch'ufa maro toko; baali isaa qorsa nama gosa ch'ufaati.
3
Waan Waaqi abaare tokole dira suni keesati inargani. Barch'umaani Waaqatiifi ka Ilme Hoola dira keesa jira, hojattuuni isaa isa guddifti.
4
Worri fuula isaa arge, ammalle maqa isaa adda isaani gubbati t'aafatani.
5
Halkani deebiani injirani, ifsefi adu imfed'ani; wonti akanatiifi Aabbo Waaqati ifse worraa taha, duuba aka hayyoota haga hegeri lafa fidani.
6
Jennaani malaikaani waan naani jette, Dubbini tunini ta d'ugaati, ta d'ugefachu malani. Aabbo Waaqi, ka Lubbu ufi raagoota ufiti keenne, malaika ufi erge, aka hojattu ufi waan d'iotu taha agarsiisu.
7
Yesoni waan jed'u, Ch'aqasi! Anini d'iotu d'ufa! Ayyaana nama dubbi faga ta kitaaba kana keesa jirtu guutuuti!
8
Anini, Yohanani, ya waan kana ch'ufa arge d'agaye. Eegi anini waan kana ch'ufa arge d'agaye, anini miila malaika waan kana ch'ufa naa garsiifteti jige guddisu fed'e.
9
Ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini akuma keetiifi akuma oboleyaani tante ta raagootatiifi akuma nama dubbi kitaaba kana keesa jiru guutu ch'ufa hojattu. Waaqa guddisi!
10
Ammalle isiini waan naani jette, Dubbi fagiisa ta kitaaba kana keesa jirtu ind'ossiini, yoi wonti kunini ch'ufti taatu ya d'iaate.
11
Nami hamaani ha waan hamtu tolchuuti, t'urichi ha waan t'uri tolchuuti; nami dansaani ha waan dansa tolchuuti, qulqullooni ha waan qulqullo tolchuuti.
12
Yesoni waan jed'u, Ch'aqaaqasi! Anini d'iotu d'ufa! Nama ch'ufa waan inni tolche gula galata kennaafi.
13
Anini Alfafi Omega, ka qaratiifi ka eegee, iti keyachafi muumme.
14
Ayyaana worra woya ufi miich'ate qulqulleesu. Akasiini mid'aani mukha jireenna iraa nyaatani, Fullo diratiini olseenani.
15
Ammo moga dira, worra hamamafi falfaltufi algalaafi ka nama ijeesufi ka waan harkaani boch'ani kad'atuufi nama dubbifi hujiini kiyyibuuti jira.
16
Anini Yesoni, ya malaika tiyya isaniti erge, aka waan kana gumiti himu. Anini hiddafi d'aloota Dauditi; anini bakalcha ganamaani ifsu.
17
Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.
18
Anini Yohanani, nama dubbi fagiisa ta kitaaba kana keesa jirtu d'agaye ch'ufa gorsa: yo nami waan d'ibi iti dare, Waaqi gaargala kitaaba kana keesati t'aafani nama suniti dara.
19
Yo nami waan tokole fagiisa kitaaba kana keesaa fuud'e, Waaqi qooda mid'aani mukha jireenna isa duraa fuud'a, qooda isaa ka Dira Qulqullole, ka kitaaba kana keesati t'aafani.
20
Nami waan kana ch'ufa d'ugeesu waan jed'u, D'uguma, anini d'iotu d'ufa! Ha taatuuti. Kooti, Aabbo Yeso!
21
Eebiti Aabbo Yeso ha nama ch'ufa woliini teetu.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22