bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 2
1 Chronicles 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 3 →
1
Ijoolleen Israa'elii ta dhiiraa Roobeel, Simoon, Leewwii, Yihuudaa, Yisaakoor, Zaabiloon,
2
Daan, Yooseef, Biiniyaam, Niftaaleem, Gaadii fi Aseeriin fa'a.
3
Yihuudaan dubartii gosa Kana'aanii Seewaa irraa Eer, Awunaanii fi Seeloomiin uumate; Eer ilmi hangafaa ka Yihuuda'aa Rabbiin afo'otti waan nama hamaa tureef Rabbi hin qoomeen.
4
Yihuudaan haadha manaa ilma ufii Timaariin irraa ijoollee dhiiraa lamaan ta Faareesii fi Zaaraa jedhamanii waamaman uumate; inni wolitti qabaa ijoollee shan qaba.
5
Faarees ijoollee dhiiraa lamaan ta Eesroomii fi Hamuul jedhaman uumate;
6
obboleessi isaa Zaaraan ijoollee dhiiraa shan uumate; maqaan isaanii Zamirii, Eetaan, Heemaan, Kalkoolii fi Daaraa fa'a.
7
Namni gosa Zaara'aa ta'e tokko ilmi Karmi'ii Akaan boojuu Rabbiif fooyame waan hatee dhosseef banii Rabbiititti balaa fide.
8
Eetaan ilma tokko ka Azaariyaa jedhamu uumate.
9
Eesroom ijoollee dhiiraa sadihi uumate; maqaan isaanii Hiraami'eel, Aaraamii fi Kaaleebiin fa'a.
10
Aaraam Aminaadaabiin uumate; Aminaadaabi Na'aasoonii ajajaa ijoollee Yihuuda'aa uumate;
11
Na'aasoonillee Salmooniin uumate, Salmoon Boo'eeziin uumate.
12
Boo'eez Iyyoobeediin uumate; Iyyoobeedi Isseyiin uumate.
13
Isseyi mucaa hangafaa Eeliyaabii fi ka lammeesso'oo Aminaadaabii fi sadeessoo Samaa,
14
Arfeessoo Naatinaa'eeliin, shaneessoo Raddaayeen,
15
jaheessoo Asaamiin, torbeessoo Daawitiin uumate.
16
Obboleewwan durbaa Tsuuriya'aa fi Abigiyaa fa'a; ijoolleen Tsuuriya'aa ta dhiiraa sadiin Abiisaa, Iyyoo'aabii fi Asaaheeliin fa'a.
17
Abigiyaan Amesaayiin deette; abbaan Ameesaayiillee Ismaa'eelicha Yuuteeri.
18
Ilmi Eesroomii Kaaleeb intala Azuubaa jedhamtu fuudhee mucattii durbaa ta Kayiri'oot jedhamtu uumate; Kayiri'ootillee ijoollee dhiiraa ta Yaasaar, Soobaabii fi Aardooniin fa'a deette.
19
Azuubaan haga duuteen maayessa Kaaleeb Efraataa fuudhe; isiinillee Hooriin deetteef.
20
Hoori Uuriin uumate; Uuri Baasili'eeliin uumate.
21
Achiin maayessa Eesroom hennaa woggaa jahaatamaa guute intala Maakirii obboleettii Gala'aadii fuudhee ilma dhiiraa ka Saguubi jedhamu deetteef.
22
Saguubi Iyyaa'iriin uumate; inni biyya Gala'aadii keessatti qachoota diddamii sadihi qaba.
23
Geeshuurii fi Aaraam qachoota Iyyaa'irii Qeenaatii fi ganda isi'ii woliin qachoota jahaatamaa isaan jalaa fudhatan; kunniin maruu abbaa Gala'aadii ijoollee Maakirii turan.
24
Eesroom Kaaleebii Efraata'aatitti haga du'een maayessa haati manaa isaa Abiyaan abbaa Teequhe'ee Ashihuuriin deetteef.
25
Ilmi hangafaa ka Eesroomii Yiraahimi'eel ijoollee dhiiraa shan uumate; isaanillee ka hangafaa Raam, isatti aanee Bunaahi, Oreen, Atseemii fi Akiyaa fa'a.
26
Yiraahimi'eelillee haadha manaa ta Ataaraa jedhamtu ta biraa qaba; isiin haadha Onaamii turte.
27
Ijoolleen Yiraahimi'eelii ta Raam deette Ma'aas, Yaaminiitii fi Eqeeriin fa'a.
28
Ijoolleen Onaamii Shamaayina'aa fi Yaada'a; Shaamaayi ijoollee Naadaabii fi Abisuur jedhaman uumate.
29
Abisuur dubartii Abikaa'il jedhamtu takka fuudhee isii ijoollee dhiiraa Hibaanii fi Moolidi jedhaman deetteef;
30
Naadaabi ijoollee dhiiraa ta Seeleedii fi Afaayi jedhaman uumate; Seeleedi garuu uduu hin uumanne du'e.
31
Afaayi ilma dhiiraa ka Yishi'i jedhamu uumate; Yishi'i ilma dhiiraa ka Soosaa jedhamu uumate; Soosaan ilma dhiiraa ka Ahilaayi jedhamu uumate.
32
Obboleessi Shaamaayii Yaadaan ijoollee dhiiraa lamaan ta Yeeteerii fi Yoonaataa jedhaman uumate; Yeeteer uduu ijoollee hin uumanne du'e.
33
Yoonaataan ijoollee dhiiraa ta Feleetii fi Zaazaa jedhaman uumate; kunniin maruu fiixaa Yiraahimi'eeliiti.
34
Soosaan ijoollee durbaa malee ta dhiiraa hin qabu; inni hojjataa nama biyya Misirii ka Iyyuuheel jedhamu qaba.
35
Soosaan hojjataa ufii Iyyuuheel intala ufii itti heerumsiise; isiin Ataayiin deetteef.
36
Ataayi Naataaniin uumate; Naataani Zaabiidiin uumate;
37
Zaabiidillee Eflaaliin uumate; Eflaali Obeediin uumate; Obeedi Iyyuu uumate;
38
Iyyuun Azaariyaasiin uumate;
39
Azaariyaasi Keleesiin uumate; Keleesi Elaasaa uumate;
40
Elaasaan Sismaayiin uumate; Sismaayi Shaloomiin uumate;
41
Shaloomi Yeqaamiyaamiin uumate; Yeqaamiyaami Elisaamaaniin uumate.
42
Maqaan ilma hangafaa ka Yiraahimi'eelii obboleessa Kaaleebii Meeshaali jedhama; Kun ilma dhiiraa ka Ziif jedhamee waamamu uumate; Ziif Mareeshaa uumate; Mareeshaan Keebrooniin uumate;
43
Ijoolleen Keebroonii Qoree, Tafuwwaa, Reegeemii fi Shaamaa'i fa'a;
44
Shaamaa'i Rahaamiin uumate; Rahaami Rooqeemiin uumate;
45
Shaamaah Maa'ooniin uumate; Maa'ooni Beetitsuuliin uumate.
46
Kaaleeb dubartii Eefaa jedhamtu ta mata gala itti galu qaba; isii irraa Haaraan, Moodaanii fi Gaazeeziin uumate; Haaraan ilma dhiiraa ka biraa ka Gaazeez jedhamu uumate.
47
Ijoolleen dhiiraa ta Yihidaayii Reegeem, Iyyootaam, Geeshaam, Faaleex, Eefa'aa fi Sha'aafiin fa'a.
48
Kaaleeb intala mata gala itti galu ta Maa'ikaa jedhamtu qaba; isii irraa ilmaan dhiiraa Sheberiinii fi Tirihaanaa uumate;
49
Dubartiin tun diqqoo turtee ijoollee dhiiraa ka biraa abbaa Maadimaanii Sha'aafii fi abbaa Gibi'a'aa Maakinaaniin, Suusaaniin deette. Kaaleeb dubartii biraa ta Akisaa jedhamtu qaba.
50
Fiixaan Kaaleebii akka armaan gadiiti; Hoor ilma hangafaa Kaaleebii ka inni haadha manaa ufii Efraataa irraa uumate; ilmi Hoorii Qiriyaataam; abbaan isaa Soobaal.
51
Ilmi Hoorii ka lammeesso'oo garuu Shaalmaan abbaa Beeteliheemiiti; ilmi Hoorii ka sadeesso'oo Haareef abbaa Gaadeeriiti.
52
Abbaan Qiriyaataarii Soobaal ijoollee biraallee hin qaba; isaan sunniin Haro'een wadhakkaa gosa Manaahitaawiyaatotaati.
53
Akkasuma gofti Qiriyaatiri'aarimii, Yitiraawota, Futaalwota, Shumaatota, Mishiraatota jedhamanii waamama'aa turan; isaan keessaa fiixaa Tsiriyaatotaa fi Eshtaawotaatitu argame.
54
Ijoolleen Shaalmaanii Beeteliheem, Naxoofaawota, Axaarooti, Beetiyu'aab wodhakkaan Manaawotaa fi Tsoraawiyaanota turan.
55
Gofti barreessitootaa ka Yaabeetsiin keessa taa'anii Tiraawota, Shimi'aataawotaa fi Sukaataawota fa'a; isaanillee abbaa Karikaabotaa worra Haamaatiin keessaa bayan Qeenaawota fa'a turan.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29