bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 28
2 Chronicles 28
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 29 →
1
Akaazi hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamaati; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa diddamaa bulche; akka abbaan isaa Daawiti Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate inni waan qajeelaa hin hojjanne.
2
Akkuma armaan dura mootonni Israa'elii Ba'aaliif sagadan Ba'aalii sagadu'uuf fakii waaqa tolfama'aa hojjate.
3
Akkasuma dhooqa ilma Heenoomii keessattillee hixaana aarse; akkuma worri ormaa waan hamaa hojjatanii Rabbi worra Israa'elii afo'oo ari'e ijoollee ufii ciincaa ciincayu godhee waaqolee tolfama'aaf dhiyeesse.
4
Hulee gooddaa ka itti sagadan, gaarranii fi mukkiin lalise jalattillee hixaana aarsa'aa ciincaa dhiyeessa'aa ture.
5
Kanaaf Rabbi mooticha Akaaziin mooticha Sooriya'aatitti dabarsee isa kenninaan worri Sooriya'aa isa mooyatanii isa jalaa loltoota baay'ee booji'anii gara Damaasqo'oo dhufan; akkasuma mootii biyya Israa'eliititti dabarsee isa kenne; inni dhaya badaa isa dhaye.
6
Isaan Rabbii Waaqa abboota ufii waan dhiisaniif Faaquheen ilmi Roobeeliyuu guyyama tokko biyya Yihuuda'aa keessaa loltoota jajjabaa kuma dhibbaa fi diddamaa fixe.
7
Namni Zikiri jedhamu loltuun biyya Israa'elii tokko ilma Akaazii Maa'iseeyaa, Aziriqaamii bulchaa mana mootumma'aatii fi Hilqaanaa itti aanaa mootichaa ajjeese.
8
Worri Ayihuudi'ii yoma gosa isaanii ta'anillee loltoonni Israa'elii dubartoota kuma dhibba lamaatii fi daa'imman hidhee boojuu baay'ee woliin gara Samaariya'aa isaan fide.
9
Achi raatticha Rabbii ka Oodeed jedhamutu ture; inni loltoota gara Samaariya'aa dhaqan bira dhaqee, «Rabbi Waandhi abboota keessanii biyya Yihuuda'aatiin waan loleef akka isin isaan mooyattan godhe; isinillee lola badaa loltanii isaan fixxan;
10
ammallee isin baniin biyya Israa'eliitii fi baniin biyya Yihuuda'aa akka isaan isin jalatti bulan yaaddan; garuu yakki isin Rabbii Waaqa keessan yakkitan hin jiruu?
11
Isin ammallee na dhagayaa'a! Rabbi waan isiniin loleef loltoota obboleewwan keessan jalaa boojitan deebisaa'a» isaaniin jedhe.
12
Bulchoonni ijoollee Efreemii garuu Azaariyaas ilmi Yoohaana'aa, Baraakiyaan ilmi Mishileemotii, Yisiqiyaan ilmi Solomooniitii fi Ameesaay ilmi Hadilaayii worra lolaa deebi'an morman.
13
Isaan «Worra booji'aman kanniin amma gara keenna hin fidinaa'a! nu armaan dura Rabbiin waan yakkineef Rabbi nuun loleera; ammallee yakka irratti yakka akka hojjannu nu gootanii?» isaaniin jedhan.
14
Kanaaf worri loltootaa worra booji'aman sanniinii fi waan booji'an maraa bani'ii fi bulchoota ufiititti kennan.
15
Achiin maayessa namoonni arfan sunniin worra booji'aman sanniin fuudhanii isaan keessaa worra qullaa jiran uffata itti uwwisan, kophee miila isaaniititti godhan; waan nyaatanii fi waan dhugan hin kennaniif fuula isaaniillee hin ibsan; worra miilaan deemuu dadhaban harriin yaabbisanii gara qachaa Iyyaariko'oo ka munni meexxi'ii keessa jiru gara obboleewwan isaanii fidanii gara Samaariya'aa deebi'an.
16
Hennaa san mootichi Akaazi gargaarsa barbaadee gara mootii biyya Asooriititti ergate; baniin biyya Edoomiyaasii deebi'anii dhufanii banii biyya Yihuuda'aatiin lolanii loltoota baay'ee waan booji'anii turaniif,
18
hennama kana worri Filisxeemii gaarran gara dhiyaatii fi qachoota didiqqaa biyya Yihuuda'aa ka gara kibbaa jiran maraa Beetisaamiisi, Elooni, Gedrooti, Sookoonii fi gandoota isi'ii, Taaminaanii fi gandoota isi'ii, Gimizoonii fi gandoota isi'ii maraa fudhatanii keessa jiraatan.
19
Akaazi mootiin biyya Yihuuda'aa waan Rabbiin ganee isa irraa fagaateef Rabbi sababaa isaatiif biyya Yihuuda'aa salphise.
20
Mootiin biyya Asoorii Telgeltelfelsoor dhufee isaan rakkise malee hin gargaarre.
21
Kanaaf mootichi Akaazi mana woyyuu Rabbii keessaa, mana mootumma'aatii fi bulchoota bani'ii irraa worqii baay'ee fudhatee mootichaaf kennaa godhee kenneef; garuu kanallee godhe'eef womaa isa hin fayyanne.
22
Mootichi kun akka Akaazi rakkate hennaa arge guddisee Rabbiin yakke.
23
Akaazi waaqolee tolfamaa biyya Sooriya'aa ka mooyicha isaa kennaniif ciincaa dhiyeesse; sababaan inni waan kana godheef «waaqoleen tolfamaan biyya Sooriya'aa mootota biyya Sooriya'aa gargaaraniiranii anillee ciincaa yoo isaanii dhiyeesse anallee na gargaaran» jedhee waan yaadeef; wonti inni godhe kun isaa fi biyya isaa Israa'eliin irratti badii fide.
24
Mootichi Akaazi meeshaa mana Rabbii keessa jiru maraa fuudhee caccabse; balbala mana Rabbiillee hin cufe; Yerusaalemiin keessatti naannaya marattuu hulee ciinca'aa ka waaqa tolfama'aa hojjate.
25
Qachoonni biyya Yihuuda'aa maruu akka waaqa tolfamaa saniif hixaana aarsaniif hulee itti sagadan gaarran irratti hojjachiisee Rabbii Waaqa abboota ufii aarse.
26
Wonti mootichi Akaazi hojjate maruu jalqabaa haga dhumaa kitaaba seenaa mootota biyya Yihuuda'aatii fi ka biyya Israa'elii keessatti barreeffameera.
27
Akaazi du'ee Yerusaalemiin keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti isa awwaalan malee hulee mootonni biyya Israa'elii itti awwaalamanitti hin awwaalamne; bikka isaa ilma isaa Hisqiyaasitu mooye.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36