bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 29
2 Chronicles 29
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 30 →
1
Hisqiyaas hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii shaniiti; Yerusaalemiin keessatti woggaa diddamii sagalii bulche; haadha isaa maqaan Abiya'a; isii Zakkaariyaasitu uumate.
2
Akkuma Daawiti abbaan isaa Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate innillee waan qajeelaa hojjate.
3
Hisqiyaas mooyee woggaa jalqabaa ji'a duraa balbala mana woyyuu Rabbii maraa deebi'ee banee haarawoomse.
4
Worra gadootaatii fi worra Leewwotaa fijjisiisee hulee itti gad bayan ka gara baya biiftu'uutitti wolitti isaan qabee
5
«Isin worri Leewwotaa! ufii fi mana woyyuu Rabbii ka abboota teessan ta durii qulqulleessaa'a; waan mana woyyuu Rabbii batteessu maraa balleessuu isin barbaachisa.
6
Abboonni teenna yakkaniiran; Rabbii Waaqa keenna dhiisanii waan hamaa hojjataniiran; fuula ufii mana woyyuu Rabbii irraa deebifatanii dudda ufii itti deebifataniiran.
7
Balbala mana woyyu'uullee cufanii ibsaallee dhaamsaniiran; mana woyyuu Rabbii Waaqa Israa'eliitiif hixaana hin aarsine, ciincaa ciincawullee Rabbiif hin dhiyeessine.
8
Sababaa kanaaf Rabbi banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemiitiin lole; akkuma amma argitan kana akka isaan guddisanii nayaniif akka namni isaan baaseffatuu fi isaanitti balduuf dabarsee isaan kenne.
9
Kanaaf abboonni teenna guraade'een dhuman; ijoolleen teenna ta dhiiraatii fi ta intalaa, haawwonni manaa teennallee booji'aman.
10
Amma garuu lolli Rabbii jabaan kun akka nu irraa dhaabatu Rabbii Waaqa Israa'elii woliin waadaa galu'uuf yaadeera.
11
Ijoollee tiyya! akka isa afoo dhaabattanii isa tajaajiltaniif, tajaajiltoota isaa akka taataniif, akka hixaana isaaf aarsitaniif Rabbi waan isin filateef lash hin jedhinaa'a» isaaniin jedhe.
12
Maqaan worra Leewwotaa ka akka mana woyyuu haarawoomsaniif ramadaman kanniin; Ijoollee Qaatii keessaa Mahaatii ilma Amaasii, Iyyoo'eelii ilma Azaariyaasii, ijoollee Meeraarii keessaa Qiisnaa ilma Abdii, Azaariyaas ilma Yihalil'eelii, gosa Geedsoonii keessaallee Yo'aakinaa ilma Zaamaatii, Eediinii ilma Yoo'aakii, Ijoollee Eelxaafaanii keessaallee Shimiri'ii fi Yi'i'eel, ijoollee Asaafii keessaallee Zakkaariyaasii fi Mataaniyaa, ijoollee Eemaanii keessaallee Yihi'eelii fi Saami'i, ijoollee Eedootaamii keessaa Shamaaya'aa fi Uuzi'eel fa'atu filame.
15
Isaan maruu obboleewwan ufii wolitti qabanii qulqullaayan; akkuma seera Rabbii ka Rabbi mooticha ajajetti mana woyyuu Rabbii qulqulleessu'uuf seenan.
16
Worri gadootaa mana woyyuu Rabbii keessa isaa qulqulleessu'uuf ol seenanii waan battii mana woyyuu Rabbii keessatti argan maraa gara hulee itti gad bayan ka mana woyyu'uu baasan; worri Leewwotaa waan battii sanniin achii fuudhanii laga Qeedirooniititti gatan.
17
Hujiin qulqullummaa mana woyyu'uu ji'a jalqabaa guyyaa duraatii jalqabee guyyaa saddeetesso'ootitti kutaa gara mana woyyumma'aa seensisullee qulqulleessanii fixan; achiin maayessa mana woyyuu seera waaqeffanna'aatiif qopheessu'uuf guyyaa saddeetii itti eda'anii haga jiini seene guyyaa kudha jaheesso'ootitti hojjatanii fixan.
18
Worri Leewwotaa waan hujii mana woyyu'uu ka raawwatameef mooticha Hisqiyaasitti dhiyaatanii «Hulee ciinca'aa ka ciincaan irratti dhiyaatu gabatee xoroshoon woyyoome keessa taa'uu fi meeshaa maraa ka kanniiniin wol fakkaatu meeshaa mana woyyuu keessaallee qulqulleessineerra.
19
Akkasuma meeshaa mootichi Akaazi hennaa Rabbiif hin ajajamne fudhate sanniin deebifnee akka Rabbiif woyyooman gooneerra; meeshaan kunniin maruu hulee ciinca'aa ka ciincaan Rabbii irratti dhiyaatu afoo jira» jedhaniin.
20
Mootichi Hisqiyaas ganamaan ka'ee bulchoota qachatti'ii maraa wolitti qabee gara mana woyyuu Rabbii dhaqe.
21
Isaan waan mootummaa isaatiif, waan mana woyyuu Rabbiitii fi waan banii biyya Yihuuda'aatiif mirgoolee torbaa, korbeeyyii hoola'aa torba, korbeeyyii hoolotaa didiqqoo torbaa, korbeeyyii re'iinii torba ciincaa cubbu'uutiif dhiyeessan; ijoollee Aaroonii gadootaan «Hulee ciincaa Rabbii irratti ciincaa dhiyeessaa'a» isaaniin jedhe.
22
Mirgoolee sanniin qalanii worri gadootaa dhiiga san fuudhanii hulee ciinca'aa irratti facaasan; korbeeyyii hoolotaallee qalanii dhiiga san fuudhanii hulee ciinca'aa irratti facaasan; korbeeyyii didiqqoo hoolotaallee qalanii dhiiga hulee ciinca'aatitti facaasan.
23
Korbeeyyii re'iinii ta ciincaa cubbu'uutiif ciincoftu mooti'ii fi banii afoo fidanii harka irra kaayanii worri gadootaa korbeeyyii re'iinii sanniin qalanii
24
mootichi waan ciincaa ciincawuu fi ciincaa waan cubbu'uutiif dhiyaatu banii Israa'eliitiif akka ta'u waan ajajee tureef banii Israa'eliitii araara kadhachu'uuf dhiiga horii waan cubbu'uutiif jige hulee ciinca'aa irratti dhiyeessan.
25
Mootichi Hisqiyaas karaa Naataanii raattichaatii fi Gaadii raattichaatiin seera mooticha Daawititti kennee fi ka mootichi Daawitillee hujii irra oolche hordofee meeshaa sagalee guddaa kennu ka faaru'uutiin, meeshaa shaka shaka jedhuu fi worra Leewwotaa ka Masiinqoo dhawu'uun leenji'an mana woyyuu keessatti ramade.
26
Worri Leewwotaa meeshaa faaru'uu ka Daawitii qabatanii worri gadootaallee xurumbaa qabatanii dhaabatanii turan.
27
Mootichi Hisqiyaas ciincaa ciincawu akka hulee ciinca'aa irratti dhiyeessan ajaje; hennaa ciincaa dhiyeessuu jalqaban faaruu Rabbiillee faarfachuu jalqaban; xurumbaallee afuufanii meeshaa faaru'uu ka Daawitii mootii Israa'eliillee dhayan.
28
Baniin maruu hin sagadan; faarfattoonnillee hin faarfatan; worri xurumbaa afuufullee haga ciincaan sun ciincayee raawwatutti cadhisanii xurumbaa afuufan.
29
Hennaan ciincaan ciincawu raawwatame mootichi Hisqiyaasii fi baniin achi jiru maruu jilbiiffatanii Rabbii sagadan.
30
Mootichi Hisqiyaasii fi bulchoonni banii worra Leewwotaa dubbii raatticha Asaafiitii fi dubbii Daawitiitiin akka Rabbiin ulfeeffatan ajajan; isaanillee kanaaf jilbiiffatanii uduu kadhatan gammachuu gudda'aan faarfata'aa turan.
31
Mootichi Hisqiyaas bani'iin «Isin amma Rabbiif woyyoomtaniirtanii kootta'aatii ciinca'aa fi ciincaa galataa gara mana Rabbii fidaa'a!» jedhe; baniinillee ciinca'aa fi ciincaa galataa waan onneen isaanii fedhe maraa ciincaa ciincawullee fidan.
32
Ciincaan ciincawu ka baniin dhiyeesse mirgoolee torbaatamaa, korbeeyyii hoolotaa dhibba tokkoo fi korbeeyyii didiqqaa hoolotaa dhibba lamaa fidan; kunniin maruu ciincaa Rabbiif ciincawu ture.
33
Horiin ciinca'aa ka Rabbiif woyyoome sangoota dhibba jahaa fi hoolota kuma sadihiiti.
34
Garuu worri gadootaa ka gogaa horii qalamee baasan namoota hagoo waan ta'aniif worri Leewwotaa garaa guutu'uun waan uf woyyoomsa'aa turaniif haga raawwatamutti obboleewwan ufii worra gadootaa gargaara'aa turan.
35
Coomni ciincaa ciincawuutii fi ciincaa fayyumma'aaf dhiyaatuu ciincaa ciincawu maraa woliin bisaan dhuganillee ka waan kenna'aatiif dhiyaatu baay'ee ture; kunniin maruu hujii mana woyyuu Rabbiitiif dhiyaate.
36
Mootichi Hisqiyaasii fi baniin maruu waan Rabbi isaanii godheef guddisanii gammadan; wonti kun maruu ariiti'iin isaanii raawwatame.
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 30 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36