bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 30
2 Chronicles 30
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 31 →
1
Mootichi Hisqiyaas Rabbii Waaqa Israa'eliitiif ayyaana faasika'aa mana woyyuu Yerusaalemiin jirutti akka ayyaanteffataniif gara biyya Israa'eliitii fi gara biyya Yihuuda'aa maraa namoota erge; akkasuma gara biyya Efreemiitii fi gara biyya Minaase'eellee xalayaa barreesse.
2
Worri gadootaa, maruu akka isaan barbaachisutti waan hin woyyoomneef, baniinillee Yerusaalemitti waan wol hin geenneef ayyaana ayyaanteffachuu hin dandeenne;
3
mootichi, bulchoonninii fi baniin Yerusaalemii maruu ji'a lammeesso'oo keessa ayyaana faasika'aa ayyaanteffachu'uuf mari'ata.
4
Wonti isaan mari'atan kun mootichaa fi banii maraa afo'otti waan mishaa ture.
5
Akka isaan barbaachisutti waan hin ayyaanteffanneef ayyaana faasika'aa ka Rabbii Waaqa Israa'elii Yerusaalemiin keessatti ayyaanteffachu'uuf baniin Israa'elii akka dhufu Beersaabeehii jalqabanii haga Daaniititti labsii akka labsan murteessan.
6
Worri ergamtootaa akka ajaja mootichaatiin xalayaa mootichaatii fi ka bulchoota bani'ii ka akkana jedhu qabatanii gara Israa'eliitii fi gara worra Yihuuda'aa maraa deeman. «Ijoollee Israa'elii! isin worri boojuu mootii Asoorii jalaa baatan akka inni gara keessan deebi'u isin gara Rabbii Waaqa Abrahaamii, Yisaaqiitii fi Yaaqoobii deebi'aa'a.
7
Isin akka abboota teessan ta durii worra Rabbii hin ajajamneef Rabbiin yakkanii sanniiniitii fi akka obboleewwan teessan sanniinii hin ta'inaa'a.
8
Akka abboota teessanii lum'a hin jabaatinaa'a; Rabbitti uf kennaa'a; gara mana woyyuu ka inni baraa haga bara baraa woyyoomse ka Yerusaalemiin keessa jiruu koottaa'a; lola ufii jabaa akka isin irraa deebisu Rabbii Waaqa keessan waaqeffadhaa'a.
9
Rabbi Waandhi keessan arja'aa fi ka namaa dhiisu waan ta'eef isin gara isaa yoo deebitan innillee waan fuula ufii isin irraa hin deebifneef worra obboleewwanii fi ijoollee teessan booji'an maraa afo'otti araara argattan» jedhu isaanitti erge; gara biyya kanaallee hin deebi'an.
10
Worri ergaman xalayaa qabatanii gara biyya Efreemii, gara biyya Minaase'eetii fi gara biyya Baabiloonii qacha'aa gara qacha'aa deeman; worri isaan itti dhaqan sunniin garuu tuffatanii isaanitti kolfa'aa isaanitti baldan.
11
Garuu biyya Aseerii, biyya Minaase'eetii fi biyya Zaabiloonii keessaa namoonni hagoon gara laafumma'aan Rabbiin afo'otti uf salphisanii gara Yerusaalemii dhufan.
12
Rabbi onnee banii biyya Yihuuda'aa akka isaan ajaja Rabbii eeganiif, akka isaan ajaja mootichaatii fi seera bulchootaa eeganiif kakkaase.
13
Ji'a lammeesso'oo keessa baniin hagoon ayyaana xorosho'oo ayyaanteeffachu'uuf Yerusaalemitti wol gayanii
14
hulee ciinca'aatii fi hixaana waaqa tolfama'aaf aarsan maraa Yerusaalemiin keessaa balleessanii laga Qeedirooniititti gatan.
15
Ji'a lammeesso'oo keessa guyyaa kudha arfeesso'ootitti ayyaana faasika'aatiif hoolaa qalan; hennaa san gadoonninii fi worri Leewwotaa ka uf hin qulqulleessine guddisanii saalfatan; sababaa kanaaf isaan Rabbiif uf kennan; achiin maayessa mana woyyuu keessatti ciincaa dhiyeessuu jalqaban.
16
Akkuma seera Muuseen namni Rabbii isaanii kenneetitti mana woyyuu keessatti hulee isaanii ramadame dhaabatan; worri Leewwotaa dhiiga ciinca'aaf dhiyaate fuudhanii gadootatti kennan; worri gadootaa garuu dhiiga hulee ciinca'aatitti facaasan.
17
Banii keessa worri hin woyyoomne heddu waan turaniif korbeeyyii faasika'aaf ta'u qaluu hin dandeenne; kanaafuu worri Leewwotaa worra uf hin woyyoomsine maraafuu korbeeyyii hoolotaa qalanii gadootaa dhiyeessan.
18
Worri gosa Efreemii, gosa Minaase'ee, gosa Yisaakooriitii fi gosa Zaabiloonii keessaa namoonni baay'een akka seeraatitti uduu hin woyyoomne dhiyana ayyaana faasika'aa nyaatan.
19
Mootichi Hisqiyaas «Nama akka seera mana woyyu'uutitti hin woyyoomne, namni Rabbii Waaqa abboota ufii barbaadu maruu Rabbiin araaraa isaanii haa dhiisu!» jedhee Waaqa isaanii kadhate.
20
Rabbi kadhaa Hisqiyaasii hin dhagaye, baniillee hin fayyise.
21
Ijoolleen Israa'elii worri Yerusaalemiin keessatti argaman ayyaana xorosho'oo gammachuu gudda'aan worri Leewwotaatii fi worri gadootaa meeshaa faaru'uutiin faarfata'aa guyyama guyya'aan Rabbiin galatoonfata'aa turan.
22
Hisqiyaas worra Leewwotaa ka Rabbiin hubanna'aan tajaajilan maraa jajjabeessa'aa ture; isaan maruu ciincaa dhiyeessa'aa Waaqa abboota ufii galatoonfata'aa haga guyyaa torbaa ayyaanteffatan.
23
Achiin maayessa baniin maruu guyyaa torbeesso'ootitti lammeessoo ayyaanteffachu'uuf waan wolii galaniif ayyaana guyyaa torbeesso'oo ammallee gammachuu gudda'aan ayyaanteffatan.
24
Mootichi biyya Yihuuda'aa Hisqiyaas mirgoolee kuma tokkoo, hoolotaa fi re'iin kuma torbaa haa ciincaa ciincessani'iif bani'iif kenne; akkasuma worri bulchootaallee mirgoolee kuma tokkoo, hoolotaa fi re'iin kuma kudhanii bani'ii kennan; gadoonni baay'een uf woyyoomsan.
25
Baniin biyya Yihuuda'aa, worri gadootaatii fi worri Leewwotaa, baniin biyya Israa'eliitii dhufanii fi keessummoonni biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan guddisanii gammadan.
26
Yerusaalemiin keessatti gammachuu gudda'atu ta'e; bara mooticha Solomoonii ilma Daawitii mootii biyya Israa'elii irraa jalqabee Yerusaalemiin keessatti ayyaanni akkanaa kun ayyaanteeffamee hin beeku.
27
Worri gadootaatii fi worri Leewwotaa ka'anii banii eebbisan; laagaan isaanii guddisee dhagayame; kadhaan isaaniillee mana woyyuu Rabbii keessaa gara sami'ii ol baye.
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 31 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36