bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 32
2 Chronicles 32
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 33 →
1
Mootichi Hisqiyaas haga Rabbii amanamumma'aan hojjateen maayessa mootichi biyya Asoorii Sanaakireem qachaa biyya Yihuuda'aa keessa seenee akka mooyatu beekee qachoota dallawa itti ijaaran marse.
2
Mootichi Hisqiyaas akka mootiin biyya Asoorii Sanaakireem Yerusaalemiin lolu'uuf dhufe haga arge,
3
burqaa bisaanii ka qacha'aan ala jiru akka cufaniif bulchoota ufiitii fi worra jajjaboota woliin mari'ate; isaanillee isa gargaaran.
4
Namoonni Hisqiyaasii baay'een wol gayanii «Mootonni biyya Asoorii maaf bisaan asii woraabbatan?» jedhanii burqaa bisaaniitii fi burqaa yaa'u maraa cufan.
5
Mootichi Hisqiyaas dallawa ijaaree ka ijaare san irrattillee hulee irra taa'anii eegan hojjatee dallawa san duubaanillee dallawa biraa ijaaree akka qachattiin hin tuqamne godhe; ammallee dallawa Yerusaalemiin irraa gara biyya biiftu'uutittin argamu ijaaree haarawoomsee woraana hedduu fi wonteellee hojjate.
6
Bulchoota woraanaa banii irratti baallii kenneefii hulee itti gad bayan ka balbala qachatti'iititti isaan maraa wolitti qabee
7
«Jabaadhaa'a; worra onnee guutu'uu ta'aa'a; ka nu woliin jiru ka isaan woliin jiru waan caaluuf mooticha biyya Asooriitii fi loltoota isa woliin jiranillee hin sodaatinaa'a; hin nayinalle'e.
8
Hunni isa woliin jiru hunna fooniiti; ka nu woliin jiru garuu Rabbii Waaqa keenna ka nuu loluu fi ka nu gargaaru» jedhee isaan jajjabeesse; baniin maruu dubbii mooticha Hisqiyaasii biyya Yihuuda'aatiin jajjabaatan.
9
Kanaan maayessa mootichi biyya Asoorii Sanaakireem hennaa loltoota ufii maraa woliin Laakisoon jiru garboota ufii gara biyya Yerusaalemii gara Hisqiyaasii mootii biyya Yihuuda'aatii fi worra Yihuuda'aa ka Yerusaalemiin keessa jiraataniin
10
«Mootiin biyya Asoorii Sanaakireem isin eennuun hedattanii kushee Yerusaalemii keessa jiraattan?
11
Rabbi Waandhi keenna mootii biyya Asoorii jalaa nu oolcha jedha'aa beelaa fi dheebu'uun akka dhumtan ka isin sossobu mootii Hisqiyaasii mii?
12
‹Hulee ciinca'aa tokkotti sagadaa'a; isuma irrattillee hixaana aarsaa'a› jedha'aa biyya Yihuuda'aatii fi biyya Yerusaalemii ajajee hulee itti sagadan ka gaarraniitii fi hulee ciincaa irratti dhiyeessan ka diige Hisqiyaasii mii?
13
Anii fi abboonni tiyya waan orma maraa irratti goone hin beennee? waaqolee tolfamaa ka worra ormaa keessaa tokkollee ka banii ufii oolche hin jiraa?
14
waaqolee tolfamaa abbootiin teenna balleessan ka isin oolchuu danda'e, ka abbootiin keessan balleessan waaqolee tolfamaa worra ormaa keessaa ka isin oolchuu danda'e eennu?
15
Amma Hisqiyaas akkanatti isin sobee isin hin dhamaasin; isin isa hin amaninaa'a; waaqoleen tolfamaan worra moototaatii fi ka ormaa maruu banii ufii harka kiyyaa fi harka abboota kiyyaa irraa ka oolchuu danda'e hin jiru; eeganaa waandhi keessan tolfamaan harka kiyya irraa attamitti isin oolchuu danda'a?»
16
Worri baallii qaban ka biyya Asoorii Rabbi Waaqaa fi garbicha isaa Hisqiyaasiin irratti dubbii hamaa waan kana caalu dubbatan.
17
Akkasuma xalayaa «Rabbii Waaqa Israa'elii arrabsu'uuf, isa irrattillee waan hamaa dubbachu'uuf waandhi tolfamaan worra ormaa banii ufii na jalaa baasuu akka hin dandeenne waandhi mooticha Hisqiyaasiillee banii ufii ana jalaa baasuu hin danda'u» jedhu isaanii barreesse.
18
Worri baallii qaban ka biyya Asoorii namoota biyya Yerusaalemii ka dallawa irra taa'anii eeganiin afaan Ibraayisxiitiin laagaa dhageessisan; sababaan waan kana godhaniif banii naasisanii, abdii kutachiisanii qachattii karaa salpha'aan qabuu yaadaniiti.
19
Akkuma waaqa tolfamaa harka namaatiin hojjatame irratti ka'an san Waaqa Yerusaalemii irrattillee dubbata'aa turan.
20
Kanaan maayessa Hisqiyaasii fi ilmi Amootsii Isaayyaas raattichi Rabbiin kadhate; akka inni isaan gargaaruuf jabeessanii kadhatan.
21
Rabbi maleekkaa ufii akka bulchoota baallii qaban jajjaba'aa fi bulchoota mootii biyya Asoorii balleessuuf erge; mootichi biyya Asoorii salphatee gara biyya ufii deebi'e; hennaa inni gara mana waaqa ufii seene ijoolleen inni uumate achitti guraade'een isa ajjeesan.
22
Akkaataa kanaan Rabbi mooticha Hisqiyaasii fi banii biyya Yerusaalemii keessa jiraatan Sanaakireemii mootii biyya Asoorii jalaa isaan oolchee lola naannoo isaanii jiru maraa irraa hara isaan baafachiisee ollaa ufii woliin akka nagayaan jiraatan godhe.
23
Waan kanniin maraan maayessa namoonni hedduu kennaa Rabbiif kennan qabatanii gara Yerusaalemii dhufan; Hisqiyaasii mootii biyya Yihuuda'aatiifillee kennaa kennan; hennaa san irraa jalqabee baniin maruu guddisanii isa kabajjan.
24
Hennaa san mootichi Hisqiyaas dhibamee du'uu geennaan Rabbiin kadhatee Rabbi akka isa fayyisu malkata fayyumma'aa kenneef.
25
Hisqiyaas garuu waan guddisee booneef waan mishaa Rabbi godheef galata Waaqaa barbaachisu hin kennineef; sababaa kanaaf isa, banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemii irra rakkoon guddaan gaye.
26
Garuu Hisqiyaasii fi baniin Yerusaalemii dhuma irratti gara laafumma'aan waan gad uf deebisaniif Rabbi haga guyyaa Hisqiyaas du'aan ardii kana irraa deemeetitti banii hin adabne.
27
Mootichi Hisqiyaas qabeenna gudda'aa fi ulfinna guddaa qaba ture; mana meesha'aa ka birri'ii fi worqii, mi'a gatii gudda'aa, urgooftuu, ka wonte'ee fi mi'a kabajjamaa keessa kaayu hojjatee fixe.
28
Mana midhaan, dhadhaan ejersaatii fi daadhiin woyini'ii keessa taa'u, gooruu horiin adda addaa keessa buluu fi tika hori'iitiifillee moonaa ijaare.
29
Rabbi waan qabeenna guddaa isaa kenneef qachoota hojjatee hoolota, re'iinii fi horii hedduu itti galche.
30
Hisqiyaas burqaa bisaanii ka Giyoonii ka gara gubba'aatiin jiru ittisee bisaan gara dhiya adu'uutiin gara qachaa Daawitii akka lola'u godhe; wonti Hisqiyaas hojjachu'uuf karoorfate maruu hin ta'eef.
31
Garuu ergamtoonni Baabiloonii ka abboota murti'ii hennaa baasa biyya isaatitti hojjatame isa gaafachu'uuf gara biyya isaa ergaman Rabbi waan onnee Hisqiyaasii keessa jiru qoree beeku'uuf itti cadhise.
32
Wonti mootichi Hisqiyaas hojjate arjummaan isaa kitaaba mootota Israa'elii, kitaaba Isaayyaasiitii fi kitaaba Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
33
Mootichi Hisqiyaas du'ee qachaa Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwalame; worri Yihuuda'aatii fi worri Yerusaalemiin keessa jiraatan maruu seera awwaalaa kabajjaa gudda'aan raawwataniif; bikka isaa ilma isaa Minaase'etu mooye.
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 33 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36