bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 33
2 Chronicles 33
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 34 →
1
Minaaseen hennaa biyya Yihuuda'aa irratti mooyu mucaa woggaa kudha lamaati; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa shantamii shanii bulche.
2
Waan hamaa worri ormaa hojjata'aa turan ka Rabbi banii Israa'elii afo'oo balleesse san Rabbiin afo'otti hojjate.
3
Inni hulee itti sagadan ka gaarran gubba'aa ka abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; hulee ciinca'aa ka waaqa tolfamaa Ba'aaliillee hin ijaare; muka jala taa'anii waaqeffatanillee hin dhaabe; urjiiwwan sami'iitiillee sagada'aa waaqeffate.
4
Hulee ciinca'aa ka waaqa tolfama'aa mana Rabbii ka Yerusaalemiin jiru ka Rabbi maqaan kiyya itti waamama jedhe keessatti hojjate.
5
Mana Rabbii keessatti hulee itti gad bayan lamaanittuu hulee ciinca'aa ka waandhi tolfamaan urji'ii itti waaqeffamu hojjate.
6
Ijoollee uufii ta dhiiraa dhooqa Heenoomii keessatti ciincesse; inni nama moruu fi ka moora laalu ta'ee nama asma'aa fi worra hafuura worra du'anii waamu gorsa gaafata'aa ture; cubbuu akkanaa guddaa kanniin Rabbiin afo'otti hojjatee Rabbiin aarse.
7
Mootichi Minaaseen mana Rabbii ka Rabbi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin «Mana Yerusaalemiin keessatti dhaabe ka banii Israa'elii maraa keessaa filadhe keessatti maqaan kiyya baraa haga bara baraa itti waamama;
8
baniin Israa'elii waan ani isaan ajaje maraa, seeraa fi ajaja Muuse'etti kenname eeganii yoo murtii qajeelaa murteessan lafa ani abboota isaaniitii kenne keessaa isaan hin fageessu» jedhe keessatti fakii waaqa tolfama'aa hojjatee keessa dhaabe.
9
Minaaseen waaqa tolfamaa worra ormaa ka Rabbi banii Israa'elii afo'oo balleesse caalaa baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii akka waan hamaa hojjataniif isaan dogoggorsiise»
10
Rabbi Minaase'ee fi bani'itti dubbate; isaan garuu isa hin dhageenne.
11
Kanaaf Rabbi bulchoota duultota biyya Asoorii isaanitti fidee isaan Minaasee qabanii filaa funyaanitti godhanii haada sibiilaatiin isa hidhanii gara biyya Baabiloonii isa fidan.
12
Inni hennaa guddisee rakkate Waaqa abboota ufii afo'otti guddisee uf salphise.
13
Inni Rabbiin kadhate; Rabbillee kadhaa isaa dhagayee gara mootummaa ufii Yerusaalemitti isa deebise; Minaaseen Rabbi Waaqa dhuga'aa akka ta'e beeke.
14
Kanaan maayessa Minaaseen qachaa Daawitii dudda duubaan dhooqa Giyoonii ka gara dhiya adu'uutiin haga seensa balbala qurxummi'iititti dallawa ijaaree ijaarsa san haga Oofeelii irra naannessee ol fageessee ijaare; qachoota biyya Yihuuda'aa ta ijaaramte maraa keessa bulchoota duultotaa kaaye.
15
Minaaseen waaqa tolfamaa worra ormaatii fi fakii waaqa tolfama'aa ka ufii hojjate maraa mana Rabbii keessaa balleesse; hulee ciinca'aa ka waaqa tolfama'aa mana woyyuu Rabbii ka gaara gubba'aa keessa jiruu fi ka Yerusaalemiin keessatti hojjate maraa qacha'aan ala baasee gate.
16
Hulee ciinca'aa ka Rabbii deebi'ee haarawoomsee ciincaa fayyumma'aatii fi ciincaa galataa itti ciincessee baniin biyya Yihuuda'aa Rabbii Waaqa Israa'elii akka waaqeffatan ajaje.
17
Baniin garuu hulee itti sagadan ka gaarran gubba'aa irratti ciincaa ciincessanillee Rabbii Waaqa ufiitii ciincessan.
18
Wonti Minaaseen hojjate, kadhaan inni Waaqa ufii kadhate, dubbiin raattotaa ka maqaa Rabbiitiin isatti dubbatame kitaaba seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
19
Akkasuma faateen isaa, Rabbi kadhaa isaa akka dhagayeef, uduu Rabbiif gad uf hin deebifne hulee itti sagadan ka gaarran gubba'aa, fakiin inni hojjate, huleen mukkiin jala taa'anii waaqeffatan ka inni dhaabe kitaaba seenaa raattotaa keessatti barreeffameera.
20
Minaaseen du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman mana mootumma'aa biratti isa awwaalan; bikka isaa ilma isaa Amootsitu mooye.
21
Amootsi hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii lamaati; Yerusaalemitti woggaa lama bulche.
22
Inni akkuma abbaan isaa Minaaseen Rabbiin afo'otti waan hamaa godhe innillee waan hamaa hojjate; fakii waaqa tolfama'aa ka abbaan isaa Minaaseen hojjateef ciincaa ciincessee isaan waaqeffate.
23
Akka abbaan isaa Minaaseen Rabbiin afo'otti gad uf deebise inni gad uf hin deebifne; guddisee cubbuu hojjate.
24
Goshoonni Amootsii worri baallii qaban worri isa woliin hojjatan wol ta'anii isatti ka'anii mana mootumma'aa keessatti isa ajjeesan.
25
Baniin biyya Yihuuda'aa worra isatti ka'anii isa ajjeesan sanniin ajjeesanii bikka isaa ilma isaa Iyyoosiyaasiin moosisan.
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 34 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36