bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 35
2 Chronicles 35
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 34
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 36 →
1
Mootichi Iyyoosiyaas ulfinna Rabbiitiif Yerusaalemiin keessatti ayyaana faasika'aa kabajje; baniin ji'a jalqabaa guyyaa kudha arfeesso'ootitti hoolaa qalanii ayyaana faasika'aa ayyaanteffatan.
2
Mootichi hujii worri gadootaa hojjatan ramadee hujii mana woyyuu keessatti hojjatan irratti isaan jajjabeesse.
3
Worra Leewwotaa ka Rabbiif uf woyyoomsanii banii Israa'elii maraa barsiisaniin «Saanduuqa waadaa Rabbii woyyuu mana woyyuu Rabbii ka Solomoon ilmi Daawitii mootiin Israa'elii ijaare keessa kaayaa'a; armaan maayessa ba'aa isinitti hin ta'u; isin ammallee Rabbii Waaqa keessanii fi banii Israa'elii maraa tajaajilaa'a.
4
Akkaatama ajaja mootichi Daawitii fi ilmi isaa mootichi Solomoon isinii kennaniititti mana woyyuu keessatti tajaajilu'uuf hule hulee keessan qabadhaa'a;
5
Isin worri Leewwotaa banii Israa'elii maraa, maatii isaaniillee gargaaruu akka dandeettan hujii mana woyyu'uu keessatti isinii kenname qoqqoodama'aatii hulee hulee keessanitti wol gurmeessaa'a.
6
Baniin keessan baniin Israa'elii ajaja Rabbi karaa Muuse'eetiin kenne akka uf eegganno'oon hojjattan uf qulqulleessa'aatii hoolota faasika'aa qalaa'a» isaaniin jedhe.
7
Mootichi Iyyoosiyaas horii ufii keessaa waan ayyaana faasika'aatiif ta'u korbeeyyii hoolotaatii fi korbeeyyii re'iinii kuma soddomaa fi mirgoolee kuma sadihii kenne; kanniin maraa waan ufii qabu keessaa kenne.
8
Abboonni murti'iillee bani'ii fi worra gadootaatii, worra Leewwotaatiifillee fedha ufiitiin kennan; bulchoonni mana Rabbii Kelqiyaas, Zakkaariyaasii fi Yihi'eel ciincaa ayyaana faasika'aatiif hoolotaa fi re'iin kuma lamaa fi dhibba jahaa, sangoota dhibba sadihii worra gadootaatii kennan.
9
Bulchoonni worra Leewwotaa Konaaniyaa'a, obboleewwan isaaniillee Shamaayaanii fi Naatinaa'eel, Hashaabiyaan, Yi'i'eelii fi Yoozaabaati hoolotaa fi re'iin ciincaa ayyaana faasika'aatiif ta'u kuma shanii fi sangoota dhibba shanii worra Leewwotaatii kennan.
10
Wonti ayyaana faasika'aatiif qopheessan haga qophaayeen maayessa worri gadootaatii fi worri Leewwotaa akkuma mootichi isaan ajajetti hujii adda addaa hojjachu'uuf hulee isaanii kenname qabatanii dhaabatan.
11
Gogaa korbeeyyii hoolotaatii fi ka re'iinii ka ayyaana faasika'aatiif qalame worra Leewwotaatitu irraa kaase; worri gadootaa garuu dhiiga san hulee ciinca'aatitti facaasan.
12
Akkuma kitaaba seera Muuse'ee keessatti barreeffame akka Rabbiif dhiyeessanii fi akka maatii ijoollee banii abboota ufiitii kennaniif ciincaa ciincawu addaan baasan; sangootallee akkasuma addaan baasan.
13
Ciincaa ayyaana faasika'aatiif ta'u ibiddatti woddanii kennaa woyyoome otte'etti, xuwwe'ee fi kere'etti affeelanii banii maraafuu yoma san qoodan.
14
Kanaan maayessa worri Leewwotaa ufii fi gadoota fiixaa Aaroonii ta'aniif ciincaa ayyaana faasika'aa qopheessan; wonti waan kana qopheessaniif worri gadootaa ciincaa ciincawuu fi cooma ciincawu maraa halkan guutuu waan ciincessa'aa bulaniif.
15
Faarfattoonni ijoolleen Aaroonii akkuma ajaja Daawitii, akkuma Asaafii, akkuma Emaaniitii fi akkuma Eedootaamii mootichaa raaguutitti hule hulee qabatan; worri balbala mana woyyu'uu eeganillee balbala mana woyyu'uu eega'aa turan; isaan waan worri Leewwotaa waan maraa isaanii qopheessaniif hujii ufii irraa hin fagaatan turan.
16
Akkuma ajaja mooticha Iyyoosiyaasiititti ciincaa hulee ciinca'aa irratti Rabbiif dhiyaatu haa dhiyeessani'iif ayyaana faasika'aallee akka ayyaanteeffataniif, wonti Rabbiif hojjatan maruu guyyama san qophaaye.
17
Worri Israa'elii worri qophaayan guyyama san ayyaana faasika'aatii fi ayyaana xorosho'oo haga guyyaa torbaa ayyaanteeffatan.
18
Bara Saamu'eelii raattichaa irraa jalqabee ayyaanni faasika'aa ka akkanaa kun biyya Israa'elii keessatti sirima ayyaanteffamee hin beeku; ayyaana akka ayyaana baniin Israa'eliitii fi baniin biyya Yihuuda'aa ka achi jiran ayyaanteeffatan caalaa ka ayyaana akkanaa kana ayyaanteeffate hin jiru.
19
Ayyaanni faasika'aa kun mootichi Iyyoosiyaas mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti ayyaanteeffame.
20
Mootichi Iyyoosiyaas haga mana woyyuu haarawoomseen maayessa mootiin biyya Misirii Nikaa'uun Karkamishii laga Efraaxisii bira jiru biratti isaan wol lolu'uuf baye; mootichi Iyyoosiyaasillee isaan wol lolu'uuf baye.
21
Nikaa'uun garuu mooticha Iyyoosiyaasiin, «Ati mootii biyya Yihuuda'aa! wonti anaa fi si'i wol lolchiisu hin jiru; ani diintota kiyyaan lolu'uuf dhufe malee siin wol lolu'uuf hin dhufne; ani akka daddafee diintota kiyyaan lolu Rabbi na ajajeera; Rabbi waan na woliin jiruuf uduu naan morkuu baattee sii woyya; yoo didde garuu Rabbi si balleessa» jedhee dhaamsa itti erge.
22
Iyyoosiyaas garuu isaan wol lolu'uuf murteeffate, waan Rabbi mooticha Nikaa'uu irraan dubbate dhagawuu hin feene; uffata mootumma'aa jijjiiratee nama biraa fakkaatee dhooqa Magido'ootitti isaan wol lolu'uuf dhaqe.
23
Worri ebo'oon lolan mooticha Iyyoosiyaasiin woraannaan inni worra isa woliin jiruun, «Ani guddisee woraannamee madaayeeraa lola keessaa na baasaa'a!» isaaniin jedhe.
24
Worri isa woliin jiranillee gaarii fardaa san irraa buusanii gaarii isaa ka fardaa ka lammeesso'oo irra isa kaayanii gara Yerusaalemii isa fidan; inni du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii maruu mootii Iyyoosiyaasiif booyan.
25
Ermiyaas raattichi hoolemanchoo fideef; faarfattoonni dhiiraatii fi ta intalaa wolaloo booyaa irratti haga adhaa waan mooticha Iyyoosiyaasii dubbatan; wonti kun aadaa biyya Israa'elii keessatti wolaloo booyaa keessatti barreeffameera.
26
Wonti mootichi Iyyoosiyaas hojjate, jaalalli inni Rabbiif qabu, akki inni seera Rabbiitiif ajajamu,
27
seenaan isaa ka jalqaba irraa haga dhumaa jiru maruu seenaa kitaaba mootota biyya Israa'eliitii fi ka biyya Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
← Chapter 34
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 36 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36