bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 36
2 Chronicles 36
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
1
Baniin biyya Yihuuda'aa Iyyoo'aakisii ilma Iyyoosiyaasii bikka abbaa isaa Yerusaalemitti isa moosisan.
2
Iyyoo'aakisi hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii sadihii ture; Yerusaalemiin keessatti ji'a sadihi bulche.
3
Mootichi biyya Misirii Nikaa'uun Iyyoo'aakisiin hidhee baniin biyya Yihuuda'aa birrii saqilii dhibba tokkoo fi worqii saqilii tokko akka isa gabbaran taasise.
4
Mootichi biyya Misirii obboleessa Iyyoo'aakisii Eeliyaaqee biyya Yihuuda'aatii fi biyya Yerusaalemii irratti moosisee maqaa isaallee Iyyoo'aaqeem jedhee itti baase; Nikaa'uun Iyyoo'aakisii obboleessa isaa gara biyya Misirii fide.
5
Iyyoo'aaqeem hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii shanii ture; Yerusaalemiin keessatti woggaa kudha tokko bulche; innillee Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan hamaa hojjate.
6
Mootiin biyya Baabiloonii Nabukadanatsoor biyya Yihuuda'aa marsee Iyyoo'aaqeemiin haada sibiila ka sibiila diimaa irraa hojjatameen hidhee gara biyya Baabiloonii isa fide.
7
Mootichi Nabukadanatsoor mana woyyuu Rabbii keessaa mi'a baay'ee saamee mana mootumma'aa ka biyya Baabiloonii keessa jiru keessa kaaye.
8
Wonti mootichi Iyyoo'aaqeem hojjate, wonti hamaan inni godhe maruu kitaaba seenaa mootota biyya Yihuuda'aatii fi ka biyya Israa'elii keessatti barreeffameera; bikka isaa ilma isaa Yoo'aakinitu mooye.
9
Yoo'aakiin hennaa mooyu dargaggeessa woggaa kudha saddeetii ture; Yerusaalemiin keessatti ji'a sadihii fi guyyaa kudhan bulche; innillee Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate.
10
Hennaa jiini badheessaa gayu Nabukadanatsoor nama itti ergee gara biyya Baabiloonii isa fide; meeshaa woyyuu mana Rabbii keessa jirullee hin fudhachiise, obboleessa ufii Sedeqiyaasiin biyya Yihuuda'aatii fi biyya Yerusaalemii irratti moosise.
11
Sedeqiyaas hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii tokkoo ture; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa kudha tokko bulche.
12
Innillee Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan hamaa hojjatee Rabbiin gaddisiise; Ermiyaasii raatticha dubbii Rabbii itti hime gara laafumma'aan hin dhageenne.
13
Mootichi Sedeqiyaas armaan dura mooticha Nabukadanatsoor akka inni isaa amanamaa ta'uuf kakachiisee isa moosise irratti ka'e gaabbee aagii galee gara Rabbii Waaqa Israa'elii deebi'uu dide.
14
Akkasuma bulchoonni gadootaatii fi baniin maruu yakka ormi baay'een hojjatan hojjatanii mana woyyuu Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru batteessan.
15
Rabbi Waandhi abboota isaanii bani'ii fi mana woyyuu ufiitiif waan gaddeef raattota ufii ganama ganama isaanitti erga'aa ture.
16
Isaan garuu haga lolli Rabbii banii irratti dhufutti akka fayyummaa sirima argachuu hin dandeennetti raattota Rabbiititti kolfa'aa dubbii isaaniillee salphisa'aa isaanitti balda'aa turan.
17
Kanaaf Rabbi mootii Baabiloonii isaanitti fide; inni ka'imtoota isaanii mana woyyuu keessatti fixe; Rabbi mooticha Nabukadanatsooriif dabarsee waan isaan kenneef inni jaarsa, ka'ima, dhiiraa fi intala eennuunillee uduu addaan hin baafne uduu isaanii garaa hin laafne maraa fixe.
18
Mootichi biyya Baabiloonii Nabukadanatsoor mi'a mana Rabbii didiqqa'aa fi gugurdaa, galmee mana woyyuu Rabbii jiruu fi galmee bulchootaatii fi ka moototaa gara biyya Baabiloonii fide.
19
Mana woyyuu Rabbii hin guban; dallawa Yerusaalemiillee hin diigan; galma isi'iillee ibiddaan guban; meeshaa isi'ii mishaa maraa hin balleessan.
20
Worra guraadee jalaa bayan booji'ee gara biyya Baabiloonii isaan fide; isaan haga mootiin biyya Faaresii mooyuutitti garboota ijoollee isaaniitii fi ka mootichaa ta'an.
21
Akkaataa kanaan Rabbi tanaan dura karaa raatticha Ermiyaasiitiin «Baniin akkuma Sambata kabajjuu didaniin biyyi sun haga woggaa torbaatamaa ona ta'ee waan hafuuf hara baafata Sambataa argatti. » jedhu dubbiin raagaa raawwatame.
22
Dubbiin Rabbii ka raattichi Ermiyaas dubbate akka raawwatamuuf Rabbi Qiroosii mootii biyya Faaresii woggaa jalqabaa bulchiinsa isaa keessatti akka labsiin labsamuu fi akka barreeffamu isa kakkaase.
23
Qiroos mootiin biyya Faaresii, «Rabbi Waandhi sami'ii mootota biyya lafaa maraa naa kenneera; Yerusaalemii biyya Yihuuda'aa keessa jirtu keessatti akka mana isaa ijaaru na ajajeera; Rabbi banii isin keessa jiru maraa woliin haa jiraatu; kanaafuu worri nama Rabbii taatan maruu gara Yerusaalemii dhaqaa'a» jedhee labsii labsisiise.
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36