bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 6
2 Chronicles 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 7 →
1
Kanaan maayessa mootichi Solomoon «Yaa Rabbi ati ‹Ani duumessa dukkanaayaa keessa jiraadha?› jetteerta.
2
Ani garuu mana woyyuu gaachena qabu bareeda sii ijaareera. Manni kun mana ati baraa haga bara baraa keessa jiraattu» jedhe.
3
Hennaa kana baniin Israa'elii isa bira dhaabataniiran; mootichi Solomoon gara isaanii gara galee akka Rabbi isaan eebbisuuf,
4
«Rabbii Waaqa Israa'elii galanni haa gawu; inni waadaa abbaa kiyya Daawitiin woliin gale raawwateera; dubbiin abdi'ii ka inni abbaa kiyyaa kennellee akkana jedha;
5
‹Hennaa banii kiyya biyya Misiriitii baase irraa jalqabee haga adhaa hulee mana woyyuu kiyya itti ijaaru biyya Israa'elii maraa keessaa qachaa takkallee akkasuma nama banii kiyya Israa'eliin bulchu hin filanne.
6
Amma garuu Yerusaalemiin akka maqaan kiyya itti waamamu, akka banii kiyya Isaa'eliin masakkitu si Daawitiin filadheera»
7
Abbaan kiyya Daawiti, «Rabbii Waaqa Israa'eliitii mana ijaaru'uuf qalbii ufii keessatti yaadee ture.
8
Rabbi garuu abbaa kiyya Daawitiin «Maqaa kiyyaan mana naa ijaaru'uuf waan yaaddeef kana waan mishaa yaadde.
9
Garuu ilma kee ka si irraa dhalatutu mana naa ijaara malee ati mana naa hin ijaartu» jedheen.
10
Mootichi Solomoon «Rabbi waadaa gale raawwateera; kanaafuu bikka abbaa kiyyaa mootii Israa'elii ta'ee muudamee maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiif mana ijaareera;
11
Saanduuqa waadaa Rabbii ka Rabbi banii Israa'elii woliin waadaa galellee mana woyyuu keessa kaayeera» jedhe.
12
Kanaan maayessa mootichi Solomoon banii afoo hulee ciinca'aa ka balbala mana woyyu'uu afoo madabii irra dhaabate; madabiin kun badhinni fi dheerinni isaa ciqilee shan, dalgi ciqilee shan ol fageenni ciqilee sadihii sibiila diimaa irraa hojjatee balbala mana woyyu'uu afoo dhaabe; inni madabii kana irra hulee namni maruu isa arguu danda'u irra dhaabatee harka ufii badhisee;
14
«Rabbii Waaqa Israa'elii! ardi'ii fi sami'ittillee Waandhi akka keetii sirima hin jiru; ati waadaa banii keetii galte hin eedda; worra garaa qulqullu'uun si duukaa bu'an jaalala kee ka bara baraa isaanii ibsita.
15
Waadaa abbaa kiyya Daawitii kennite jabeessitee waan isatti dubbatte maraa raawwatteerta.
16
Rabbii Waaqa Israa'elii! Waadaa abbaa kiyya Daawitii ka ‹ati akkuma seera kiyya eedde ijoolleen teellee yoo eedde fiixaa kee keessaa ka banii Israa'eliin irratti mooyu hin dhabamu› jettee isaa galte san akka naa raawwattu si kadhadha.
17
Eeganaa Rabbii Waaqa Israa'elii waadaa abdi'ii ka abbaa kiyya Daawitii galte san maraa naa raawwadhu.
18
Garuu dhugamaan Rabbi lafa irratti nama woliin hin jiraataa? samiin samii gubba'aallee si baatuu hin danda'u; manni ani ijaare kun hagam danda'a?
19
Garuu Rabbi Waaqa kiyya; faate'ee fi kadha'aa kiyya ka garbicha keetii dhagayi; waamsa ani si waamadhullee naa dhagayi.
20
Ijji tee gara mana woyyuu kanaa ka ‹maqaa kiyyatu itti waamama› jettee halkanii fi guyyaa haa laaltu; kadhaa ani mana woyyuu kana keessatti kadhadhu naa dhagayi.
21
Ani tajaajilaa kee ta'e; anii fi baniin kee Israa'el gara mana woyyuu kanaa laallee yoo si kadhannu kadhaa keenna samii teessoo kee irra taa'ii nuu dhagayi; nuu dhiisille'e.
22
Namni yoo goshoo ufii yakke; yoo isa himatanii isa gara mana woyyuu kanaa fidanii inni yakka irraa qulqulluu akka ta'e yoo kakatee hime,
23
Yaa Rabbi ati samii irra taa'ii dhagayiif; tajaajiltoota teetiillee murtii qajeelaa murteessi; namni yakke yakka ufiitiin akka adabamu, namni yakka hin qabne akka bilisa bayu godhi.
24
Baniin kee Israa'el si yakkanii yoo diina ufiitiin dhayamanii gara kee deebi'anii yoo maqaa kee ulfeeffatan mana kana keessatti worwaatanii yoo si kadhatan ati sami'ii isaanii dhagayi.
25
Cubbuu banii kee Israa'elii dhiisiif; lafa isaanii fi abboota isaaniitii kenniteetitti isaan galchi.
26
Yoo isaan si yakkanii sababaa isaan si yakkaniif ati akka roobni hin roobne goote isaan dhufanii yoo mana kana keessatti si kadhatan yoo maqaa kee kabajjan, yoo cubbuu ufii irraa deebi'an ati samii irraa isaanii dhagayi.
27
Cubbuu banii keetii fi garboota kee ka Israa'elii isaanii dhiisi; karaa mishaa isaan irra deemanillee isaanitti mudhisi; lafa banii keetii kenniteef irratti rooba roobsi.
28
Lafa irratti beelli, rakkinni, waagiin, raammoon, korophiisaa fi Awwaannifni yoo dhufan diinni isaanii qachaa isaanii marsanii yoo isaan rakkisan balaa adda addaatii fi dhibe'een yoo rakkatan,
29
Namni kamuu yookaan baniin kee Israa'el maruu namni kamuu dhibee ufiitii fi gadda ufii beekee yoo si worwaatee si kadhate harka ufii gara mana woyyuu kanaa badhisanii yoo si kadhatan,
30
lafa ati abboota isaaniitii kennite irra bara jiraatan maraa baraa haga bara baraa si sodaata'aa akka jiraatan, karaa kee qajeelaa irra akka deeman samii irraa isaanii dhagayii cubbuu isaanillee isaanii dhiisi; ati callaan waan yaada garaa namaa beettuuf, nama yaada garaa isaa beettu maraaf akka hujii isaa isaa kenni.
32
«Keessummaa ka banii Israa'elii hin taane ka biyya fago'oo waan maqaa kee gudda'aatii fi waan irree kee jaba'aatiif waan irree kee ka diriireetiif yoo dhufee gara mana kanaa laalee si kadhate,
33
ati samii irraa isaanii dhagayi worri Yihuudii hin taanee maruu akka maqaa kee beekanii akkuma banii Israa'elii akka si sodaatan manni woyyuun ani ijaare kun maqaan kee akka keessatti waamamu akka beekan; waan keessummaan kun si kadhate maraa raawwadhuuf.
34
«Baniin kee diina ufiitiin lolu'uuf karaa ati isaan masakkiteen yoo bayan, gara qachaa ati filattee tanaa fi gara mana woyyuu ani maqaa keetiin sii ijaaree kana laalanii yoo si kadhatan,
35
kadhaa isaanii samii irraa isaanii dhagayii murtii qajeelaa isaanii murteessi.
36
«Namni si hin yakkine waan hin jirreef, ati isaaniin loltee diintota isaaniitiif yoo isaan kennite, biyya dhiyo'oo fi biyya fago'ottillee yoo booji'aman,
37
biyya itti booji'amanitti yoo aagii galanii fi biyyuma sanitti yoo ‹Cubbuu hojjanneerra si yakkineerra, waan hamaallee hojjanneerra› jedhanii si kadhatan kadhaa isaanii dhagayiif,
38
biyyuma itti booji'aman san keessa uduu jiran onnee qulqullu'uu fi garaa ufii guutu'uun gara kee yoo deebi'an gara lafa ati abboota isaaniitii kennitee fi gara qachaa ati filattee, gara mana woyyuu ani maqaa keetiin ijaaree kana laalanii yoo si kadhatan;
39
kadhaa isaaniitii fi faatee isaanii samii hulee bultii keetii irraa isaanii dhagayii murtii qajeelaallee isaanii murteessi; banii kee ka si yakkellee isaanii dhiisi.
40
«Waaqa kiyya; faatee hulee tanatti si kadhatan laali, gurri keellee akka faatee isaanii dhagawu si kadhadha.
41
Yabo'oo Waaqa kiyya saanduuqa waada'aa kee ka hunna qabu woliin gara hulee hara baafata keetii dhaqi; yabo'oo Waaqa kiyya worri gadootaa kee fayyummaa kee haa uffatan; woyyoonni keellee haa gammadan!
42
Rabbi Waaqa kiyya; mooticha ufii dibde hin dhiisin; jaalala garbicha kee Daawitiif goote yaadadhu» jedhee Rabbiin kadhate.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36