bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 7
2 Chronicles 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 8 →
1
Solomoon haga Rabbiin kadhatee fixe ibiddi sami'ii bu'ee ciincaa ciincawuu fi ciincaa biraallee gube; ulfinni Rabbiillee mana san keessa guute;
2
Waan ulfinni Rabbii mana keessa guutee tureef worri gadootaa mana Rabbii keessa seenuu hin dandeenne.
3
Ijoolleen Israa'elii maruu hennaa ibiddi bu'u, ulfinni Rabbiillee akka mana keessa guute arganii kallachaan lafatti gad kufanii «Rabbi arja'a; jaalalli isaallee baraa haga bara baraati!» jedha'aa sagadan; Rabbiinillee hin ulfeeffatan.
4
Kanaan maayessa mootichi Solomoonii fi baniin maruu ciincaa Rabbii dhiyeessan.
5
Mootichi Solomoon sangoota kuma diddamii lamaa fi hoolota kuma dhibba tokkoo fi diddamaa ciincaa dhiyeesse; akkaataa kanaan mootichinii fi baniin maruu mana woyyuu Rabbii woyyoomsan.
6
Worri gadootaa akka seera isaaniitiin, worri Leewwotaallee faaruu Daawitii ka araarri isaa baraa haga bara baraati jedhu faarfata'aa meeshaa faaru'uu ka mootichi Daawiti Rabbiin ittiin galatoonfachu'uuf hojjate qabatanii dhaabataniiran; worri gadootaa isaan afo'otti xurumbaa afuufa'aa turan; hennaa san baniin Israa'elii maruu dhaabataniiran.
7
Akkasuma Solomoon hulee itti gad bayan ka mana woyyuu afo'oo Rabbiif woyyoomse; ciincaa gubatu, kennaa midhaaniitii fi kennaa tokkumma'aa, cooma hori'ii maraa achitti Rabbii dhiyeesse; sababaan waan kana godheef huleen ciinca'aa ka sibiila irraa hojjatame ciincaa kana maraa waan qabachuu hin dandeenneef.
8
Solomoonii fi baniin isa woliin jiran maruu hulee seensa Haamaatii irraa jalqabee haga laga biyya Misirii jiran hennaa san haga guyyaa torbaa ayyaanteeffatan; haga guyyaa torbaa hulee ciinca'aa san woyyoomsanii,
9
haga guyyaa torbaa waan ayyaanteffataniif guyyaa saddeetesso'ootitti guyyaa ayyaana banii geegessu'uu godhan.
10
Ji'a torbeesso'oo guyyaa diddamii sadeesso'ootitti banii maraa gara qe'ee isaanii geegesse; Isaan waan Rabbi banii ufii Israa'elii, Daawitii fi Solomoonii arjumma'aa fi araara godheef gammada'aa Rabbiin galatoonfata'aa deeman.
11
Mootichi Solomoon akkuma karoorse mana woyyu'uu fi mana mootumma'aa ijaaree haga fixeen maayessa,
12
Rabbi halkaniin itti mudhatee, «Kadhaa kee dhagayeera; mana woyyuu kana akka ciincaan keessatti naa ciincawuuf filadheera;
13
hennaa ani akka roobni hin roobne, akka midhaan bulleessuuf korophiisa ergee fi hennaa beelli akka banii kiyya irra dhufu godhe,
14
baniin maqaa kiyyaan waamaman yoo gad uf deebi'anii na kadhatan, yoo na barbaadan, yoo hujii hamaa ufii irraa deebi'an, ani samii irraa isaan dhagaya, cubbuu isaanii isaanii dhiisa, lafa isaaniillee hin fayyisa;
15
ammallee kadhaa hulee kanatti na kadhatan hin arga; hin dhagayalle'e.
16
Ammallee baraa haga bara baraa maqaan kiyya akka itti waamamuuf mana woyyuu kana filadheera; woyyoomseera; ijji tiyyaa fi onneen tiyya hennaa maraa isaan irra taati.
17
Ati akkuma abbaan kee Daawiti itti jiraatetti yoo jiraatte, waan ani si ajaje maraa yoo hojjatte, seeraa fi ajaja kiyya yoo eedde,
18
waadaa abbaa kee Daawitiin woliin ‹banii Israa'elii irratti fiixaa kee keessaa namni mootii ta'u hin dhabamu› jedhee dubbadhe teessoo mootummaa keetii hin jabeessa.
19
Isin garuu yoo ana duukaa deemuu dhiiftan, seeraa fi ajaja ani isinii kenne yoo dhiiftan, deemtanii waaqolee tolfamaa biraa waaqeffattanii yoo isaanii sagaddan,
20
lafa abboota teessanii kenne irraa isin buqqisa; mana maqaa kiyyaaf woyyoomse kanallee hin dhiisa; banii maraa jiddu'utti worra mammaakaa isin godha.
21
«Worri mana gurra dhagayate kana laala'aa bira lufan maruu ‹Rabbi biyya kanaa fi mana kana irratti maal godhe?› jedha'aa baaseffatan;
22
baniin sun ‹Rabbii Waaqa abboota isaanii ka biyya Misiriitii isaan baase dhiisanii waaqolee tolfamaa biraa waaqeffatanii waan hordofaniif, waan isaanii sagadaniif› Rabbi waan hamaa kana maraa isaanitti fide» jedhan.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36