bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 8
2 Chronicles 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 9 →
1
Mootichi Solomoon mana woyyu'uu fi mana mootummaa ufii ijaaru'uuf woggaa diddama itti fudhate;
2
Akkasuma qachoota mootichi Kiraam isaa kenne deebi'ee haarawoomsee worri Israa'elii akka irra jiraatan godhe.
3
Solomoon bulchiinsa Hamaatiitii fi Tsoobaatitti duulee isaan mooyatee qabate.
4
Qachaa Taatsimoorii ta lafa gammoojji'ii keessa jirtuu fi qachoota hidhatanii keessa jiraatan ta Haamaatiin keessa jiran maraa ijaaree jajjabeesse.
5
Akkasuma qachaa Beetihoorii ta jalaatii fi ta gubba'aa ta dallawa cufana'aa fi ta loosa'aan ijaaramte deebi'ee ijaare.
6
Qachaa Ba'aalaatii qachoota meeshaa woraanaa keessa kaayatan, qachoota gaariin fardaatii fi faradoon keessa jiraatan maraa Solomoon akkaataa kanaan hujii ijaarsaa ka Yerusaalem, biyya Libaanosiitii fi qachoota biyya ufii bulchu maraa irratti ijaaru'uuf karoorfate ijaaree fixe.
7
Garboonni Solomoon akka hujii hunnaa hojjataniif bobbaase fiixaa banii Kana'aanii ka hennaa worri Israa'elii lafa isaanii fudhatan isaan hin ajjeefne.
8
Fiixaan banii Kana'aanii kunniin haga adhaallee garboota ta'anii hojjatan; isaan worra Keexotaa, worra Amoorotaa, worra Feerzotaa, worra Eewwotaatii fi worra Iyyaabusootaa fa'a;
9
Solomoon ijoollee Israa'elii keessaa nama tokkollee hin garboomsine; isaan worra duultota, bulchoota worra nama ajajuu fi worra faradoo yaabbatanii lolan turan.
10
Worri banii irratti mooyan, worri bulchootaa ka Solomoonii namoota dhibba lamaa fi shantama.
11
Solomoon, «Huleen Saanduundhi waadaa Rabbii seene woyyuu waan ta'eef haati manaa tiyya mana Daawitii mootii Israa'elii keessa hin teettu» jedhee mucattii Fari'oonii qachaa Daawitii keessaa gara mana isi'ii ijaareetitti galche.
12
Hennaa san Solomoon hulee ciinca'aa ka mana woyyuu afo'otti Rabbii hojjate irratti ciincaa ciincawu Rabbii dhiyeesse.
13
Akkuma seera isaanii ka Muuseen isaanii kenneetitti guyyaa maraa, sambata maraa, guyyaa jalqabaa ji'aa, ayyaana gara garaa maraa irratti woggaa keessa hennaa sadihii, ayyaana xorosho'oo maraa fi ayyana subaa'ee, ayyana daasee keessatti ayyaanteeffatan maraa irratti Rabbiif ciincaa dhiyeessa'aa turan.
14
Mootichi Solomoon seera abbaan isaa Daawiti kenne hordofee worra gadootaatii fi worra Leewwotaa ka huji'ii fi faaruu faarfachu'uun isaan gargaaran hujii guyya guyya'aan isaan hojjatan qopheesseef; akkuma Rabbi Daawitii seera baasetti worri mana woyyuu eegan balbala dallawan maraa akka eeganii hujiillee hojjataniif hojii isaanii qoodee kenneef.
15
Isaan waan mootichi ajajee fi seera inni worra gadootaatii fi worra leewwotaatiif baase maraa hin diinne.
16
Ijaarsi mana woyyu'uu jalqaba irraa haga dhumatutti wonti manni sun ijaaramuun maruu qophaayee waan tureef ijaarsi mana woyyu'uu akka misha'atti hojjatamee raawwatame.
17
Kanaan maayessa Solomoon gara Etsiyoon-Gaabiriitii fi gara Eelootii lafa galaana Edoomiyaasiitiin gama jiranii dhaqe.
18
Mootichi Kiraam markaba hedduu fi worra waan galaanaa beekan, worra markaba oofan hojjattoota ufiititti kennee isaa erge; isaanillee hojjattoota Solomoonii woliin gara oofirii dhaqanii worqii saqilii dhibba afurii fi shantama caalu achii fuudhanii Solomoonii fidan.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36