bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 9
2 Chronicles 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 10 →
1
Mootittiin biyya Saaba'aa hennaa gurra Solomoonii mishaa dhageette urgooftu'uu fi worqii hedduu, mi'a gatiin isaa gudda'aa gaala irratti feesiftee namoota kabajjaman woliin Yerusaalemiin keessatti gaafi'iin Solomooniin qoru'uuf isa bira dhaxxee hulee inni jiru seentee waan gara'atti yaadde maraa isatti himte.
2
Solomoon waan isiin isa gaafatte maraa womaa uduu hin hambifne hiikeef;
3
mootittiin biyya Saaba'aa ogummaa Solomoonii, mana inni ijaare,
4
waan inni nyaatu, akkaataa bulchoonni isaanii itti hojjatanii fi itti uffatan, worra daadhii ansaadanii fi akka isaan uffata itti uffatan, ciincaa inni mana woyyuu keessatti Rabbiif dhiyeessu maraa haga argite waan kanniin maraa argitee, waan dura yaadde caalaa maalalchiisaa ta'ee argite.
5
Isiin mootichaan «Wonti keetii fi wonti ogummaa keetii, gurri kee ka ani uduu biyya kiyya jiru dhagaye dhuga'a!
6
Ani garuu haga dhufee ija kiyyaan argutti waan natti himan maraa hin amanne; worri waan kee ogumma'aa fi jabeenna keetii wodhakkamallee natti hin himne; ati garuu waan ani gurraan dhagaye maraa caalta;
7
namoonni hennaa maraa sii hojjatan ka ogummaa kee si irraa dhagayan, hojjattoonni kee kunniin worra eebbifame.
8
Rabbi Waandhi kee ka akka ati mootii taatee hojjattuuf jaalatee si muude haa eebbifamu; Waandhi kee Israa'eliin baraa haga bara baraa jabeessee isaan dhaabuu waan barbaadeef akka ati murtii qajeelaa murteessituuf isaan irratti si muude» jetteen.
9
Mootittiin biyya Saaba'aa mooticha Solomooniif worqii saqilii dhibbaa fi diddamaa, urgooftuu baay'ee, mi'a gatii gudda'aa kabajjamaa kenniteef; urgooftuun akka mootittiin biyya Saaba'aa mooticha Solomoonii kennitee fakkaatu eessallee jiru ture.
10
Hojjattoonni mooticha Kiraamiitii fi hojjattoonni Solomooniillee muka sandalaatii fi mi'a gatii gudda'aa kabajjamaa fidan.
11
Mootichi muka sandali'ii saniin woggaa mana woyyu'uutii fi mana mootumma'aa faarfattootaafillee masiinqo'oo fi meeshaa faaru'uu ka laagaa guddaa kennu hojjate; wonti akka inni hojjatee kun biyya Yihuuda'aa maraa keessattuu hin argamne.
12
Waan mootittiin biyya Saaba'aa mooticha Solomoonii kennite caalaa mootichi Sololmoon waan isiin isa kadhatte maraa kenneef; kanaan maayessa isiinillee achii kaatee hojjattoota ufii woliin gara biyya ufii deemte.
13
Mootichi Solomoon wogga wogga'aan worqii saqilii dhibba jahaa fi jahaatamii jaha argata.
14
Mootonni biyya Arabaatii fi bulchoonni biyya sanii birri'ii fi worqii Solomoonii fida'aa turan.
15
Mootichi Solomoon wontee dhibba lamaa ka worqii saqilii dhibba jahaan itti maxxanfamee fi
16
wontee dhibba sadihii didiqqaa ka worqii saqilii dhibba sadihiitiin itti maxxanfame hojjachiise; wontee kanniin maraa hulee «Bosona Libaanonii» jedhamu keessa kaaye.
17
Mootichi Solomoon ilkaan Arbaatiin teessoo ulfinnaa hojjachiisee worqii mishaa itti maxxanse.
18
Teessoon ulfinnaa ka inni hojjate waan irra ol bayaniin jaha qaba; waan irra ol bayaniin kana bita'aa fi mirga isaatitti fakii leencaa tokko tokkotu jira; isaan maraa irra wolumatti qabaa fakii leencaa kudha lamatu jira; hulee irra ijjatanillee teessoo ulfinnaa saniin wolitti qabsiisanii hojjataniiran; hulee harka itti irkifatan ka gamaa gamanaatittillee fakii leencaatitu jira; teessoon ulfinnaa ka kana fakkaatu biyya kamiin keessallee hin jiru.
20
Kobbee mootichi Solomoon waa itti dhuguu fi meeshaan hulee «Bosona Libaanonii» jedhamu keessa jiru maruu worqii mishaa irraa hojjataman; bara mootichi Solomoon bulchu birriin waan guddisee baay'ateef akka waan gatii qabuutitti hin laakkayamu ture.
21
Mootichi Solomoon hojjattoota hojjattoota mootii Kiraamii woliin gara Tarseesii markabaan deeman qaba ture; isaan woggaa sadihi sadihiin worqii, birrii, ilkaan Arbaa, qamalee baay'e'ee fi jaldeessa baay'ee fida'aafii turan.
22
Mootichi Solomoon mootota biyya maraa jiran irra qabeennaa fi ogumma'aan hin caala ture.
23
Mootonni biyya maraa jiran ogummaa Rabbi isaa kenne laalu'uuf mootii Solomooniin hawwa'aa turan.
24
Namni maruu kennaa isaa kennan meeshaa worqi'ii fi birrii irraa hojjatame uffataa fi meeshaa woraanaa, urgooftuu, farado'oo fi gaangiin baay'ee qabatanii wogga wogga'aan fida'aafii turan.
25
Solomoon moonaa loonii ka farado'ootii fi ka gaarii fardaa keessa kaayan kuma afurii fi worra farda yaabbatanii lolan namoota kuma kudha lamaa qaba; inni isaan maraa qachaa Yerusaalemii keessa uf bira isaan jiraachise.
26
Mootichi Solomoon laga Efraaxiisii irraa jalqabee haga biyya Filisxeemiitii fi mootota daangaa biyya Misirii jiran maraa irratti mooye.
27
Mootichi birriin biyya Yerusaalemii keessatti akkuma dhaga'aatitti akka baay'atu godhe; baay'inna muka birbirsaallee akkuma odaa lafa gammoojji'ii keessatti biqiluutitti baay'ise.
28
Mootichi Solomoon biyya Misiriitii fi biyya maraa keessaa faradoo fijjisiisa'aa ture.
29
Seenaan Solomoonii ka biraa jalqabaa irraa haga dhumaa seenaa raatticha Naataanii raaga raatticha Akiyaa nama Seelo'otti dhalateetii fi wonti Iyyoorbi'aamii mootii Israa'eliillee mudhata raatticha Ido'oo irratti argama.
30
Mootichi Solomoon Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa afurtamaa Israa'eliin bulche.
31
Achiin maayessa du'ee qachaa Daawitii keessatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Roobi'aamitu mooye.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36