bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Peter 3
2 Peter 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
1
Goshoota tiyya! Ergaan amma isinii barreessu tun ta lammeesso'ooti.
2
Dubbiin raattota woyyu'uun dura jedhamee ajaja Goofta'aaf qoricha keennaa akka yaadattaniif waan lamaan kana isin qaabsisa'aa onnee teessan qajeeltuu jajjabeessa.
3
Bara dhumaa worri fedhii ufiitiin jiraatanii fi worri baldan akka dhufan hubadhaa'a.
4
Isaan, «Waadaan dhufa isaa meeti ree? wonti maruu hennaa abbootiin teenna du'anii jalqabee akkuma uumamanitti jiran» jedhan.
5
Isaan samiiwwan bara hedduun dura dubbii Rabbiitiin uumaman, akka laftillee bisaaniin wolitti qabatteef bisaan edduu jirtu beekanii hin hubanne.
6
Sababa kanaaf adunyaan hennaa san jirtu bisaaniin liqimfamtee badde.
7
Ardi'ii fi samiin amma jirtu tun ammo akka ibiddaan badduuf haga guyyaan murti'iitii fi badiin worra Rabbitti hin amannee geettu akka dubbii kanaatiin ibidda eeggatan.
8
Isin ammo jaalatamtoota tiyya! Gooftaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaati. Woggaan kumaa akka guyyaa tokkoo akka ta'e waan kana hin dagatinaa'a.
9
Akka namoonni gariin waan turu seeyan Gooftaan waan waadaa gale saniif hin turu. Haa ta'uu ammo namni maruu akka aagii galuuf malee, eennullee akka hin banneef jedhee waan keessaniif obsa.
10
Guyyaan Goofta'aa ammo akka hattu'uu ta'ee dimmaa dhufa. Guyyaa san samiiwwan laagaa guddaa dhageessisa'aa lufan, uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan baqan. Lafaa fi wonti isii irra jiru maruu hin gubata.
11
Kun maruu yoo ka akkanatti baqee badu ta'e, isin attamitti jiraachuu isinii woyya ree?
12
guyyaa gaafa dhufa Rabbii eeggata'aa dhufa isaa ariifachiisa'aa, jireenna woyyu'uun namoota Rabbii fakkaata'aa jiraadhaa'a; guyyaa san samiin gubattee baxxi; uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan diiggaman.
13
Haa ta'uu ammo samii haarawaa fi ardii haarawa qajeellumma'aan akka dubbii abdi'ii kennameetitti eegganna.
14
Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! waan kana eeggata'aa fafaa fi mudaa malee nagayaan Rabbiin woliin akka jiraattan jabaadha'aa cimaa'a.
15
Obsuun Goofta'aa fayyinna keessaniif akka ta'e beekaa'a. Akkasuma obboleessi keenna jaalatamaan Phaawuloos haguma ogummaa isaa kennameetiin isinii barreesse.
16
Inni akkuma ergaa isaa maraan hime, waan kanallee dubbate. Ergaa isaa keessa wonti tokko ka hubachuun nama dhibu hin jira. Akkuma namoonni hin barannee fi jabaatanii hin dhaabanne kitaabbilee kaawwan dabsan, kunniinillee akka fedha isaaniititti badii ufiitiif micciiran.
17
Eegasuu jaalatamtoota tiyya! isin waan kana duraanuu waan beettaniif dogoggora worra hammeeyyi'iitiin qabamtanii dhaabachuu keessan irraa akka hin kufne uf eeggadhaa'a. Akkasuma
18
badhaadhumma'aa fi beekkumsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
All chapters:
1
2
3