bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 2
Acts 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
1
Guyyaan Ayyaana shantameesso'oo ka, «Pheenxeqoosxee» jedhamu hennaa gaye, maruu yaada tokko ta'anii uduu woliin jiran;
2
dimmaa akka haboonbolattii cimaa lafaa ol nama butuutitti samii irraa laagaan dhufee mana keessa taa'anii jiran san maraa guute.
3
Wonti akka arraba ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate. Achiin maayessa gar gar ciccitee isaan maraa irra taa'e.
4
Isaan maruu Ayyaana Woyyu'uun guuttamanii akka Ayyaanni isaanii kennetti afaan gara garaa dubbachuu jalqaban.
5
Banii ardii irra jiraatan maraa keessaa Yihuudonni Rabbiin kadhachu'uun jabaatan Yerusaalemiin keessa jiraata'aa turan.
6
Hennaa laagaan kun dhagayame baniin maruu wolitti qabamee hennaa isaan afaan ufiitiin dubbatan waan dhagaya'aa turaniif waan jedhan dhabanii baaseffatanii maalalanii akkana jedhan,
7
«Kunniin worri akkana dubbatu maruu namoota Galiila'aatii mii?
8
Nu marti keennaa afaan keenna ka ittiin dhalanne attamitti dhageenna?
9
Nu namoonni Phaarte'ee, Meedii ka Ilamexxemiillee worra laga lamaan jiddu'uu ka Qephidooqiya'aa, ka Phaanxoosii,
10
Esiyaa, Firgiyaa, Phinfiliya'aa fi Misirattillee gara Qereena'aatiin jiran nu worri aanota Libiya'aa jiraannu, worri Rooma'aa dhufne,
11
Yihuudonni worri gara worra Yihuudotaa galle; nu worra Qerxeesiitii fi namoota Arabaa yoo taanu hennaa namoonni guddinna hujii Rabbii afaan keennaan dubbatan isaan dhageenne»
12
Maruu maalalfatanii mama'aa, «Kun maal ta'inna? hin beennu» woliin jedhan.
13
Kuuwwan ammo isaanitti balda'aa, «Daadhii dhuganii quufaniiti!» jedhan.
14
Hennaa tana Pheexroos jara kudha tokkoo woliin ol ka'ee dhaabatee laagaa ol qabatee akkana jedhee dubbate. Yihuudonninii fi isin worri Yerusaalemiin keessa jiraattan maruu kun isin biratti ka beekkame haa ta'u; dubbii kiyyallee dhagayaa'a;
15
Hennaan ganama keessa sa'aatiin sadihi waan ta'eef akkuma isinitti fakkaate kunniin worra machaayee miti.
16
Haa ta'uu ammo kun akkuma raaga Iyyu'eeliitiin,
17
‹Guyyaa dhumaatitti ani akkana godha jedhe Rabbi: nama foon uffate maraa irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa raaga dubbatan; dargaggeeyyiin teessan manaaba argan, manguddoonni teessanillee eebjuu eebjotan.
18
Akkasuma ammo ji'oota sanitti garboota tiyya ta dhiiraatii fi ta intalaa irratti, Ayyaana kiyya hin buusa; isaanillee raaga dubbatan.
19
Ol samii gubba'atti baasa, ardii irratti malkata godha. Dhiigaa fi ibiddi, hurriin aaraallee hin ta'a.
20
Guyyaan guddaanii fi ulfaataan Goofta'aa uduu hin dhufneen dura, aduun gara dukkanaa; jiini gara dhiigaa hin jijjiirama.
21
Ka maqaa Goofta'aa waamu maruu hin fayya.›
22
«Namoota Israa'elii! dubbii kana dhagayaa'a; akkuma isinuu beettan Rabbi karaa Yesuusii Naazireeti'iitiin isin jiddu'utti baasaa fi maalale'een nama malkataan Rabbiin biraa isinitti mudhate.
23
Nama kana Rabbi akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee yaadeef beekkumsa isaa ka durii irraan harka worra hammeeyyi'iitiin fanniftanii ajjeeftan.
24
Rabbi ammo hunna du'aa balleessee isa kaase; duuti isa qabuu waan hin dandeenneef.
25
Daawiti waan isaa akkana waan jedhuuf; ‹Hennaa maraa Gooftaa afoo kiyyatti arga, akka ani hin raafamne mirga kiyya jira.
26
Kanaafuu garaan kiyya na gammade; afaan kiyyallee gammachu'uun guuttame, Akkasuma foon kiyyallee abdi'iin jiraata.
27
Lubbuu tiyya asaaba keessatti; woyyuu keellee akka shamuuf hin dhiiftu.
28
Karaa jireennaa na beessiftee, afoo keetitti gammachu'uun na guutta.
29
«Obboleeyyan tiyya! waan bulchaa sooressa abbooti'ii waan Daawitii du'ee akka awwaalame addaataa akka dubbadhu na hoffolchaa'a; awwaalli isaallee haga adhaa nu bira jira.
30
Raaga waan ta'eef teessoo irra akka kaayu Rabbi kakuu akka kakateef waan beekeef.
31
Waan du'aa ka'iitii Kiristoosii dursee argee lubbuun isaa hulee badi'iititti akka hin hafne; foon isaallee akka hin shamne› hime.
32
Yesuusii kana Rabbi du'aa kaaseen; waan kanaaf nu maruu raga'a.
33
Kanaafuu mirga Rabbiititti ol fudhatamee dubbii abdii Ayyaana Woyyu'uu Aabbaan irraa fudhatee ka amma isin argitanii fi ka dhageettan kana gad dhangalaase.
34
Daawiti waan gara sami'ii ol hin baaneef;
35
Haa ta'uu ammo inninuu, ‹Gooftaan Gooftaa kiyyaan, diintota kee ejjata luka keetii haga sii godhutti mirga kiyya taa'i› jedheen.
36
«Eeganaa Yesuusii isin fanniftan kana Rabbi Goofta'aa fi Kiristoosiin akka taasise worri gosa Israa'elii maruu dhugamaan haa beekanii!» jedhe.
37
Hennaa kana dhagayan garaan isaanii tuqamee Pheexroosii fi ergamtoota kaawwaniinillee, «Obboleeyyan teenna! maal haa goonuu?» isaaniin jedhan.
38
Pheexroosillee akkana jedhe, «Aagii galaa'a; cubbuunillee akka isiniif dhiifamtu; marti keessanuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa'a; kennaa Ayyaana Woyyu'uullee hin fudhattanii.
39
Dubbii abdi'iillee isinii fi ijoollee teessaniif, worra Waandhi Gooftaan keenna gara ufii waamuuf, worra fagoo jiran maraafuu waan ta'eef» isaaniin jedhe.
40
Jecha biraallee heddu ragee, «Dhaloota dabaa kana jalaa uf oolchaa'a» jedhee isaan gorse.
41
Isaan keessaa worri dubbii fudhatan cuuphaman; guyyaa san namoonni kuma sadihii isaanitti eda'aman.
42
Barumsa ergamtootaatiin, Xoroshoo woliin nyaata'aa Rabbiin kadhachu'uttillee hin jabaatan.
43
Harka ergamtootaatitti baasaa fi maalaleen hedduu waan ta'eef namoonni maruu guddisanii sodaatan.
44
Worri amanan maruu woliin jiraatan; waan qaban maraa hulee tokkotti wolitti qabatan.
45
Lafaa fi qabeenna gurguran kamuu akkuma isaan barbaachisutti maraafuu qooda'aa turan.
46
Guyyaa maraa garaa tokkoon, mana sagadaatitti, mana isaaniitittillee wol gayanii jabaatanii xoroshoo woliin nyaata'aa gammachu'uu fi garaa qulqullu'uun hurbaata ufii nyaatan.
47
Rabbiinillee hin galatoonfatan; banii maraa afo'otti gaachena qaban ture. Gooftaanillee worra fayyan guyyama guyya'aan isaan irratti eda'a'aa ture.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28