bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 7
Acts 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 8 →
1
Bulchaan gadootaallee, «Dubbiin kun akkanaa?» jedheen.
2
Innillee akkana jedhe, «Obboleeyyanii fi abboota tiyya! dhagayaa'a! Waaqa ulfinnaa Abbaa keenna Abrahaamiin uduu inni biyya Kaaraanii hin dhaqin lafa laga lamaanii jiddu'utti itti mudhatee,
3
‹Biyya keetii fi Firoota kee keessaa bayiitii gara biyya ani sitti mudhisuu koottu› jedheen.
4
Hennaa san biyya Kaladaawootaatii bayee Kaaraaniin taa'e. Achiillee haga abbaan isaa du'een maayii gara biyya adha isin keessa jiraata'aartan kanatti isa baase.
5
Achitti lafa haga taakkuu takkattii taatuu hin kennineef. Haa ta'uu ammo uduu inni ilma hin arganne isaa fi worra isaan maayessaallee fiixaa isaatii akka ristii kennuuf waadaa galeef.
6
Rabbillee, ‹Fiixaan isaa biyya biraatitti galtoota akka ta'aniif, woggaa dhibba afuriif akka garboota isaan godhanii fi akka isaan rakkisan dubbate.
7
Akkasuma Rabbillee akka garbootaatitti banii isaan bulchan irratti ani isaaniitti murteessa. Achiin maayii hin bayan. Bakka kanatti na waaqeffatan› jedhe.
8
Waadaa sirna gadoomaallee hin kenneef. Akkasuma Yisaaqiin uumatee guyyaa saddeetesso'ootitti gadoomse. Yisaaq Yaaqoobiin, Yaaqoob abboota gosa kudha lamaa uumate.
9
«Obboleeyyan Yooseefii isatti hinaaftee akka garbicha ta'uuf biyya Misiriititti gurguratteen; Rabbi ammo isa woliin ture.
10
Rakkinna maraa keessaa isa baasee mootii Misirii afoo Fari'ooniititti gaachenaa fi ogummaa kenneef; Misirii fi mana isaa maraa irrattillee ajaja'aa fi bulchaa jaalatame godhee isa muude.
11
Hennaa san biyya Misiriitii fi Kana'aaniin marattuu beelaa fi rakkoo gudda'atu dhufe; abbootiin teennallee waan nyaatan dhaban.
12
Yaaqoob haga midhaan biyya Misirii jiraachuu dhagaye dura abbootii teenna erge.
13
Hennaa isaan deebi'anii gara Misirii dhaqan Yooseef eennummaa ufii obboleeyyan ufiititti hime. Fiixaan Yooseefiillee Fari'ooniin biratti beekkame.
14
Yooseefillee abbaa ufii Yaaqoobii fi maatii ufii namoota torbaatamii shanii firtoota isaa maraa ergee waamsise.
15
Yaaqoobillee gara biyya Misirii bu'e; inninii fi ilmaan isaallee achitti du'an.
16
Lafeen isaaniillee gara lafa Seekeem jedhamuu geeffamtee hulee lafa awwaala Abrahaam birrii ufiitiin abbaa Seekeemii ijoollee Eemoorii irraa bitetti isaan awwaalan.
17
Hennaa barri Rabbi Abrahaamiif waadaa gale dhiyaate,
18
mootiin Yooseefiin hin beenne ka biraa haga mooyutti baniin Misiritti yookaan Misiriin keessatti baay'ate.
19
Innillee worra keenna miidha'aa daa'imman akka jireennaan hin jiraanne gara diidaa akka gatan godhee abbootii teenna rakkise.
20
Hennaa san Muuseen dhalate. Innillee Rabbiin afo'otti bareedaa ture. Mana abba'aa keessallee ji'a sadihi jiraate.
21
Inni hennaa alatti gatame san mucattiin Fari'oonii isa kaaftee akka ilma isi'ii ta'uuf guddifte.
22
Muuseen ogummaa Misirii maraa baratee dubbi'ii fi huji'iinillee jabaate.
23
Haa ta'uu ammo hennaa woggaa afurtamaa guutu obboleeyyan ufii ijoollee Israa'elootaa tooyatu'uuf garaa ufii keessatti yaade.
24
Uduu namni Misirii tokko nama Israa'elii tokko miidhu argee gargaareenii namicha Misirii dhayee ajjeesse.
25
Obboleeyyan isaallee Rabbi karaa isaatiin akka wolaba isaan baasu waan hubatan isatti fakkaate. Isaan ammo hin hubanne.
26
Bariisaa uduu isaan wol lolan argee Araarsu'uuf barbaadee, ‹jarana isin obboleeyyan; maaf wol miitan?› isaaniin jedhe.
27
Ka hiriyyaa ufii miidha'aaru ammo bulcha'aa fi murteessaa akka taatu nu irratti eentu si muude?
28
Mo'o akkuma kaleessa namicha Misirii dhooftee ajjeefte nallee ajjeesuu kajeelte?› jedhee darbeen.
29
Muuseenillee sababa dubbii kanaatiif dheessee biyya Miidiyaamiititti galtuu ta'ee jiraate. Achitti ijoollee lamaa uumate.
30
Woggaa afurtamaan maayii Maleekkaan Goofta'aa gaara Siina'aa ka lafa udume'ee biratti saatoo gubatu keessaan arraba ibiddaatiin itti mudhate.
31
Muuseenillee argee waan arge san maalalfatee laalu'uuf yoo itti dhiyaatu sagaleen Goofta'aa,
32
‹Ani Waaqa abboota keetii Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobiiti› jedhee gara isaa dhufe. Muuseenillee hollatee laaluu sodaate.
33
Gooftaanillee, ‹Bakki dhaabatteertu bakka woyyoomte waan taateef kophee luka keetii baafadhu.
34
Rakkinna banii kiyyaa ka Misiriin keessa jiran maraa argeera; iyyansa isaanii dhagayu'uuf bu'eera; ammallee koottu gara Misirii si ergaa› jedheen.
35
Bulcha'aa fi abbaa murte'ee akka taatu eentu si muude? jedhanii Muusema ganan kana Rabbi karaa maleekka'aatiin saatoo keessatti itti mudhatee muudama'aa fi furaa taasisee isa erge.
36
Namni kun biyya Misiriititti galaana diimaa lafa gammoojji'iititti woggaa afurtamaa maalale'ee fi malkata godha'aa isaan baase.
37
Namni kun ijoollee Israa'eliitiif, ‹Rabbi obboleeyyan keessaa, raaga akka kiyyaa isinii kennaa isa dhagayaa'a› jedhee namni isaanitti dubbate Muusema kana.
38
Namni kun ka gaara Siina'aatitti Maleekkaan itti dubbate saniif ka abboota keenna woliin lafa gammoojji'ii keessa ture. Dubbii jireenna qabu kana nuu kennu'uuf Rabbiin irraa fudhate.
39
Abbootiin keenna isaa ajajamuu didan. Haa ta'uu ammo uf irraa isa dhiiban. Yaada ufiitiin gara biyya Misirii deebi'an.
40
Isaan Aarooniin, ‹Muuseen biyya Misirii keessaa nu baase waan ta'e wollaallee, ka'ii waaqolee nu afoo deeman nuu huji› jedhaniin.
41
Hennaa san keessa waaqa tolfamaa ka waatii irraa tolfame fakkeessanii hojjatanii, waaqa tolfamaa sanii ciincaa dhiyeessanii, hujii harka ufiititti gammadan.
42
Rabbi ammo isaan irraa gara galee urjiiwwan sami'iitii akka sagadan dabarsee isaan kenne. Kunillee akkuma Kitaaba raattotaa keessatti barreeffame, ‹isin banii Israa'elii! woggaa afurtamaa gammoojjii keessatti horii qalmaatii fi ciincaa naa dhiyeessitanii?
43
Fakii itti sagadu'uuf hojjatan, daasee «Molookii» fi fakii urjii waaqa keessanii ka, «Reemfuum» jedhamu harka keessaniin hojjattanii waaqeffattaniirtan. Kanaaf, «Anillee gara biyya Baabilooniin gamaa isin dabarsa› jedhamee barreeffameera.
44
«Akkuma fakii argitee san abbootiin teenna gammoojjii keessatti daasee ragaa bayu'uu qaban. Daaseen sunillee akka Rabbi Muuse'etti mudhisetti ta hojjatamte.
45
Abbootiin teennallee akkasuma abbootii ufii irraa fudhatanii, biyya banii Rabbi isaan afo'oo ari'ee baase sanitti Iyyaasuu woliin galchan. Daaseen sunillee haga bara Daawitii jiraatte.
46
Innillee Rabbiin afo'otti gaachena argatee Waaqa Yaaqoobiitii mana ijaaru'uuf Rabbiin kadhate.
47
Haa ta'uu ammo Solomoontu Rabbii mana ijaare.
48
«Ta'ullee Rabbiin maraa olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunillee akkuma raattichi,
49
‹Samiin teessoo tiyya; laftillee ejjata miila kiyyaati. Mana attamii naa ijaartan? Yookaan bakki ani hara itti baafadhu kami?
50
Kana maraa harka kiyyatu hojjatee mitii? jedha Rabbi.
51
«Isin worra mataa jabeeyyi'iitii fi worra onneen teessan duude; worra gurri keessan hin dhageenne; isin akkuma abboota teessanii hennaa maraa Ayyaana Woyyuu mormitan.
52
Raattota keessaa namni abbootiin teessan itti ka'anii hin ariine eennu? worra dhufa woyyichaa firrisanii dubbatan ajjeesaniiru.
53
Worri karaa Maleekkotaatiin seera fudhatanii fayyadaman hin eenne. Isinillee amma dabarsitanii isa kennitan; hin ajjeeftaniinille'e.»
54
Hennaa kana dhagayan guddisanii aaranii ilkaan itti ciniinnatan.
55
Inni Ayyaana Woyyu'uun guuttamee gara sami'ii xiinxallee hennaa ol laalu ulfinna Rabbiitii fi Yesuusiinillee mirga Rabbii ka dhaabateeru arge;
56
Kanaaf, «Samiin banamtee Ilmi Namaa mirga Rabbii ka dhaabateeru arga'aara» jedhe.
57
Guddisanii laagaa ol qabatanii iyya'aa gurra ufii qabatanii wolii galanii gara isaa fiigan.
58
Qachaa keessaa gara diidaa baasanii dhaga'aan tuman. Worri raganillee uffata isaa luka dargaggeessa Saa'ol jedhamu tokko jala kaayan.
59
Hennaa isaan Isxifaanosiin dhaga'aan tuman inni «Gooftaa kiyya lubbuu tiyya fudhadhu» jedhee kadhate.
60
Jilbiiffatee, «Gooftaa kiyya cubbuu kana isaanitti hin laakkayin» jedhee laagaa ol qabatee iyyee du'e. Saa'olillee ajjeefamuu Isxifaanosii harka keessaa qaba.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28