bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 2
Genesis 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 3 →
1
Akka kanaan Ardi'ii fi Samiin, wonti Ardi'ii fi Samii keessa jiran maruu raawwataman.
2
Rabbi hujii ufii maraa raawwatee guyyaa torbeesso'ootitti maraa irraa hara baafate.
3
Guyyaan Rabbi hujii waa uumu'uu maraa raawwatee hujii ufii maraa irraa hara itti baafate kana waan ta'eef guyyaa torbeesso'oo woyyoomsee eebbise.
4
Akkaataan Ardi'ii fi Samiin itti uumame akkana; hennaa Rabbi Waandhi Ardi'ii fi Samii uume;
5
Roobni waan hin roobneef, namni lafa kunuunsu waan hin jirreef Ardii irra biqiltuun woyiituu hin jiru ture; biqilli woyiituu hin biqille ture.
6
Haa ta'uu ammo burqaan lafaa ol burqee lafa maraa obaasa'aa ture.
7
Kanaan maayessa Rabbi Waandhi biyyee lafaa fuudhee qamashee funyaaniin hafuura jireennaa itti afuufe; namnillee uumama jiraataa lubbuu qabu ta'e.
8
Rabbi Waandhi jeennata Eedanii baya biiftu'uutitti hulee biqiltu'uu qopheessee nama uume jeennata Eedanii keessa akka jiraatu godhe.
9
Rabbi Waandhi mukkiin adda addaa ka laalchaaf namatti toluu fi ka nyaataaf fayyadan maraa lafa irratti margisiise; akkasuma hulee biqiltu'uu keessatti muka jireennaatii fi muka waan misha'aa fi waan hamaa adda baasee beessisu margisiise.
10
Lanni hulee biqiltu'uu obaasu jeennata Eedanii keessa yaa'a; lanni kun haga Eedanii bayeen maayessa bakka afuritti gara gara qoodamee laga afurii ta'e.
11
Maqaan laga jalqabaa Fiisoon; inni lafa Eewulaax jedhamu ka worqiin keessatti argamu maraa keessa yaa'a.
12
Worqiin biyya sanii qulqulluu ture; achi keessatti dhagaa gatii gudda'aatii fi urgooftuu gatii mi'a'aatitu argama.
13
Maqaan laga lammeesso'oo Giyoon; inni naannaya biyya Itoophiya'aa maraa irra yaa'a.
14
Maqaan laga sadeesso'oo Xeegroos; inni Asooriin cinaa gara baya biiftu'uutiin yaa'a;
15
Maqaan laga arfeesso'oo Efraaxis. Kanaan maayessa Rabbi Waandhi nama fuudhee akka Eedaniin hulee biqiltu'uu kunuunsuu fi akka eegu achi keessa jiraachise.
16
Rabbi Waandhi, «Daraaraa muka hulee biqiltu'uu keessa jiru maraa hin nyaatta;
17
daraaraa muka waan misha'aa fi waan hamaa beessisu ammo hin nyaatin; gaafa isa irraa nyaatte du'a duuta» jedhee ajaje.
18
Kanatti aansee Rabbi Waandhi, «Namni hojja jiraachuun misha'aa miti; kanaafuu gargaaraa isaa tolu haa uumnuufii» jedhe.
19
Rabbi Waandhi biyyee Ardii irraa fuudhee busaawaa Ardi'iitii fi allaattiiwwan Sami'ii maraa uumee maqaa attamii akka inni isaanitti baasu laalu'uuf gara Aadamii isaan fide; maqaan Aadam uumama jiraataa marattuu baase maqama amma ittiin waamama'aaran kana.
20
Akkaataa kanaan Aadam horii, allaattiiwwanii fi busaawaa maraaf maqaa baase; Aadam ammo gargaaraa akka isaa hin arganne ture.
21
Kanaan maayessa Rabbi Waandhi Aadamiin hirriba guddaa itti buusee raffisee cinaacha isaa keessaa lafee tokkittii fuudhee, hulee san fooniin cufe;
22
Rabbi Waandhi lafee cinaacha Aadamii keessaa fuudhe, intala godhee hojjatee gara Aadamii isii fide.
23
Aadam «Lafeen tun lafee tiyya irraa; foon kunillee foon kiyya irraa, isiin waan dhiira irraa argamteef ‹Intala› haa jedhamtuu» jedhe.
24
Kanaafuu namni abba'aa fi haadha ufii hin dhiisa, haadha manaa ufiitiin wolitti maxxana; lamaanuu foon tokko ta'an.
25
Aadamii fi haati manaa qullaa turan; ammo wol hin saalfatan.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50