bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
James 3
James 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
1
Obboleeyyan tiyya! Marti keessan barsiisota hin ta'inaa'a. Worri akkasii murtii caalu akka argatu waan beettaniif.
2
Nu martinuu waan hedduun hin dogoggorra; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggorre, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u.
3
Akka faradoon nuu ajajamtuuf lugaama afaan isaaniititti goonee gara feene geessina.
4
Akkasuma markaboonni hagamillee guddaa ta'anii, qilleensaan yoo oofamanillee namichi markaba oofu ooftuu markabaa diqqo'oon gara ufii fedhe oofa.
5
Akkasuma arrabni waan diqqoo ta'ee uduu jiru waan gudda'atti dhaadata. Ibiddi diqqoon bosona guddaa attamii gubdi.
6
Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jiddu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessiti; foon maraa hin xureessiti; deemsa jireenna keennaa maraa hin gubdi; Ibidda asaabaatittillee hin gubatti.
7
Busaayaa, simbirroonni, worri sosocho'anii fi worra galaana keessa jiraatan, gosoonni uumamaa maruu namaan leenji'aman.
8
Haa ta'uu ammo eennullee arraba ufii leenjisuu hin danda'u. Hadhaa nama ajjeesuun guutamee fi hamaa gara hin qabne.
9
Isumaan Aabba'aa fi Gooftaallee eebbifna; Isumaan namoota fakkeenna Rabbiitiin uumamanillee abaarra.
10
Afaanuma tokko keessaa eebbinii fi abaarsi baya. Obboleeyyan tiyya! kun garuu ta'uun hin barbaachisu.
11
Burqaan tokko bisaan mi'aayuu fi bisaan hadhaayu hin burqisiisaa?
12
Obboleeyyan tiyya! munni hurbu'uu ejersa yookaan woyiniin hurbuu daraaruu hin dandeettii? Bisaan sooqiddaa keessaa bisaan mi'aayaan hin bayu.
13
Isin keessaa ogeessinii fi hubataan eennu? Jireenni mishaan ogumma'aa fi fayyaalumma'aan hujii ufii haa mudhisuu.
14
Hadhaan hinaaffa'aa fi wol qooduun garaa keessan keessa yoo jiraate, kanaan uf hin jajinaa'a. Dhugaa malee soba hin dubbatinaa'a.
15
Ogummaan akkasii sun ka lafaati, ka fooniiti, ka seexanaati malee ka samii irraa dhufuu miti.
16
Bakka hinaaffa'aa fi uf jaalachuun jiru san booreessa'aa fi hujiin hamaan waan jiruuf.
17
Ogummaan Rabbiin irraa ammo woyyitti'i; araaramtu'u. Gara laafetti'i; ta maarre jettu; ta araaraa fi daraaraa misha'aan guuttamte; ta mami'ii fi uf tuuluullee hin qabne.
18
Daraaraan qajeellumma'aa namoota nagaya buusaniin facaafama.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5