bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
John 10
John 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 11 →
1
Ammallee Yesuus akkana jedhe, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha; ka gooruu hoolotaa balbalaan hin seenne, ka karra biraatiin seenu ammo inni hattu'uu fi saamtu'u.
2
Ka balbalaan seenu ammo tissee hoolotaati; ka balbala eegullee hin banaaf.
3
Hoolonnillee laagaa isaa hin dhagayan; innillee hoolota ufii maqaa isaaniitiin waamee isaan fudhata.
4
Hoolota ufii haga baaseen maayessa isaan afoo deema, hoolonnillee laagaa isaa waan beekaniif isa faana deeman.
5
Kaawwan irraa dheessan malee faanaa hin deeman waan laagaa isaanii hin beenneef.»
6
Yesuus fakkeenna kana isaanitti hime, isaan ammo waan inni isaanitti hime hin qalbifanne.
7
Yesuus ammallee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ani balbala hoolotaati.
8
Ka anaan dura dhufan maruu hattootaa fi saamtota. Haa ta'uu ammo hoolonni isaan hin dhageenne.
9
Balbalti ana. Ka ana keessaan aseenu yoo jiraate hin fayya; inni hin seena hin bayalle'e hulee itti bobbayullee hin argata
10
Hattuun hatu'uuf, qalu'uuf, balleessu'uuf malee waan biraatiif hin dhuftu. Ani jireenna isaanii ta'u'uuf akka isaanii baay'atuuf dhufe.»
11
«Tisseen mishaan ana. Tisseen mishaan hoolota ufiitiif lubbuu ufii dabarsee kenna.
12
Tisseen hoolonni ta isaa hin taane qaxaramaan ammo yayyiin hennaa dhufu yoo arge hoolota dhiisee dheessa; yayyiinillee hin fudhata; hoolotallee adda tamsaasa.
13
Inni Qaxaramaa waan ta'eef hoolonnillee waan garaa isa hin nyaanneef ka qaxarame sun hin dheessa.
14
Tisseen mishaan ana. Aabba akkuma na beeku akkuma anillee Aabbaan beeku, Anillee hoolota tiyya hin beeka.
15
Hoolonni tiyyallee na beekan. Lubbuu tiyyallee hoolota tiyyaaf dabarsee kenna.
16
Ani hoolota gooruu kana keessaa hin taane hoolota biraallee hin qaba. Isaanillee ammo as fidu'utu na barbaachisa. Isaan laagaa kiyya hin dhagayan. Tika tokko ta'an, tisseenillee tokko.
17
Ani lubbuu tiyyallee akkasuma deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf Aabba na jaalata.
18
Lubbuu kiyyallee fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennullee na irraa hin fudhatu; jiraachisu'uuf baallii qaba. Akkasuma kaasu'uufillee baallii qaba. Seera kana abbaa kiyya irraa fudhadhe.»
19
Eeganaa sababaa dubbii kanaatiif Yihuudota wodhakka'atti gargar wol fooyan.
20
Isaan keessaallee namoonni hedduu, «Inni jinnii uf keessaa qaba! maraateera! Isin maaf isa caqaftan?» jedhan.
21
Kuuwwan ammo, «Kun dubbii nama jinnii qabuutii miti! Jinniin ija worra ijaan hin arginee banuu danda'aa?» jedhan.
22
Yerusaalemitti ayyaana mana woyyu'uu haarawoomsu'uutitu jira; hennaan sunillee ganna.
23
Yesuusillee mana woyyuu balbala Solomoonii afoo deddeebi'a'aa ture.
24
Yihuudonni isa marsanii, «Haga yoomii mamii keessa nu tursiifta? Ati yoo Kiristoosiin taate ifa godhii nutti himi» jedhaniin.
25
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani isinitti hime; isin ammo hin amantan; hujiin ani maqaa abbaa kiyyaatiin hojjadhu kun waan kiyya raga.
26
Haa ta'uu ammo akkuma isinitti hime isin waan hoolota tiyya keessaa hin taaneef hin amantan.
27
Hoolonni tiyya laagaa kiyya hin dhagayan; anillee isaan beeka; isaanillee na faanaa deeman.
28
Anillee jireenna bara baraa isaanii kenna, baraa haga bara baraallee hin badan, eennullee harka kiyya keessaa isaan hin baasu.
29
Abbaan kiyya ka naa kenne maraa caala; eennullee harka Abbaa kiyyaatii isaan baasuu hin danda'u.
30
Anii fi Aabba tokko.»
31
Achiin maayessa Yihuudonni isa tumu'uuf dhagaa itti fudhatan.
32
Yesuus, «Abbaa kiyya irraa hujii mishaa heddu isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa waan hujii kamiitiif dhaga'aan na dhayu'uuf taatan?» isaaniin jedhe.
33
Yihuudonnillee, «Hujii misha'aaf si hin dhoofnu waan arraba keetiitiif; ati nama taatee waan Rabbiin uf gooteef» jedhanii deebisaniif.
34
Yesuus akkana jedhee isaanii deebise, ‹Isin waaqolee tolfama'a› ka jedhe «Seera keessanitti akkuma barreeffamee mitii?
35
Kitaabni diiggamuu waan hin dandeenneef, worra dubbiin Rabbii dhufeef sanniiniin kitaabni woyyuun, ‹Isin waaqole'e› yoo isaaniin jedhe,
36
‹Ani Ilma Rabbiiti› waan jedheef, isin ka Aabba woyyoomsee gara adunya'aa erge, ‹Rabbiin arrabsita› jettaniinii?
37
Ani yoo hujii abbaa kiyyaa hin goone na hin amaninaa'a.
38
Yoo godhe ammo, anallee yoo amanuu dhabaattan, Aabba akka ana keessa, anillee akka Aabbaan keessa ta'e akka beettanii fi akka qaabattan hujii isaa amanaa'a.»
39
Eeganaa ammallee deebi'anii isa qabuu barbaadan, inni ammo isaan jalaa miliqe.
40
Gara hulee Yohaannis duratti cuupha'aa turee Yoordaanosiin gamaa deebi'ee deemee achi bubbule.
41
Namoonni hedduu gara isaa dhufanii, «Yohaannis malkata tokkollee hin goone, haa ta'uu ammo wonti Yohaannis waan nama kanaa dubbate maruu dhuga'a» jedhan.
42
Achitti namoonni hedduu isatti amanan.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21