bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
John 13
John 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 14 →
1
Yesuus ayyaana Faasika'aa dura adunyaa kana irraa hennaan gara Abba'aa deemu akka gaye beekee, worra isaa ka adunyaa kana irra jiran, worra jaalate jaalala dhuma hin qabneen jaalate.
2
Uduu hurbaata nyaata'aaran daabiloos onnee Yihuudaa ilma Simoonii biyya Keriyootii keessa akka inni dabarsee Isa kennu yaada hamaa kaaye.
3
Yesuus Aabbaan maraa harka isaatitti dabarsee akka kenne Rabbiin biraallee akkuma baye, gara Rabbiillee akka deemu beekee,
4
Nyaata irraa ka'ee uffata ufii lafa kaayatee carqii ittiin luka gossu fuudhee mudhi'itti hidhatee,
5
Bisaan waan luka namaa ittiin dhiqanitti buuse. Luka darasootaa dhiqee carqii mudhi'itti hidhateen gossuu jalqabe.
6
Gara Simoon Pheexroosii dhufee inni isaan, «Gooftaa'a! luka tiyya dhixxaa?» jedhe.
7
Yesuus deebisee, «Waan ani godhu ati amma hin beettu; maayii ammo hin hubatta» jedheen.
8
Pheexroosillee, «Luka tiyya baraa haga bara baraa hin dhixxu» jedheen. Yesuusillee, «Yoo si dhiqe malee na woliin hiree hin qabdu» jedhee deebiseef.
9
Simoon Pheexroosillee, «Gooftaa'a! eegasuu luka tiyya calla'aa mitii harka kiyyaa fi mataa kiyyallee naa dhiqi!» jedheen.
10
Yesuusillee, «Ka dhiqate luka dhiqachuu malee ka biraa hin barbaachisuun nafti maruu ammo qulqullu'u. Isinillee qulqulloota; haa ta'uu ammo isin maraa miti» jedheen.
11
Ka dabarsee isa kennu waan beekuuf kanaafuu, «Isin marti qulqullootaa miti» isaaniin jedhe.
12
Luka isaanii dhiqee uffata ufii fudhatee deebi'ee taa'ee akkana isaaniin jedhe, «Waan ani isinii godhe hubattuu?»
13
Isin, ‹Barsiisa'aa fi Gooftaa› naan jettan; akkasuma waan ta'eef mishaa jettan.
14
Eeganaa ani Gooftaa fi barsiisaa yoo ta'u, luka keessan yoo dhiqe isinillee akkasuma luka wolii dhiqaa'a.
15
Akkuma ani isinii godhe isinillee akkasuma akka gootaniif fakkeenna isinii kenneera.
16
Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha garbichi Gooftaa ufii hin caalu ergamaanillee ka isa erge hin caalu.
17
Yoo beettanii kana gootan isin worra eebbifame.
18
«Waan keessan maraaf hin dubbadhu; ani worra filadhe san hin beeka; haa ta'uu ammo kitaabni, ‹Ka harka kiyya irraa nyaate deebi'ee natti ka'e› dubbiin jedhu akka raawwatamuuf.
19
Hennaa wonti sun ta'e ana akka ta'e akka amantaniif ammaa jalqabee firrisee uduu hin taane isinitti hima.
20
Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, namni nama ani erge simatu na simata; ka na simatu ka na erge simata.»
21
Yesuus kana jedhee keessi isaa raafamee, «Dhugama dhuga'atiin isiniin jedha, isin keessaa tokko dabarsee na kenna» jedhee rage.
22
Darasoonni waan eennuu akka dubbate mamanii deebi'anii wol laalan.
23
Darasoota keessaa ka Yesuus jaalatu ka qoma Yesuusiititti siqeeru,
24
Simoon Pheexroos, isa ijaan dhayee, «Waan eennuu akka dubbatte nutti himi» jedheen.
25
Inni gara qoma Yesuusii achi siiqee, «Gooftaa'a! eennu inni?» jedheen.
26
Yesuusillee, «Ka Ani xoroshoo cabsee kennuuf san» jedhee deebiseef; kutaa xorosho'oo fuudhee waan unataniin tuqee Yihuudaa ilma Simoonii ka biyya Keriyotitti kenne.
27
Ka inni kutee kenneef haga fudhateen maayessa hennama san Seexanni itti gale; Eeganaa Yesuus, «Waan godhu'uuf taatu dafii godhi!» jedheen.
28
Haa ta'uu ammo worra taa'an keessaa maaf akka kana jedhe eennullee hin hubanne.
29
Yihuudaan waan korojoo qabatuuf Yesuus ayyaanaaf waan barbaachisu akka bitu yookaan akka hiyyeeyyi'iif kennaa kennuuf gariin waan kanaaf jedhe isaanitti fakkaatee ture.
30
Inni kutaa san haga fudhateen maayii yoosuu baye; hennaan sun halkan ture.
31
Haga bayeen maayessa Yesuus akkana jedhe, «Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Rabbillee waan isaatiif ulfaateera.
32
Yoo Rabbi sababaa isaatiif kabajjame, Rabbillee akkasuma isa kabajja. Yoma san kabajjaanille'e.
33
Ijoollee tiyya! amma hennaa diqqoo isin woliin taa'a isin na soxxan, ‹Hulee ani dhaqu dhaquu hin dandeettan› jedhee akkuma Yihuudotatti hime isinittillee hima.
34
Akka wol jaalattan, akkuma anillee isin jaaladhe, isinillee akkasuma akka wol jaalattan ajaja haarawa isinii kenna.
35
Kunillee akka wol jaalattan, darasoota tiyya akka taatan, namoonni maruu kanaan isin beekan.»
36
Simoon Pheexroos, «Gooftaa'a! Eessa dhaqa'aarta?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Gara ani deemu amma na faana deemuu hin dandeettu; haa ta'uu ammo maayii na faanaa dhufta» jedhee deebiseef.
37
Pheexroosillee, «Gooftaa'a! Amma wonti si faanaa deemuu hin dandeenneef maali'i? Lubbuu tiyya sii kenna» jedheen.
38
Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Lubbuu tee naaf kennitaa? Dhugama dhuga'aatiin siin jedha uduu lukkuun hin iyyin hennaa sadihii na waakkatta» jedheen.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21