bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
John 16
John 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 17 →
1
Akka hin gufanneef kana isinitti hime.
2
Mana sagada Yihuudotaa keessaa isin baasan; kana calla'aallee miti; akkasuma worri isin ajjeesan maruu akka waan Rabbii hojjata'aaranii hennaan isaanitti fakkaatu hin dhufa.
3
Kanallee wonti isin irratti godhaniif Anaa fi Aabbaanillee waan hin beenneef.
4
Haa ta'uu ammo yoo hennaan gaye akka ani isinitti himetti akka yaaddaniif kana isinitti hime. Qara waan isin woliin jiruuf kana isinitti hin himne.
5
Amma ammo gara ka na ergee deema; isin keessaallee ka eessa deemta? jedhee na gaafatu hin jiru.
6
Haa ta'uu ammo kana waan isinitti himeef gadditaniirtan.
7
Ani ammo dhugaa isinitti hima; ani yoo deeme isinii woyya. Yoo ani hin deemnee ka isin jajjabeessu gara keessan waan hin dhufneef ani yoo deeme ammo isa isinii erga.
8
Innillee dhufee waan cubbu'uu, waan qajeellumma'aatii fi waan murti'ii adunya'atti hima.
9
Waan cubbuu isaaniitiif waan natti hin amanneef waan qajeellumma'aatiif gara Aabbaa waan deemuuf, asiin maayessa waan na hin argineef.
11
Waan murti'iitiif ammo bulchaa adunyaa tanaatitti duraanuu murteefameera.
12
«Waan isinitti himu ammallee waan heddu qaba. Haa ta'uu ammo mara isaa qaabachuu hin dandeettan.
13
Ayyaanni dhuga'aa hennaa dhufe ammo gara dhuga'aa maraa isin geessa. Waan dhagayu mara dubbata malee uf irraa waan hin dubbanneef waan dhufullee isinitti hima.
14
Inni na kabajja; na irraa fuudhee isinitti waan himuuf.
15
Wonti Aabbaa maruu kiyya. Kanaaf, ‹Ka ani qabu irraa fuudhee isinitti hima› jedhe.
16
Hennaa diqqo'oon maayessa na hin argitan, akkasuma hennaan diqqo'otu jira na argitan, ani gara Aabbaa waan deemuuf.
17
Darasoota keessaa gariin, « ‹Hennaa diqqo'otu jira, na hin argitan; ammallee hennaa diqqo'otu jira, na argitan; deebi'ee gara Aabbaa deema› ka jedhu kun maali'i?» woliin jedhan.
18
Eeganaa, « ‹Hennaa diqqoo ka jedhu kun maali'i?› waan inni dubbatu hin beennu» jedhan.
19
Yesuusillee akka gaafachu'uuf ta'an beekee akkana isaaniin jedhe, « ‹Hennaan diqqoon hin jirti na argitan, akkasuma hennaan diqqoon hin jirti na hin argitan› waan jedheef kana wol qortanii?
20
Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, isin hin boottan mararoo baafattan, biyyi lafaa ammo hin gammada. Isin hin gadditan. Haa ta'uu ammo gaddi keessan gara gammachu'uu jijjiirama.
21
Dubartiin hennaa deettu jiini dayiinsa isi'ii waan itti gayeef hin gadditi, haa ta'uu ammo yoo daa'ima deetteen maayii waan namni biyya lafaatitti dhalateef sababa gammaddeef maayessa dhiphachuu isi'ii san maraa hin irraanfatti.
22
Eeganaa akkasuma isinillee amma hin gadditan. Haa ta'uu ammo deebi'ee isin arga; garaan keessan hin gammada gammachuu keessanillee ka isin jalaa fudhatu hin jiru.
23
«Guyyaa san ana irraa waan tokko hin kadhattan, dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha Aabba waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa isinii kenna.
24
Haga ammaa maqaa kiyyaan womaa hin kadhanne. Akka gammachuun keessan guutuu ta'u kadhadhaa'a hin argattanii.
25
«Kana fakkeennaan isinitti himeera. Haa ta'uu ammo waan Aabba addaataa isinitti himu malee achiin gama mammaakaan hennaan hin dubbanne hin dhufa.
26
Guyyaa san maqaa kiyyaan kadhattan. Anillee waan keessaniif ‹Aabbaan isinii kadhadha› isiniin hin jedhu.
27
Isin waan na jaalattaniif akka Ani Rabbiin biraallee dhufe waan amantaniif Aabba inninuu waan isin jaalatuuf.
28
Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufeera; ammallee biyya lafaa gad dhiisa; gara Aabbaallee hin deema.
29
Darasoonni, «kunoo amma addaataa dubbata'aarta, womaa fakkeennaan hin dubbattu.
30
Maraa akka beettuuf eennullee akka si gaafachuu hin barbaanne amma beenneerra, kanaaf Rabbiin biraa akka dhufte hin amanna» jedhaniin.
31
Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Amma hin amantanii?
32
Amma isin maruu hennaan gara manaa bittinnooftan, sa'aatiin nallee hojjatti dhiiftan hin dhufa ammaa gayeera, haa ta'uu ammo Aabba waan na woliin jiruuf hojja kiyyaa miti.
33
Nageenni anaan akka isinii ta'uuf kana isinitti himeera; hennaa biyya lafaa keessa jirtan hin rakkattan, haa ta'uu ammo jabaadhaa'a! womaa miti ani biyya lafaa mooyadheera.»
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21