bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
John 18
John 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 19 →
1
Yesuus haga kana jedheen maayessa darasoota ufii woliin ta'ee gara hulee biqiltuun jirtu gara Qeediroonii ceeyee gama gara hulee ashaakilti'ii seenan.
2
Yesuusii fi darasoonnillee hennaa hedduu achitti waan wol gayaniif Yihuudaan dabarsee isa kennellee hulee san hin beeka.
3
Kanaaf Yihuudaan loltoota, bulchoota gadootaatii fi Fariisonnillee ergamtoota simatanii ibsoo shawa'aa, uffata lolaa, wonte'ee fi eboo qabatee garas isa faana dhufe.
4
Yesuusillee waan itti dhufuuf ta'u maraa beekee bayee, «Eennuun soqa'aartan?» isaaniin jedhe.
5
«Yesuusii Naazireeti'iiti» jedhanii deebisaniif. Yesuus, «Aninuu isa» isaaniin jedhe. Yihuudaan dabarsee isa kennellee isaanuma woliin dhaabateera.
6
Eeganaa haga inni, «Aninuu isa» isaaniin jedheen maayessa uf duubaan sissiiqanii lafatti gad kufan.
7
Akkasuma ammallee, «Eennuun barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Yesuusii Naazireeti'iiti» jedhaniin.
8
Yesuus deebisee «ana isaaniin jedhe; Eeganaa Ana yoo soqa'aa jiraattan, kunniin haa deemanii dhiisa'aanii» jedhe.
9
Kun, «Ka naa kennite kanniin keessaa tokkochallee hin balleessine» dubbiin jedhu akka raawwatamuuf.
10
Simoon Pheexroos waan guraadee qabateeruuf ol luqqifatee garbicha bulchaa gadootaa dhayee gurra mirgaa irraa mure. Maqaan garbichaa «Maalkoos» jedhama.
11
Yesuus Pheexroosiin, «Guraadee kee qola keessatti gad deebifadhu! Mijuu Abbaan kiyya naa kenne hin dhuguu?» jedheen.
12
Eeganaa loltoonninii fi ajajaan kumaa, hojjattoonni Yihuudotaallee Yesuusiin qabanii hidhan. Dura gara Haanna'aa fidan.
13
Haannaan soddaa Qayyaaffa'aati, Qayyaaffaan ammo bara san bulchaa gadootaati.
14
Qayyaaffaanillee namni tokko waan bani'iitiif du'uu woyya jedhee ka Yihuudota gorse ture.
15
Simoon Pheexroosii fi darasaan biraallee Yesuusiin faana deeman. Darasaan sun bulchaa gadootaa biratti beekkama'a. Yesuusiin woliin gara dallawa bulchaa gadootaa seene.
16
Pheexroos ammo diida balbala dhaabateera. Eeganaa bulchaa gadootaa biratti beekkamaa ture. Darasaan biraallee bayee ta balbala eeddutti himee Pheexroosiin seensise.
17
Hojjattuun balbala eeddu Pheexroosiin, «Atillee darasoota keessaa tokkoomii?» jetteen. Inni ammo, «Wa'a, anaa miti» jedhe.
18
Waan qorri tureef hojjattoonninii fi eeddoonni ibiddaa bobeessanii dhaabatanii oo'ifata'aa turan. Pheexroosillee akkasuma isaan woliin dhaabatee oo'ifata'aa ture.
19
Bulchaan gadootaa Yesuusiin waan darasootaatii fi waan barumsaa gaafateen. Yesuusillee deebisee, «Ani namoota afo'otti addaataa Adunya'atti dubbadheera. Mana sagada Yihuudonni maruu itti wol gayanitti, Mana Woyyuu keessatti,
20
Ani hennaa maraa barsiisa; dhossa'atti womaa hin dubbanne.
21
Waan maali'ii na gaafattan? Worra waan ani itti hime dhagayan gaafadhu. Kunoo kunniin waan ani dubbadhe hin beekanii» jedheen.
22
Hennaa inni kana jedhe worra hojjattootaa ka achi dhaabata'aa turan keessaa tokko, «Bulchaa gadootaatitti akkana deebiftaa?» jedhee Yesuusiin dhabanaasa'aan dhaye.
23
Yesuusillee deebisee, «Yoo badaa dubbadhee jiraadhe, waan hama'aaf ragi; yoo waan mishaa dubbadhee jiraadhe ammo maaf na dhoofta?» jedheen.
24
Kanaaf Haannaan akkuma Yesuus hidhameen gara Qayyaaffaa bulchaa gadootaa ergeen.
25
Simoon Pheexroosillee dhaabatee ibidda oo'ifata'aa ture. Eeganaa «Ati ammo darasoota isaa keessaamii?» jedhaniin. Innillee, «Anaa miti» jedhee waakkate.
26
Firri namicha Pheexroos gurra muree tokko, ka garbicha bulchaa gadootaa ta'e keessaa, «Ani hulee biqiltu'uutitti isa woliin si hin arginee?» jedheen.
27
Akkuma Pheexroos lammeessoo waakkateen yoosuu lukkuun iyye.
28
Yesuusiin qe'ee Qayyaaffa'aatii gara moonaa bulcha'aa fidaniin, hennaan sunillee ganama ture. Isaanillee waan hoolaa ayyaana Faasika'aa nyaachuuf ta'aniif akka hin xuroofneef jedhanii gara kaloo bulcha'aa hin seenne.
29
Kanaaf Philaaxoos gara diidaa gara isaanii bayee «nama kana waan maali'iitiif himattan» isaaniin jedhe.
30
Isaanillee deebisanii, «Kun uduu ka hamaa hin hojjanne ta'ee, silaa sitti dabarsinee hin kenninu» jedhaniin.
31
Philaaxoos, «Isin deema'aatii akka seera keessaniititti itti murteessaa'a» isaaniin jedhe. Yihuudonni, «Nu eennuunillee akka ajjeefnuuf seerri nuu hin kennu» jedhaniin.
32
Yesuus du'a attamii akka du'u'uuf ta'u mudhisu'uuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf.
33
Philaaxoosillee deebi'ee gara mana bulcha'aa seenee Yesuusiin waamee, «Mootiin Yihuudi'ii si'ii?» jedheen.
34
Yesuusillee deebisee, «Kana ka jettu ufuma irraa mo'o yookaan kaawwantu waan kiyya sitti hime?» jedheen.
35
Philaaxoos deebisee, «Ani Yihuudi'ii ree? Worri keetii fi bulchoonni gadootaa wonti natti dabarsanii si kennaniif maal gooteeti?» jedheen.
36
Yesuusillee deebisee, «Mootummaan tiyya ta biyya lafaa tanaa miti. Uduu mootummaa adunyaa tanaa ta'ee Yihuudotatti akka hin kennamne silaa worri na faanaa deeman naa lolan. Amma ammo mootummaan tiyya asii miti.»
37
Philaaxoosillee «eeganaa ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani akka mootii ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe.
38
Philaaxoos, «Dhugaan maali'i?» jedheen. Kana jedhee deebi'ee gara Yihuudotaa bayee, «Ani yakka tokkollee isa irratti hin argine.» jedhe.
39
Haa ta'uu ammo Ayyaana Fasika'aatiif mootichi nama tokkicha akka isinii hiiku aadaa qabdan. Kanaafuu akka mootii Yihuudi'ii isinii hiiku feetanii?» isaaniin jedhe.
40
Martinuu deebisanii, «Baarbaaniin malee kanaa miti» jedha'aa iyyan. Baarbaan ammo saamtuu ture.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21