bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
John 20
John 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 21 →
1
Jalqaba torbaanii guyyaa Dilbataa Maariyaam ta qachaa Magidala'aa ganama obboroo gara hulee awwaalaa dhufte; dhagaan ka awwaala irraa gangalfameeru argite.
2
Fiiga'aa gara darasicha Yesuus jaalatuu fi gara Simoon Pheexroosii dhaxxee, «Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beennu» isaaniin jette.
3
Kanaaf Pheexroosii fi darasaan biraallee bayanii gara awwaalaa dhaqan.
4
Isaan lamaanuu woliin fiiganii darasaan biraallee Pheexroosiin bira lufee daddafee afo'otti fiigee firrisee hulee awwaalaa gaye.
5
Gad jedhee yoo laalu uffata isaan sattaran achitti arge; haa ta'uu ammo hin seenne.
6
Simoon Pheexroosillee isa faanaa dhufee awwaala keessa seene.
7
Uffata isaan sattaran achitti arge. Akkasuma uffata mataa isaa irra ture kopha'atti ka hulee tokkotti marameeru arge.
8
Ka hennaa san firrisee gara hulee awwaalaa dhufee ture darasichi biraallee seenee argee amane.
9
«Ka worra du'an keessaa hin ka'a» jedhu ka haga hennaa sanii waan hin hubanneef.
10
Darasoonni deebi'anii gara mana ufii deeman.
11
Maariyaam ammo booya'aa awwaalaan ala diida dhaabata'aa turte. Booya'aa awwaalatti gad jettee laalte.
12
Maleekkaan lamaa uffata adii uffatanii hulee reeffi Yesuusii ciisee ture tokko mataa irraan, kuun jalaan taa'ee argite.
13
Isaanillee, «Intala nana! maaf bootta?» isi'iin jedhan. Isiinillee, «Gooftaa kiyya fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beenne!» isaaniin jette.
14
Kana jettee uf duuba midhattee yoo laaltu Yesuusiin ka dhaabateeru argiteen. Isiin ammo Yesuusiin akka ta'e hin beenne.
15
Yesuusillee, «Intala nana! maaf bootta? Eennuun soxxaa?» jedheen. Isiinillee nama biqiltuu eegu seetee, «Gooftaa kiyya! Ati yoo fudhattee jiraatte eessa akka keette natti himi; anillee dhaqee fudhadhaa» jetteen.
16
Yesuusillee, «Maariyaam» jedheen; isiinillee uf duuba laaltee Ibraayisxiffaan, «Rabbunii» jetteen; hiikkaanillee, «Barsiisaa'a!» jechu'u.
17
Yesuusillee, «amma gara Abbaa kiyyaa waan ol hin baaneef, «Na hin tuqin! deemiitii gara obboleewwan kiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaa fi keessanii gara Waaqa kiyyaa fi keessanii ol baya'aara› jedhii isaanitti himi!» isi'iin jedhe.
18
Maariyaam ta qachaa Maqidala'aa gara darasootaa dhaxxee, ani Gooftaa argeera jette. Waan inni isi'itti hime maraa isaanitti himte.
19
Guyyaan sunillee torbaan keessaa guyyaa jalqabaati; hennaa dhiye hulee darasoonni wol gayanii turanitti Yihuudota waan sodaataniif uduu balbala cufatanii jiran, Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe.
20
Kana jedhee harkaa fi kalee ufii isaanitti mudhise; darasoonnillee haga Gooftaa argan hin gammadan.
21
Yesuus ammallee lammata, «Nageenni isiniif haa ta'u. Akkuma Aabba na erge, Anillee isin erga» isaaniin jedhe.
22
Kana jedhee hafuura isaanitti baafatee, «Ayyaana Woyyuu fudhadhaa'a!
23
Worri isin cubbuu isaanii dhiiftaniif maruu cubbuun isaanii dhiifama. Yoo isin araaramu'uufii baattan, isaan araara hin argatan» isaaniin jedhe.
24
Haa ta'uu ammo kudha lamaan keessaa tokko, «Didimoos» namni jedhamu Toomaas hennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru.
25
Darasoonni kuuwwan, «Gooftaa argineerra!» jedhaniin. Inni ammo, «Harka isaa ka mismaari'iin woraanname malkata san argu malee, quba kiyyallee qaalawa san keessa kaayu malee, kalee isaa keessa cinaacha keessa yoo harka hin keenne hin amanu» isaaniin jedhe.
26
Guyyaa saddeetaan maayii akkasuma darasoonni mana keessa turan. Toomaasillee isaan woliin jira. Uduma balballi cufameeru Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u» isaaniin jedhe.
27
Achiin maayessa Toomaasiin, «Quba kee asi fidiitii harka kiyya laali, harka kee fidiitii kalee kiyya keessa kaayi, nama amante ta'i malee ka hin amanne hin ta'in!» jedheen.
28
Toomaasillee, «Gooftaa kiyya Waaqaa kiyya!» jedhee deebiseef.
29
Yesuusillee, «Ati waan na argiteef amanteerta; worri uduu hin argine amanan isaan worra eebbifame!» jedheen.
30
Yesuus maalalee biraallee ka kitaaba kana keessatti hin barreeffamne heddu darasoota afo'otti godhe.
31
Haa ta'uu ammo Yesuus inni Kiristoos ilma Rabbii akka ta'e akka amantan amantiinillee maqaa isaatiin jireenna akka isinii ta'u kun barreeffameera.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21