bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
John 5
John 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 6 →
1
Kanaan maayii Yesuus ayyaana Yihuudotaatii fi gara Yerusaalemii ol baye.
2
Yerusaalemiin keessa karra hoolotaa bira haroon afaan Ibraayisxiitiin «Beetasaayidaa» jedhamtu takkatu jira, isiin karaa ittiin seenan shan qabdi.
3
Kanniin keessatti baniin hedduu worri dhibame, worri ijaan hin argine, worri naafate, worri nafti isaanii laamshaye socho'uu bisaanii eega'aa achi ciisan.
4
Hennaa gari garii Maleekkaan Rabbii bu'ee bisaan waan sochoosuuf. Haga bisaan socho'een maayessa, hennaa san namni firrisee bisaan keessa seene dhibee maraa irraa hin fayya.
5
Hulee san namicha woggaa soddomii saddeetaaf dhibame tokkotu jira.
6
Yesuus namicha kana uduu inni achi ciisu argee, bara hedduu haala akkasii keessa akka ture beekee, «Fayyuu barbaaddaa?» jedheen.
7
Dhibamaan sun, «Gooftaa kiyya! hennaa bisaan socho'u nama achi keessa na buusu hin qabu; yoo ani bu'uuf tattaafadhu ka biraatitu na firrisee keessa bu'a» jedhee deebiseef.
8
Yesuus, «Ka'i! itillee irra ciiftu baadhadhuu deemi» jedheen.
9
Namichi yoosuu fayyee itillee ufii baadhatee deeme. Guyyaan sun Sambata ture.
10
Kanaafuu Yihuudonni namicha fayye saniin, «Guyyaan Sambata waan ta'eef itillee irra ciiftu baadhattee akka deemtu seerri sii hin kennu» jedhaniin.
11
Inni ammo, «Namicha na fayyise santu, ‹Itillee tee baadhadhu deemi!› naan jedhe» jedhee isaanii deebise.
12
Isaanillee, «namichi itillee tee baadhadhuu deemi siin jedhe eennu?» jedhanii gaafataniin.
13
Haa ta'uu ammo hulee san baniin heddu waan tureef Yesuus achii siiqee waan tureef namichi isa fayyise eenuun akka ta'e hin beenne.
14
Achiin maayii Yesuus mana woyyuu keessatti isa argeenii, «Kunoo fayyiteerta; wonti kana caalu akka si irra hin geenne ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen.
15
Namichi deemee ka isa fayyise Yesuusiin akka ta'e Yihuudotatti hime.
16
Waan guyyaa Sambataatiin waan kana godheef Yihuudonni Yesuusiin reebanii ajjeesu'uuf soqa'aa turan.
17
Yesuus ammo, «Abbaan kiyya haga adhaa hin hojjata; anillee akkasuma hin hojjadha» isaaniin jedhe.
18
Eeganaa waan Sambata diige calla'aafii miti, akkasuma Rabbi abbaa kiyya jedhee Rabbiin waan uf qixxeesseef, Yihuudonni isa ajjeesu'uuf guddisanii soqaniin.
19
Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe. «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, waan Aabba uduu godhu arge malee, ilmi baallii ufiitiin womaa godhuu hin danda'u; waan Aabba hojjatu; Ilmillee akkasuma waan hojjatuuf.
20
Aabba Ilma waan jaalatuuf, waan godhu maraa itti mudhisa, akka isin maalalfattaniif hujii kana caalu isatti mudhisa.
21
Akkuma Aabba, worra du'an kaasee jireenna isaanii kennu, akkasuma ilmillee worra jaalatuuf jireenna kenna.
22
Namoonni maruu akkuma Abbaan kabajjan Ilmallee akka kabajjanii fi murtii maraa Ilmaa kenne malee, Aabba nama tokkichattillee hin murteessu. Ka ilma hin kabajjine, Abbaa isa ergellee hin kabajju.
24
Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka dubbii kiyya dhagayu, ka ana ergettillee ka amanu jeennata argata; du'aa gara jireennaatitti ceeyeera; gara murtii du'aa hin dhufu.
25
Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, worri du'an hennaan laagaa Ilma Rabbii dhagayan hin dhufa; innillee ammuma. Worri dhagayan lubbu'uun jiraatan.
26
Akkuma Aabba ufitti jireenna qabu, Ilmillee akkasuma ufitti jireenna akka qabaatuuf isaa waan kenneeruuf,
27
Ilma Namaa waan ta'eef akka murtii kennuuf baallii kenneef.
28
Worri awwaala keessa jiran martuu sa'aatiin laagaa isaa dhagayan hin dhufa.
29
Worri waan mishaa hojjatan jireennaaf ka'an; worri dhara hojjatan murti'iif du'aa waan ka'aniif kana hin maalalfatinaa'a.
30
«Ani baallii kiyyaan womaa godhuu hin danda'u. Akkuma dhagayetti murteessa. Murtiin kiyyallee qajeela'a. Fedha ka ana ergee malee fedha kiyya hin barbaadu.
31
Ani waan kiyya waan mataa kiyyaa yoo rage, ragaan kiyya dhuga'aa miti.
32
Ka waan kiyya ragu ka biraati, ragaan inni waan kiyya ragu akka dhugaa ta'e hin beeka.
33
Isin gara Yohaannisii namoota ergitaniirtan; innillee dhuga'aaf rageera.
34
Ani ammo nama irraa ragaa hin fuudhu. Akka isin fayyitaniif kana jedha malee.
35
Inni ibsoo bobayuu fi ifu. Isinillee bara diqqo'oof ifa sanitti gammaduu barbaaddan.
36
Ani ammo ragaa ragaa Yohaannisii caalu qaba. Aabba akka raawwaadhuuf hujii naa kenne. Hujiin hojjata'aaru kun, Aabba akka na erge waan kiyya waan raguuf.
37
Aabbaan na ergellee waan kiyya rageera. Isin laagaa isaa womaa hin dhageenne. Bifa isaallee hin argine.
38
Isin ka inni ergetti waan hin amanneef, dubbii isin woliin jiraatu hin qabdan.
39
Isin kitaabbilee woyyootaan waan jeennata argattan waan isinitti fakkaatuuf isaan qortan. Isaan garuu waan kiyya ragan!
40
Haa ta'uu ammo jeennata argatu'uuf gara kiyya dhufuu hin feetan.
41
«Ani nama irraa ulfinna hin barbaadu.
42
Haa ta'uu ammo isin jaalala Rabbii akka uf keessaa hin qabne hin beeka.
43
Ani maqaa abbaa kiyyaatiin dhufeera. Isin garuu na hin simanne ka biraa uduu maqaa ufiitiin dhufee isa ammo hin simattan.
44
Isin ka wolii ulfinna kennitan ulfinna Rabbii tokkicha irraa dhufu worri hin barbaanne attamitti amanuu dandeettan?
45
Ani Abbaa kiyya biratti waan isin himadhu isinitti hin fakkaatin. Ka isin himatu hin jira jedhe; inni Muusee isin abdii godhattan.
46
Silaa uduu Muuse'ettuu amantanii jiraattanii, nattillee hin amantan. Inni waan kiyya waan barreesseeruuf.
47
Isin ammo kitaabota yoo hin amanne dubbii kiyya attamitti amanuu dandeettan?
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21