bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
John 6
John 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 7 →
1
Kanaan maayessa Yesuus galaana Galiila'aa ka Xibiriyaadoos jedhamu ceeyee haga qaccee galaanaa fagoo dhaqe.
2
Maalalee inni dhibamtoota irratti godhe waan arganiif baniin hedduu isa faana deeme.
3
Yesuus gara gaaraa ol bayee darasoota ufii woliin achi taa'e.
4
Hennaa san Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture.
5
Yesuus ol jedhee baniin hedduu gara isaa uduu dhufu arge; Filiphoosiin, «Xoroshoo namoonni kunniin nyaatan eessaa binnaaf?» jedheen.
6
Inninuu waan godhu'uuf ta'u waan beekuuf, waan inni godhu laalu'uuf kana jedhe.
7
Filiphoos, «Isaan martinuu diqqo diqqoo akka afaaniin qaban uduu binnee; xoroshoon saantibii dhibba lamaatuu hin gayuuf» jedhee deebiseef.
8
Darasoota keessaa tokko obboleessi Simoonii Pheexroos Indiriyaas,
9
«Mucaan xoroshoo garbu'uu shanii fi qurxummii lamaan qabateeru tokko as jira jedhe. Haa ta'uu ammo namoota haganaa maraaf hin gayu» jedheen.
10
Yesuusillee, «Namoota akka taa'an godhaa'a» jedhe. Hulee san marga gudda'atu jira. Worri dhiiraa ka taa'an laakkobsi isaanii haga kuma shanii gaya.
11
Yesuus xoroshoo ol fuudhee galatoonfatee darasootatti kenne. Darasoonni worra taa'aniif kennan. Akkasuma qurxummiillee haga isaan barbaadan hireef.
12
Innillee haga quufaniin maayii darasootaan, «Wonti tokko uduu hin hafin hambaa hafe marumaa wolitti qabaa'a» isaaniin jedhe.
13
Kanaafuu wolitti qaban. Xoroshoo garbu'uu shanan nyaatan keessaa hambaan hafe masoobii kudha lamaa ta'e.
14
Sababaa kanaaf namoonni haga maalalee Yesuus godhe arganiin maayii, «Kun dhugama raaga gara adunyaa kanaa dhufe!» jedhan.
15
Sababa kanaaf Yesuus akka isaan hunnaan isa qabanii mootii isa godhachu'uuf itti dhufa'aaran beekee hojja ufii gara gaaraa ol baye.
16
Hennaa galgalaaye darasoonni gara galaana Qifirnaahoomii gad bu'an;
17
yabala yaabbatanii gama ceeyu'uuf ka'an; hennaan galgala ture, Yesuus gara isaanii hin dhufne ture.
18
Bubbeen jabaan waan guddisee bubbiseef galaanni raafame.
19
Haga kiiloo meetira jahaa keessa deemaniin maayii, Yesuus galaana irra deema'aa gara yabala isaanii hennaa dhiyaate arganii isa sodaatan.
20
Inni ammo, «Anaa hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe.
21
Kanaaf yabala isaaniitiin isa fudhachuu barbaadan. Yoma san yaballi isaanii gara lafa qarqara bisaanii geette.
22
Baniin haga lafti bari'e galaana gama dhaabatanii turan. Yabala takkatti'ii achi Yaballi biraa akka achi hin jirree fi darasoonni isaa ufumatti waan deema'aaraniif, Yesuus darasoota woliin gara yabalaa akka hin seenne argan.
23
Haa ta'uu ammo Yaballan biraa gara hulee Gooftaan buddeena itti eebbisee nyaatan san gara Xibiriyaadoosii dhufan.
24
Baniinillee Yesuus yookaan darasoonni achi akka hin jirre haga argan, ufumaa yabala keessa seenanii Yesuusiin soqa'aa gara Qifirnaahoomii dhaqan.
25
Isaan hennaa galaana gamatti isa argan «Barsiisaa'a! yoomiin garana dhufte?» jedhaniin.
26
Yesuus deebisee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, wonti na barbaaddaniif waan buddeena nyaattanii quuftaniif malee, waan maalalee argitaniifii miti.
27
Nyaata baduuf hin hojjatinaa'a. Haa ta'uu ammo nyaata jireenna bara baraa ka Ilmi Namaa isinii kennuuf hujaa'a; isa san Rabbi Aabbaan chaapaa ufii waan irra kaayeef.»
28
Isaanillee, «Eeganaa hujii Rabbii hojjachu'uuf maal haa goonu?» jedhaniin.
29
Yesuus deebisee, «Hujiin Rabbii kun, ka inni ergetti akka amantaniif» isaaniin jedhe.
30
Isaan akkana jedhaniin, «Eeganaa arginee akka amannuuf maalaleen ati gootu maali'i? Maal hojjattalle'e?
31
‹Akka nyaataniif samii irraa xoroshoo kenneeraaf› jedhamee akkuma barreeffame, Abboonni teenna lafa udume'eetitti nyaata sami'ii nyaatan.»
32
Yesuusillee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha! ka xoroshoo dhuga'aa samii irraa isinii kennu Abbaa kiyya malee Muuse'ee miti.
33
Xoroshoon Rabbii ka sami'ii bu'u ka adunya'aaf jireenna kennu» isaaniin jedhe.
34
Kanaafuu namoonni, «Gooftaa'a! nyaata kana hennaa maraa nuu kenni» jedhaniin.
35
Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Xoroshoon jireennaa Ana; ka gara kiyya dhufu horomaa hin beelawu; ka anatti amanu hennaa maraa horomaa hin dheebotu.
36
Haa ta'uu ammo na argitanii waan hin amanneef kana isiniin jedhe.
37
Ka Aabba naa kennu maruu gara kiyya dhufa. Anillee ka gara kiyya dhufu maraa sirimaa gara diidaa hin baasu.
38
Sami'ii wonti bu'eef fedha kiyya hojjatu'uuf uduu hin taane, fedha ka ana ergee raawwatu'uuf.
39
Fedhiin ka ana ergee, worra inni naa kenne maraa keessaa tokkochallee akka hin balleessine; guyyaa dhumaa akka isa kaasuuf.
40
Namni Ilma isaa argee itti amanu maruu jeennata bara baraa haa argatu'uuf fedhiin abbaa kiyyaa kana. Anillee guyyaa dhumaa du'aa kaasaan.
41
Eeganaa Yihuudonni, «Xoroshoon sami'ii bu'e ana» waan jedheef isatti guunguman.
42
«Kun Yesuusii ilma Yooseefii ka haadhaa fi abbaa isaa beennuu mii? Eeganaa attamitti, ‹Sami'ii bu'e› jedha ree?» jedhan.
43
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ufii wolitti hin gururi'inaa'a.
44
Abbaan na erge yoo ufitti waame malee ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru. Anillee guyyaa dhumaa san du'aa isa kaasa.
45
‹Isaan martinuu worra Rabbiin irraa baratan ta'an› jedhamee raattotaan barreeffameera. Eeganaa ka Abbaa irraa dhagayee fi ka barate maruu gara kiyya dhufa.
46
Namni Aabbaan arge eennullee hin jiru. Ka Rabbiin biraa dhufetu Aabbaan arge malee.
47
Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amane jireenna bara baraa qaba.
48
Nyaanni jireennaa ana.
49
Abbootiin teessan lafa udume'ee keessatti nyaata mannaa jedhamu nyaatan; haa ta'uu ammo hin du'an.
50
Namni isa irraa nyaate akka hin duune xoroshoon amma sami'ii bu'e kana.
51
Nyaanni sami'ii bu'e jiraataan Ana. Namni buddeena kana irraa yoo nyaate, bara baraan jiraata. Nyaanni jireenna ka ani adunya'aaf kennu foon kiyya» isaaniin jedhe.
52
Eeganaa Yihuudonni, «Namni kun attamitti foon isaa haa nyaannu'uuf nuu kennuu danda'a?» jedhanii wol morman.
53
Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, yoo foon Ilma Rabbii nyaattanii fi dhiiga isaallee yoo dhuguu dhabaattan, ufitti jireenna bara baraa hin qabdan.
54
Ka foon kiyya nyaatuu fi ka dhiiga kiyyallee dhugu jireenna bara baraa qaba. Anillee guyyaa dhumaa du'aa isa kaasa.
55
Foon kiyya nyaata dhuga'aati; dhiinni kiyyallee dhuddoo dhuga'aa waan ta'eef.
56
Ka foon kiyya nyaatee fi ka dhiiga kiyyallee dhuge na keessa jiraata; Anillee isa keessa jiraadha.
57
Akkuma Aabbaan jiraataan na erge, anillee akkuma sababaa Abbaa kiyyaatiin jiraataa ta'u, akkasuma ka ana nyaatullee sababaa kiyyaan jiraataa ta'a.
58
Nyaanni samii irraa bu'e kana. Akka Abbootiin teessan nyaata sami'ii ka mannaa jedhamu nyaatanii du'anii miti. Ka nyaata kana nyaate haga bara baraa jiraata.
59
Yesuus waan kana Qifirnaahoomitti mana sagada Yihuudotaa keessatti uduu barsiisu jedhe.
60
Darasoota keessaa hedduun isaanii hennaa kana dhagayan, «Kun dubbii nama qaajjibbeessu; eentu isa dhagayuu danda'a?» jedhan.
61
Yesuus ammo darasoonni waan kanaaf akka gururi'an garaa ufii keessatti beekee akkana isaaniin jedhe, «Kun isin gufachiisaa?
62
Eeganaa Ilmi Namaa gara hulee dura tureetitti hennaa ol bawu yoo argitan atta ta'ittu?
63
Ka Jireenna namaa kennu Ayyaana Rabbiiti. Foon womaa hin fayyadu, dubbiin ani isinitti hime Ayyaana, jireennalle'e.
64
Haa ta'uu ammo isin keessaa worri hin amanne hin jiran.» Yesuusillee worri hin amanne eennu fa'aa akka ta'an; ka dabarsee isa kennullee eennuun akka ta'e durumaa waan beekuuf.
65
Kanaaf akkana isiniin jedha, «Yoo Aabbaan irraa kennameef malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru» jedhe.
66
Sababaa kanaaf darasoota keessaa heddu isaanii gara duubaa deebi'an; achiin maayessa isa woliin hin deemne.
67
Yesuusillee darasoota kudha lamaaniin, «Isinillee ammo deebitanii deemuu barbaaddanii?» jedhe.
68
Simoon Pheexroos, «Gooftaa kiyya! gara eennuu deemna? Ati dubbii jireenna bara baraa qabda.
69
Nullee ati Kiristoos Ilma Rabbii jiraata'aa akka taate amanneerra; beenneerralle'e» jedhee deebiseef.
70
Yesuusillee, «Ani kudha lamaan keessanii mii ka filadhe? isin keessaa tokko daabiloos» jedhee isaanii deebise.
71
Waan kana Yihuudaa ilma Simoonii ka biyya Keriyootiitiif dubbate. Inni kudha lamaan keessaa ta'ullee, ka Yesuusiin dabarsee kennu'uuf ta'u isa waan ta'eef.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21