bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
John 9
John 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 10 →
1
Uduu karaa san irra lufa'aaru nama urga dhalate irraa jalqabee ka ijaan hin argine ta'ee dhalate tokko arge.
2
Darasoonni, «Barsiisaa'a! akka namni kun ka ijaan hin argine ta'ee dhalatuuf ka cubbuu hojjate eennu? Isa mo'o worra isaati? jedhanii isa gaafatan.
3
Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Akka hujiin Rabbii isa irratti mudhatuuf malee, inni yookaan maatiin isaa cubbuu hin hojjanne.
4
Uduu hin halkanoofne hujii ka na ergee huja. Halkan eennullee hojjachuu hin dandeenne waan dhufuuf.
5
Ani haga adunyaa tana irra jiru, ifa adunya'aati!»
6
Kana jedhee lafatti gad tufee hancufaan biyyee dukkuusee dhoqqee ija namicha ijaan hin arginee dibee,
7
«Gara haroo Saalihoomii dhaqii dhiqadhu» jedheen; «Saalihoom» jechuun «ka ergame» jechu'u. Kanaaf dhaqee dhiqatee arga'aa deebi'e.
8
Ollaan isaatii fi worri achiin dura hennaa inni kadhatu arga'aa turan, «Kun ka taa'ee kadhatu sanii mii?» jedhan.
9
Gariin, «Isuma» jedhan; Kuuwwan ammo, «Wa'a! isa fakkaata malee isaa miti» jedhan. Inni ammo, «Anuma» jedhe.
10
Eeganaa, «Ijji tee attamiin sii banamte ree?» jedhaniin.
11
Innillee deebisee, «Namicha Yesuus jedhamutu biyyee jiisee ija tiyya dibee gara haroo Saalihoomii dhaqii dhiqadhu» naan jedhe. Anillee dhaqee dhiqadhee arge» jedhe.
12
Isaan, «Inni amma eessa jira?» jedhanii isa gaafatan. Inni, «Ani hin beeku» jedhe.
13
Namicha duraan ijaan hin argine ture gara Fariisotaa fidan.
14
Yesuus biyyee dhoqqeessee guyyaan ija isaa itti bane sun Sambata ture.
15
Kanaaf Fariisonni ammo attamitti akka arge ammallee isa gaafatan. «Inni dhoqqee ijatti naa godhe; hin dhiqadhe; ijji tiyyallee hin argite!» isaaniin jedhe.
16
Fariisota keessaa gari gariin, «Namni kun waan Sambata hin kabajjineef Rabbiin irraa hin dhufne» jedhan; kuuwwan ammo, «Namni cubbamaan attamitti maalalee akkanaa kanniin godhuu danda'a?» jedhanii wol fooyan.
17
Sababaa kanaaf namicha ijaan hin argine saniin, «Ati waan namicha ija tee banee maal jetta?» jedhaniin. Innillee, «Raatticha» isaaniin jedhe.
18
Yihuudonni namichi kun akka dura ka ijaan hin argine ta'e, maayessa ammo akka ijji isaa argite haga worra isaa waamanii gaafatanitti hin amanne.
19
Isaanillee maatii isaa, «Ilmi keessan ka ijaan hin argine ta'ee dhalate jettan kanaa? Eegasuu amma attamitti arguu danda'e ree?» jedhanii isaan gaafatan.
20
Maatiin isaallee isaaniin, «Kun mucaa keenna ta'uu'u; ka ijaan hin argine ta'ee dhalatuu isaa hin beenna.
21
Haa ta'uu ammo amma attamiin akka arge hin beennu yookaan ija isaa eennu akka bane nu hin beennu isa gaafadhaa'a inni nama gudda'aa; inninuu waan ufii hin dubbataa» jedhan.
22
Maatiin isaa waan Yihuudota sodaataniif kana jedhan; ka inni Kiristoos jedhee ragu yoo jiraate, Yihuudonni mana sagada Yihuudotaatii akka isaan hin baafneef Yihuudonni waan wolii galaniiraniif.
23
Kanaaf maatiin, «Inninuu nama uf danda'ee isa gaafadhaa'a!» jedhan.
24
Kanaaf namicha ijaan hin argine san ammallee waamanii, «Rabbiin kabajji namni kun cubbamaa ta'uu isaa nu hin beennaa» jedhaniin.
25
Innillee deebisee, «Ani ammo cubbamaa ta'uu isaa hin beeku, ani akka nama ijaan hin argine ture, amma ammo arguu kiyya callaa beeka» jedhe.
26
Ammallee deebisanii, «Maal sii godhe? Attamitti ija tee bane?» jedhaniin.
27
Innillee deebisee, «Qaraa isinitti himeera, isin ammo na hin dhageenne, maaf lammeessoo dhagayuu feetan? Isinillee akkasuma darasaa isaa ta'uu feetanii?» isaaniin jedhe.
28
Isaan ammo isa arrabsanii, «Situ darasaa isaati; nu ammo darasoota Muuse'eeti.
29
Rabbi akka Muuse'etti dubbate nu hin beenna. Namni kun ammo, inni eessaa akka dhufe hin beennu!» jedhaniin.
30
Namichillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eessaa akka dhufe wollaaluun keessan kun waan maalalchiisa'a! Waa maraafuu inni ija tiyya baneera.
31
Ka Rabbiin sodaatu, ka fedha isaallee hojjatu yoo jiraate isa sanii Rabbi dhagaya malee, cubbamtoota akka hin dhageenne hin beenna.
32
Ka ijji isaa hin argine ta'ee dhalate, urga adunyaan uumamte irraa jalqabee, ka nama ijaan hin argine fayyise dhagayamee hin beeku.
33
Namni kun uduu Rabbiin irraa dhufuu dhabaatee silaa womaa godhuu hin danda'u.»
34
Isaan ammo deebisanii, «Nafti kee hoomaanuu cubbu'uun dhalate. Situ nu barsiisaa?» jedhanii gara diidaa isa baasan.
35
Yesuus hennaa akka gara diidaa isa baasan dhagaye, «Ati Ilma Namaatitti amantaa?» jedheen.
36
Innillee deebisee, «Gooftaa kiyya! ani isatti amanu'uufuu inni eennu?» jedhe.
37
Yesuusillee, «Ati isa argiteerta innillee isuma si woliin qaaqa'aaru kana» jedheen.
38
Innillee, «Gooftaa kiyya! Hin amana» jedhee sagadeef.
39
Yesuusillee, «Worri hin argine akka argan; worri argan akka jaaman; ani gara adunyaa tanaa murti'iif dhufeera» jedhe.
40
Fariisota keessaa worri isa woliin jiran ammo kana dhagayanii, «Nu worra ijaan hin arginee?» jedhaniin.
41
Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Uduu worra ijaan hin argine taatanii silaa cubbuu isinitti hin ta'u; amma ammo hin argina jettan; cubbuun teessan ammo akkasumatti jiraatti» jedhe.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21