bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jonah 2
Jonah 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 3 →
1
Yoonaas garaa qurxummi'ii keessa taa'ee akkana jedhee Rabbii Waaqa ufii kadhate,
2
«Yaa Rabbi! ani rakkoo hamtuu keessa ta'ee si waamadhe; atillee naa deebifte; gargaarsa kee argachu'uuf qilee awwaalaa keessaa gara kee iyye; atillee naa dhageette.
3
Ati galaana xiillaa keessatti na gatte; naannaya kiyya bisaantu marse dambaliin kee jabaan na irra yaa'e.
4
Ani nama si jalaa bade; garuu ani deebi'ee mana kee woyyuu arga.
5
Bisaan haga mormaa na dhufe; galaanni sirima na liqimse, baalli margaa ka galaana keessatti baye mata'atti na marame.
6
Ani gaarran jalatti bade; lafa achi jalaa keessatti silaa baraa haga bara baraa natti cufamee ture; ati garuu Rabbi Waaqa kiyya! qilee bisaanii keessaa na baaftee lubbuu tiyya hambifte.
7
Hennaa lubbuun tiyya dadhabde Rabbiin qaabadhee, si'i Waaqa kiyya kadhadhe; kadhaan kiyya mana woyyuu keetitti si bira gaye.
8
Worri waaqolee tolfamaa sobaa faanaa deeman maruu amanamummaa sii qaban dhiisaniiran.
9
Fayyinni Rabbiin bira jira; kanaafuu faaruu galataa woliin ciincaa sii dhiyeessa; waan woreega sii qabe sii kenna» jedhee kadhate.
10
Kanaan maayessa ajaja Rabbiitiin qurxummiin Yoonaasiin lafa gogaa irratti tufe.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4