bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 2
Leviticus 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 3 →
1
Eennullee yoo kennaa midhaanii Rabbii dhiyeessu kennaan sun daakuu mishaa haa ta'uu; dhadhaallee itti haa buusuu; hixaanallee itti buusee,
2
gara gadoota ijoollee Aaroonii dhiyeessa; gadichi daakuu misha'aa fi dhadhaa ganaa tokkoo, hixaanallee fuudhee kennaa ibiddaan gubamee dhiyaatu ka Rabbitti urgaawu akka ta'u yaadanno'oof hulee ciinca'aa gubba'atti guba.
3
Kennaa midhaanii ka dhiyaate irraa ka hafe Aaroonii fi ijoollee isaatiif ta'a; kun kennaa ibiddaan Rabbiif dhiyaatu ka woyyoome.
4
Kennaa midhaanii ka eelee irratti bilchaate yoo dhiyeessitu xoroshoo daakuu misha'aa ka dhadha'aan sukkuumame yookaan xoroshoo bixilee haphii dhadha'aan dibame haa ta'uu.
5
Kennaan kee yoo ka eelee irratti bilchaate ta'e xoroshoo daakuu raacitii hin qabne ka dhadha'aan sukkuumame haa ta'uu;
6
cabsitee dhadhaa itti jissita; innillee kennaa midhaaniiti.
7
Kennaan kee yoo ka affeelamee bilchaate ta'e daakuu mishaa dhadhaa qabu haa ta'uu.
8
Kennaan midhaanii ka akkanatti hojjatame Rabbii haa dhiyaatuu; gadichatti kennamee gadichi gara hulee ciinca'aa dhiyeessa.
9
Gadichi kennaa midhaanii fuudhee yaadanno'oof kennaa urgaayaa Rabbii dhiyaatu godhee hulee ciinca'aa irratti guba.
10
Kennaan midhaanii ka hafe Aaroonii fi ijoollee Aarooniitiif ta'a; kun kennaa midhaanii ka guddisee woyyoome ka ibiddaan Rabbiif dhiyaatu.
11
Waan raacitii qabu dammallee yoo ta'e kennaa ibiddaan gubamu gootanii Rabbii hin dhiyeessitan; kennaan midhaanii ka Rabbiif dhiyeessitan maruu raacitii akka hin qabaanne;
12
kanniin ammo kennaa hangafaa gootanii Rabbii dhiyeessitan; akka ciincaa urgaaya'aatitti hulee ciinca'aatitti ciincaa gubatu gootee hin gubdu.
13
Kennaa midhaanii ka Rabbii dhiyeessitu maraa sooqiddaan mi'eessita; sooqidda midhaan waadaa Rabbii keessaa hin hanqisin; kennaa kee maraa sooqidda itti gootee dhiyeessita.
14
Midhaan duraa hangafa kennaa Rabbii gootee yoo dhiyeessitu ibidda irratti akaayamee sukkuumamee akka asheetaatitti dhiyeessita.
15
Dhadhaa itti buufta; hixaanallee itti buufta; kun kennaa midhaaniiti;
16
gadichillee midhaan sukkuumame, dhadha'aa fi hixaana waan maraa fuudhee yaadanno'oof guba; kun kennaa Rabbiif ibiddaan dhiyaatu.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27