bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 2
Luke 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 3 →
1
Ji'oota san keessa biyyi lafaa maruu akka galmaayu mootii mootota Awugisxoosiin biraa ajanyi baye.
2
Galmaayuun namaa kun jalqaba hennaa Qernewoos biyya Sooriya'aatitti bulchaa ture ta'e.
3
Namoonni martinuu galmaayu'uuf gara qacha'aa deeman.
4
Yooseef akkasuma dhalootaan fiixaa Daawitii waan ta'eef, qachaa Naazireeti ta Galiilaa keessatti argamtuu bayee gara qachaa Daawitii ta biyya Yihuudaa Beetaliheemiin dhaqe; inni galmaayu'uuf Maariyaamii qaadhima isaa ta ulfaa woliin achi ol baye.
6
Uduma isaan achi jiran jiini isiin deettu gaye.
7
Achitti ilma hangafaa deette; mana keessumma'aa keessatti huleen bulan waan hin jirreef daa'ima uffataan martee gongaa keessa raffifte.
8
Biyya san tissee halkan horii eeddutu jira.
9
Maleekkaan Goofta'aa dimmaa isaanitti mudhatee ulfinni Goofta'aallee isaanitti ifnaan bararraaqan.
10
Maleekkaan Rabbiillee akkana isaaniin jedhe, waan oduu gammachu'uu ka banii maraaf ta'u isinitti himuuf, «Hin sodaatinaa'a!
11
Adha qachaa Daawitii keessatti qorsi isinii dhalateera; innillee Gooftaa Kiristoos.
12
Kun malkata akka isinii ta'u, Daa'imni uffataan maramee gongaa keessa ka rafeeru argitan» isaaniin jedhe.
13
Maleekkonni sami'ii hedduu Maleekkaa Rabbii san woliin dimmaa mudhatanii,
14
«Samii irratti ulfinni Rabbiif; lafa irratti nageenni namoota inni jaalatuuf haa ta'u» jedhanii Rabbiin galatoonfatan.
15
Hennaa Maleekkonni isaan biraa fooyamanii gara sami'ii ol bayan tissoonni, «Ka'aa mee gara Beeteliheemii dhandhee, waan ta'e kana ka Gooftaan nutti hime laallaa!» woliin jedhan.
16
Isaan hennaa daddafanii dhaqan Maariyaamii fi Yooseefiin argan, Daa'imallee moonaa loonii keessa gongaa horiin okaya keessaa nyaatu keessatti argan.
17
Tissoonni hennaa isa argan waan Maleekkaan Rabbii waan daa'ima kanaa isaanitti dubbate odeessan.
18
Worri dhagayan maruu waan tisseen itti himte san hin maalalfatan.
19
Maariyaam ammo waan kana maraa garaa ufiititti yaada'aa eega'aa turte.
20
Tissoonni akkuma isaaniin jedhame waan dhagayanii argan maraafuu Rabbiin galatoonfata'aa kabajja'aa deebi'an.
21
Guyyaan sadeessoon geennaan hennaan daa'ima gadoomsan gaye, akkuma haati isaa uduu hin ulfaayiniin duratti Maleekkaan maqaa isaa baase san «Yesuus» jedhaniin.
22
Akka seera Muuse'eetitti ji'oonni qulqullinna isaanii hennaa raawwatame, seera Goofta'aatiin akkuma ilmi hangafaa maruu ka Goofta'aaf woyyoome jedhamee barreeffame Gooftaa afoo isa dhiyeessu'uuf, seera Goofta'aatiin akkuma cuquliisa lama yookaan ilmoolee handari'ii lama jedhame ciincaa dhiyeessu'uuf gara Yerusaalemii fidaniin.
25
Hennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalemiin keessa jiraatu tokkotu jira; Inni nama qajeela'a; ka jiruu ufii Rabbiif kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatu ka Ayyaanni Woyyuun irra jiru ture.
26
Nama Goofta'aan muudame uduu hin argine akka hin duune Ayyaana Woyyu'uun hubate.
27
Ayyaanaan gara mana woyyu'uu dhaqe; Maariyaamii fi Yooseef akka Seera Muuse'eetitti waan isa barbaachisu isaa godhu'uuf hennaa daa'ima qabatanii gara mana woyyu'uu seenan,
28
Inni daa'ima isaan harkaa fuudhee ammatee Rabbiin galatoonfata'aa akkana jedhe,
29
«Amma Gooftaa'a, abdii kennite guutteerta, ana tajaajilaa kee nagayaan hulee dhuga'aa geessi.
30
Ijji tiyya banii maraa afo'otti fayyinna ati qopheessite waan argiteef.
32
Kun ifa dhugaa worra Yihuudota hin ta'initti mudhisu ta'a; Gumii kee Israa'eliifillee ulfinna fida» jedhee Rabbiin galatoonfate.
33
Yooseefii fi Maariyaam waan Simoon waan daa'imaatiif dubbate maalalfatan.
34
Achiin maayessa Simoon isaan eebbise Maariyaamiin, «Daa'imni kun Israa'eliin keessatti nama hedduuf sababa badi'ii, nama hedduuf ammo sababaa fayyinnaa akka ta'uuf muudameera. Kunillee worra isaan mormuuf malkata ta'a; yaanni dhossa'aa ka garaa namoota hedduu keessa jiru ifatti baya Gaddi akka guraadee qarameellee garaa kee woraana» jedhe.
36
Raattittiin Haannaa jedhamtu ta guddiftee jaarteertu, mucattiin Faanu'eelii, ta gosa Aseerii takka achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba haga jiraatteen maayessa abbaan manaa isi'ii du'e.
37
Achiin maayessa haadha hiyyeessaa taate. Haga woggaa saddeettamii afurii abbaa manaa malee teette. Isiin mana woyyuu keessatti soomaa fi Rabbiin kadhachu'uun halkanii fi guyyaa Rabbiin tajaajilte.
38
Haannaan hennama san dhuftee Rabbiin galatoonfattee, waan daa'imaa worra bilisa bayuu Yerusaalemii eeggatu marattuu dubbatte.
39
Yooseefii fi Maariyaam haga waan Seerri Goofta'aa ajaju mara godhanii fixaniin maayessa gara qachaa ufii gara Naazireetii ka Galiilaa keessatti argamuu deebi'an.
40
Daa'imni guddatee jabaate; nama qaroo ta'e; badhaani Rabbiillee isa irra jira.
41
Abbaa fi haati isaallee woggama wogga'aan guyyaa ayyaana Faasika'aa gara Yerusaalemii dhaqan.
42
Hennaa mucaan woggaa kudha lamaa guute, akkuma baratame isaan gara Yerusaalemii dhaqan.
43
Guyyoonni ayyaanaa sun haga lufeen maayessa hennaa deebi'an Yesuus Yerusaalemitti hafe. Akka Inni achitti hafe Maariyaamii fi Yooseefillee hin beenne.
44
Imaltoota woliin waan deeme seeyanii deemsa guyyaa tokkoo deemanii firoota ufiitii fi nama beekan maraa iyyaafataniin.
45
Isaan hennaa achii isa dhaban soqa'aa gara Yerusaalemii deebi'an.
46
Guyyaa sadihiin maayessa mana woyyuu keessatti edduu barsiisotaa taa'ee isaan dhagaya'aa, hennaa inni gaafii isaan gaafatu argan.
47
Worri isa dhagayan martinuu beekkumsa isaatii fi deebii inni deebisu maalalan.
48
Abbaa fi haatillee hennaa isa argan hin maalalan. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu goote? Anii fi abbaan kee akka malee yaaddofnee si soqaa'aarra» jetteen.
49
Yesuus deebisee, «Isin maaf na soxxan? Ani mana Abbaa kiyyaa keessa taa'uu akka na barbaachisu hin beettanii?» isaaniin jedhe.
50
Isaan waan inni dubbate hin hubanne.
51
Achiin maayessa inni worra ufii woliin gara qachaa Naazireetii deebi'ee worraafillee ajajame. Haati isaa waan kana maraa garaa ufii keessatti eega'aa turte.
52
Yesuus ogumma'aa fi hojja'aan gaachenaanillee Rabbii fi nama afo'otti hin guddate.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24