bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 10
Mark 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
1
Yesuus bakka sanii ka'ee gara biyya Yihuuda'aatii fi laga Yoordaanos gama dhaqe. Ammallee gumiin guddaan gara isaa dachaanaan inni akkuma amala ufii isaan barsiise.
2
Fariisonni gariin dhufanii dubbii afaan isaatii bayuun isa qabu'uuf jedhanii namni haadha manaa ufii hiikuun seeraa? jedhanii gaafatan.
3
Yesuus ammo deebisee, «Seerri Muuse'ee maal jedha?» isaaniin jedhe.
4
Isaanillee deebisanii, «Muuseen ‹Namni tokko Woraqaa hiikka'aa kenneefii yoo hiike hin ta'a› jedheera» jedhan.
5
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Sababaa gar jabeenna keessaniitiif seera kana isiniif barreesse.
6
Jalqaba Rabbi hennaa uumamni uumamu, ‹Rabbi dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume;›
7
‹Kanaaf namni abba'aa fi haadha ufii hin dhiisa, haadha manaa ufii woliin wol ta'a.
8
Lamaanuu tokko ta'an.› Maarre achiin maayii isaan foon tokko malee lamaa miti.
9
Ka Rabbi tokko godhe namni addaan hin baasin!» isaaniin» jedhe.
10
Hennaa deebi'anii manatti galan darasoonni waan dubbii kanaa isa gaafatan.
11
Innillee deebisee, «Eennullee haadha manaa ufii dhiisee ka dubartii biraa fuudhu seebaru'uun yakkeera.
12
Akkasuma dubartiin abbaa manaa ufii jalaa baatee ta nama biraatitti heerumtu hin seebarti» isaaniin jedhe.
13
Namoonni gariin akka Yesuus harka ufiitiin qaqqabee eebbisuuf ijoollee didiqqoo gara isaa fidan. Darasoonni ammo isaan teedeffatan.
14
Yesuus ammo hennaa waan kana arge aaree, «Jeennanni Rabbii ta worra akka ijoollee tanaa ta'aniif waan taateef ijoolleen gara kiyya haa dhuftuu hin dhooggina'aa gad dhiisaa'a!
15
Ani dhugamaan isiniin jedha; eennullee ka jeennata Rabbii akka ijoolle'eetitti hin fudhanne horomaa itti hin galu» isaaniin jedhe.
16
Achiin maayii ijoollee ammatee harka ufiitiin qaqqabee isaan eebbise.
17
Yesuus achii ka'ee akkuma kara'atti bayeen namichi tokko gara isaa fiigee afoo isaatitti jilbiiffatee, «Barsiisaa mishaa'a! gara jireenna bara baraa galu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee gaafate.
18
Yesuus deebisee, «Maaf barsiisaa mishaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee mishaan eennullee hin jiru.
19
Ati seera ‹Hin ajjeesin, hin seebarin, hin hatin, dharaan nama irratti ragaa hin bayin, hin sobin, Abba'aa fi haadha tee kabajji› jedhu hin beetta» jedheen.
20
Namichillee deebisee, «Barsiisaa'a! Ani seera kana maraa ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegeera» jedheen.
21
Yesuus isa xiinxallee laalee jaalateenii, «Waan tokkotu si irraa dhidhata; dhaqii waan qabdu maraa gurgurii hiyyeeyyi'ii kenni; samii gubba'atti badhaadhummaa argattaa; achiin maayessa koottuu na faana deemi!» jedheen.
22
Namichi hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna guddaa waan qabuuf fuula ufii gurraachessee gaddee achii deeme.
23
Yesuus uf irra gara galee darasoota ufiitiin, «Worra dureeyyi'iif jeennata Rabbii galuun attam rakkisa'a!» isaaniin jedhe.
24
Darasoonni dubbii inni dubbate haga dhagayan hin maalalfatan. Yesuus ammo ammallee, «Ijoollee tiyya! jeennata Rabbii galuun attam rakko'o!
25
Namni dureessi tokko jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqu'utu salpha'a» isaaniin jedhe.
26
Kana irratti isaan akka malee maalalanii, «Eeganaa eentu fayyuu danda'a ree?» woliin jedhan.
27
Yesuus gara isaanii laalee, «Kun Rabbiif malee namaaf hin danda'amu; Rabbiif wonti maruu hin danda'ama» jedhe.
28
Pheexroosillee deebi'ee, «Nu maraa dhiifnee si faana deemneerra» jedheen.
29
Yesuus ammo deebisee, «Dhugamaan isiniin jedha; eennullee waan kiyyaa fi waan Dubbii Nagayaatiif mana, obboleeyyan, intallan haadhaa, haadha, abbaa, haadha manaa, ijoolle'ee fi qonna ufii dhiise,
30
lafuma tanatti manniin, obboleeyyan, intallan haadhaa, haawwota, ijoolle'ee fi qonna dachaa dhibba hin argata, adunyaa dhuftu keessattillee gara jireenna bara baraa hin gala.
31
Haa ta'uu ammo ka duraa duuba, ka duubaa afoo ta'a.»
32
Isaan hennaa gara Yerusaalemii dhaqu'uuf kara'atti bayan Yesuus afoo isaanii uduu deema'aaru maalalanii worri isa faanaa deeman sodaatan. Inni ammo worra kudhanii lamaan ammallee hojjatti isaan baasee, waan isa irra gayu'uuf ta'u isaanitti himuu jalqabe.
33
Inni isaaniin, «Gara Yerusaalemii hin baana; Ilmi Namaa harka bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti dabarfamee kennama. Isaan ammo yakka du'aa itti murteessan; worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan.
34
Isaan isatti baldan, itti tufan, hin tumaniin, hin ajjeesan; haa ta'uu ammo guyyaa sadeesso'ootitti hin ka'a» isaaniin jedhe.
35
Ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis gara Yesuusii dhufanii, «Barsiisaa'a! waan nu si kadhannu akka nuuf gootu barbaanna» jedhaniin.
36
Yesuus ammo, «Maal akka isinii godhu barbaaddan?» isaaniin jedhe.
37
Isaanillee deebisanii, «Hennaa teessoo kee ka ulfinnaa irra teette tokko mirga keetiin, tokko bitaa keetiin akka teennu barbaanna» jedhaniin.
38
Yesuus ammo, «Isin woma kadhattanuu hin beettan! mijuu ani dhugu dhuguu, cuuphaa ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe.
39
Isaan, «Hin dandeenna» jedhaniin. Yesuus, «Isin dhugamaan mijuu ani dhugu hin dhuddan, cuuphaa ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan.
40
Mirga kiyyaa fi bitaa kiyya ka teessisu anaa miti; huleen kun ka worra qophaayeef kennamu» isaaniin jedhe.
41
Darasoonni kurnan hafan hennaa kana dhagayan, Yaaqoobii fi Yohaannisiin loluu jalqaban.
42
Yesuus ammo gara ufii isaan waamee akkana isaaniin jedhe, «Bulchoonni worra Yihuudota hin ta'in bulchan hunnaan akka bulchan, bulchoonni isaaniillee baallii guutu'uun akka bulchan isinuu hin beettan.
43
Isin biratti akkanaa miti; haa ta'uu ammo eennullee isin keessaa ka nama guddaa ta'uu barbaadu hojjataa nama maraa haa ta'uu.
44
Eennullee isin keessaa ka bulchaa ta'uu barbaadu ka nama maraafuu hojjatu haa ta'uu.
45
Ilmi namaa lubbuu ufii kennee namoota maraa furu'uuf dhufe malee akka isa tajaajilaniif hin dhufne» jedhe.
46
Yesuusii fi darasoonni isaa Yaarikoo dhaqan; isaan hennaa gumii guddaa woliin Yaarikoo keessaa bayan Namichi ijji isaa hin argine ka kadhatu tokko ka Barximewoos jedhamu ilmi Xemiwoosii karaa irra taa'ee kadhata'aa ture.
47
Inni Yesuus nama biyya Naazireetii akka ta'e hennaa dhagaye, «Yesuus! Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa iyyuu jalqabe.
48
Namoonni hedduu akka inni cadhisu teedeffataniin. Inni ammo, «Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa ta duraa caalaa laagaa gudda'aan iyye.
49
Yesuus dhaabatee, «Isa as waamaa'a!» jedhe. Inni akkasi jennaan isaan namicha waamanii, «Inni si waama'aaraa jabaadhu! ka'i!» jedhaniin.
50
Inni uffata uf irraa gatee utaalee ka'ee gara Yesuusii dhufe.
51
Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ijji isaa hin argine sun, «Barsiisaa'a! Ija tiyya akka naa bantu barbaada» jedheen.
52
Yesuusillee isaan, «Amantiin kee si fayyiseera deemi!» jedhe. Yoosuu ijaan argee isa faanaa deeme.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16