bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 11
Mark 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
1
Yesuusii fi darasoonni gara Yerusaalemii gaara Ejersaa biraan gara Beetafaage'ee fi Bitaaniya'aatti hennaa dhiyaatan, Yesuus darasoota ufii keessaa lamaan akkana jedhee isaan erge,
2
«Gara ganda fuullee keessan jiru san dhaqaa'a; akkuma achi geettaniin ilmoo harre'ee ka haga ammaa namni tokkollee hin yaabbanne argitan; hiika'aatii as naa fidaa'a.
3
Eennullee, yoo ‹Maaf hiittan?› isiniin jedhe, ‹Goofta'atu barbaada; inni uduu hin turin dafee deebisa› jedhaa'a!» isaaniin jedhe.
4
Achiin maayessa dhaqanii ilmoo harre'ee balbala tokko afoo karaa irratti ka hidhamteertu arganii hiikan.
5
Worra achi dhaabatan keessaa gari gariin, «Maal godhu'uuf ilmoo harre'ee hiittan?» jedhanii isaan gaafatan.
6
Darasoonni waan Yesuus isaaniin jedhe isaanitti himan; isaanillee isaan dhiisan.
7
Ilmoo harre'ee sanillee gara Yesuusii fidan. Uffata ufii ilmoo harre'ee irra kaayan; Yesuusillee hin yaabbate.
8
Namoonni hedduu uffata ufii; worri kuuwwan ammo muka irraa baala ciranii karaa inni irra deemu irratti afan.
9
Worri duraa fi duuba isaa deeman laagaa isaanii ol qabatanii, «Hoosaanaa! ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame!
10
Mootummaan abbaa keenna Daawitii ta dhuftu sun ta eebbifamte! Hoosaanaa ol samii gubba'atti» jedha'aa woca'aa turan.
11
Yesuus Yerusaalemitti mana woyyuu seenee haga waan maraa laaleen maayessa, lafti waan dhiiteertuuf darasoota ufii kudha lamaan woliin gara Bitaaniya'aa dhaqe.
12
Guyyaa lammeesso'oo hennaa isaan Bitaaniya'aa deebi'an Yesuus waan shoomeef,
13
muka hurbu'uu ta baala qabdu takka fago'otti argee waan nyaatan irraa argadhinnaa laata? jedhee dhaqe. Haa ta'uu ammo hennaan sun hennaa hurbuun midhaan godhatu waan hin taaneef baala malee womaa irraa hin arganne.
14
Hennama san Yesuus mukattii hurbu'uu saniin, «Ammaa achi eennullee midhaan si irraa hin nyaatin!» jedhe. Darasoonni isaallee waan inni jedhe kana dhagayan.
15
Isaan hennaa Yerusaalemiin gayan Yesuus mana woyyuu seenee worra achitti waa bitanii fi gurguran gad baase. Inni minjaala worra birrii sharafuutii fi teessoo worra handarii gurguratuu gara gaggalche.
16
Eennullee mi'a baadhatee mana woyyuu keessa akka hin lufne dhoogge.
17
Achiin maayessa inni akkana jedhee barsiise, «Manni kiyya banii maraafuu ‹mana keessatti Rabbiin kadhatan ta'a› jedhamee barreeffameera. Isin ammo goda hattuun itti dhokattu gootan» isaaniin jedhe.
18
Bulchoota gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee waan Yesuus jedhe kana hennaa dhagayan gumiin barumsa isaa waan maalalfataniif attamitti akka isa balleessan mala barbaada'aa turan.
19
Hennaa lafti galgaloofte Yesuusii fi darasoonni isaa qachaa san keessaa baya'aa turan.
20
Guyyaa lammeesso'oo ganama isaan uduu karaa san irra lufan mukattiin hurbu'uu sun hiddumaan ta goddeertu argan.
21
Pheexroos waan Yesuus jedhe qaabatee, «Barsiisaa! laali! mukattiin ati abaarte goddeerti» jedheen.
22
Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Rabbitti amanaa'a.
23
Dhugaa isiniin jedha; eennullee garaa ufii keessatti uduu hin mamin amanti'iin gaara kanaan, ‹Asii buqqa'ii gara galaanaa darbam› yoo jedhe hin ta'aaf.
24
Kanaaf ani akkana isiniin jedha, waan kadhattanii fi waan gaafattan maraa akka argattanitti amanaa'a; wonti gaafattan maruu isiniif kennamaa.
25
Hennaa Rabbiin kadhachu'uuf dhaabattan Abbaan keessan ka samii jiru yakka keessan akka isinii araaramu eennuun irrattillee komii yoo qabaattan araaramaa'a.
26
Isin ammo yoo namaa araaramuu diddan Abbaan keessan ka samii gubbaa jiru yakka keessan isinii hin araaramu.» jedhe.
27
Isaan deebi'anii gara Yerusaalemii dhaqan. Yesuus uduu mana woyyuu keessa deddeemu, bulchoonni gadootaa, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi manguddoonni gara isaa dhufanii
28
Isaan Yesuusiin, «Baallii maali'iitiin waan kana maraa goota? Yookaan waan kana maraa akka gootuuf eentu baallii sii kenne?» jedhaniin.
29
Yesuusillee deebisee, «Ani waan tokko isin gaafadha; yoo isin naaf deebiftan Anillee baallii maali'iitiin waan kana maraa akka godhu isinitti himaa.
30
Yohaannis akka cuuphuuf eentu baallii kenneef? Rabbi mo'o nama? mee naa deebisaa'a!» isaaniin jedhe.
31
Isaan wol mormanii, «Rabbiin irra yoo jenne, ‹Dubbii Yohaannisii maaf amanuu diddan ree?› nuun jedha;
32
‹Nama haa jennuu laata?› » jedhan. Namoonni maruu Yohaannisiin akka raagaatitti waan laalaniif gumii sodaatan.
33
Kanaaf hin beennu jedhanii Yesuusiif deebisan. Yesuusillee deebisee, «Maarre anillee baallii maali'iitiin waan kana maraa akka godhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16