bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 14
Mark 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
1
Ayyaanni Faasika'aatii fi ka xorosho'oo kabajjamu'uuf guyyaan lama yoo hafu bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yesuusiin attamiin akka qabanii ajjeesan dhokatanii mari'atan.
2
Isaan, «Baniin akka hin boorofne guyyaa ayyaanaa irra akka hin taane» woliin jedhan.
3
Yesuus hennaa Biitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba gogaa kukkutuun qabameeruutitti uduu hurbaata'aaf waamamee achi jiru, dubartiin takka Urgoo Naardoosii ka gatiin isaa gudda'aa qabattee dhuftee bilqaadii cabsitee mataa isaatitti buufte.
4
Namoota achi turan keessaa gariin itti aaranii, «Wonti urgoo tana balleessaniif maali'i?
5
Urgooftuun tun dinaara dhibbaa olitti gurguramee qarshiin sun uduu hiyyeeyyi'iif kennamee silaa woyyaa tureu» jedhanii hincinnaayanii isi'iin lolan.
6
Yesuus ammo akkana isaaniin jedhe, «Isii dhiisaa'a! Isin maaf isii rakkiftan? Isiin waan mishaa naa gooteerti.
7
Hiyyeeyyiin hennaa maraa isin woliin jiran; hennama kamuu waan mishaa godhu'uufii hin dandeettan. Ani ammo hennaa maraa isin woliin hin jiraadhu.
8
Isiin waan dandeette goote; foon kiyya awwaalamu'uun dura urgooftuu dibdee awwaalaaf akka ta'u gooteerti.
9
Ani dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa irratti hulee Dubbiin Nagayaa kun itti lallabamu maratti, wonti isiin goote akka isiin qaabatamtuuf himama.»
10
Achiin maayessa Yihuudaan namni biyya Keriyootii darasoota kudha lamaan keessaa tokko Yesuusiin dabarsee kennu'uuf gara bulchoota gadootaa dhaqe.
11
Isaan hennaa waan kana dhagayan gammadanii birrii kennu'uufiif waadaa seenan; kanaaf Yihuudaan Yesuusiin dabarsee kennu'uuf hennaa isaa aanju barbaadate.
12
Guyyaa jalqaba ayyaana xorosho'ootiif hennaa Hoolaan qalamu darasoonni Yesuusii gara isaa dhufanii «Hurbaata ayyaana Faasika'aa eessatti akka siif qopheessinu feeta?» jedhanii Yesuusiin gaafatan.
13
Yesuus darasoota ufii lamaaniin, «Gara Qacha'aa deemaa'a! Nama tokko ka ottee bisaanii baatee deemu argitanii, isa faana deemaa'a.
14
Abbaa mana namichi sun itti galuun, ‹Manni keessumma'aa ka ani darasoota tiyya woliin Faasikaa itti nyaadhu eessa? siin jedha barsiisaan› jedha'aanii.
15
Achiin maayessa abbaan manaa sun mana mana gubbaa jiru kutaa gubba'aa badhaa afamee qophaaye tokko isinitti mudhisaa, isinillee achitti nuu qopheessaa'a!» jedhee erge.
16
Darasoonni bayanii gara qacha'aa deeman; akkuma inni isaaniin jedhe arganii hurbaata ayyaana Faasika'aallee achitti qopheessan.
17
Hennaa lafti galgaloofte Yesuus darasoota ufii kudha lamaan woliin dhufe.
18
Uduu isaan nyaataaf taa'aniiran Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha; isin keessaa tokko ka na woliin nyaata'aaru dabarsee na kenna» jedhe.
19
Isaan waan kanaaf gaddanii gari gariin, «Na ta'innaa?» isaan jechuu jalqaban.
20
Innillee deebisee, «Inni isin nama kudha lamman keessaa tokko; ka na woliin qorii tana keessaa nyaata'aaru.
21
Ilmi namaa akkuma wonti isaa barreeffametti du'uuf deema; Haa ta'uu ammo ka ilma namaa dabarsee kennu saniif aanne'e! Namni sun uduu dhalachuu dhabaatee isaa woyya!» isaaniin jedhe.
22
Uduu nyaata'aaran Yesuus xoroshoo fuudhee eebbisee, caccabsee, darasoota ufiitiif kennee, «Hoo'aa kun foon kiyyaa» jedhe.
23
Xuwwee ol fuudhee galatoonfatee, isaanii kenne; isaan maruu mijuu san irraa dhugan.
24
Innillee ammo, «Kun dhiiga kiyya, ka waada'aa ka namoota hedduuf dhangala'u.
25
Ani dhugamaan isiniin jedha, haga ani guyyaa san jeennata Rabbii keessatti bifa haarawaan isa irraa dhugutti daraaraa woyini'ii kana irraa deebi'ee hin dhugu» isaaniin jedhe.
26
Achiin maayessa isaan faaruu haga faarfataniin maayii gara gaara ejersaa ol bayan.
27
Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Barreeffamni Woyyuun, ‹Ani tissee hin dhaya; hoolonnillee hin faffacaati› waan jedhuuf isin martinuu na dhiiftanii baqattan.
28
Haa ta'uu ammo hennaa du'aa ka'een maayessa isin firrisee gara Galiila'aa dhaqa» isaaniin jedhe.
29
Pheexroos Yesuusiin, «Isaan martinuu si dhiisanii yoo baqatanillee ani horoma si dhiisee hin baqadhu!» jedheen.
30
Yesuus Pheexroosiin, «Ani dhugamaan siin jedha; halkanuma kana uduu lukkuun hennaa lamaa hin iyyine ati hennaa sadihii na ganta» jedheen.
31
Pheexroos ammo afaan guuttatee, «Ani yoma ka si woliin du'uullee, horoma si hin ganu» jedhe; kuuwwanillee akkasuma jedhan.
32
Isaanillee gara hulee Getesamaanii jedhamtu dhufanii, darasoota ufiitiin, «Haga faateffadhuuf as turaa'a» isaaniin jedhe.
33
Inni Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisiin uf biratti fuudhee lixee, achitti shoru'uu fi gadduu jalqabe.
34
«Lubbuun tiyya haga du'aa guddiftee gaddite; as turaa'a jabaadhaa'a» isaaniin jedhe.
35
Yesuus diqqoo isaan irraa siiqee lafatti gad kufee, yoo danda'ame hennaan rakkinnaa sun akka isa irra luftuuf kadhate.
36
«Abbaa kiyya wonti maruu sii hin danda'ama; mijuu rakkinnaa kana na irra dabarsi! haa ta'uu ammo akka ati feetu haa ta'uu malee akki ani fedhu hin ta'in» jedhee faateffate.
37
Achiin maayessa deebi'ee dhufee, darasoota sadiin sanniin ka rafa'aaran argee, Pheexroosiin akkana jedhe, «Simoon hin rafteertaa? sa'aatima tokkottiillee dammaxxee taa'uu hin dandeennee?
38
Akka hin ataabamne dammaqa'aa Rabbiin kadhadhaa'a! Ayyaanni namaa qophaaya'a; foon ammo dadhaba'a» jedheen.
39
Inni ammallee achi dhaqee, akkuma duratti jedhe jedhee kadhate.
40
Yesuus gara darasootaa hennaa deebi'ee dhufe ijji isaanii waan dunquqoofteertuuf ka rafaniiran arge; isaan waan deebisanillee hin beenne.
41
Inni sadeessoo, hennaa deebi'ee gara isaanii dhufe, «Eegasuu rafaa'a; hara baafadhaa'a hin gaya; amma Ilmi namaa harka cubbamtootaatitti dabarfamee kennama.
42
Ka'aa, haa deemnuu! Kunoo ka dabarsee na kennu dhufeera» isaaniin jedhe.
43
Uduu Yesuus dubbata'aaru darasoota isaa kudha lamman keessaa ka Yihuudaa jedhamu tokko dhufee isa biraan baye. Namoonni hedduu guraade'ee fi bokkuu qabatanii, bulchoonni gadootaa, barsiisoota Seera Muuse'eetii fi worri manguddootaan ergaman isa woliin dhufan.
44
Inni Yesuusiin dabarsee kennu sunillee, «Namichi ani dhaqee dhungadhu sun isaa uf eega'aa qaba'aa fuudhaa'a» jedhee dursee malkata kenneef.
45
Yihuudaan akkuma achi gayeen gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisaa'a!» jedhee isa dhungate.
46
Namoonni sunniin qabanii isa hidhan.
47
Ka isaan bira dhaabate keessaa tokko ammo guraadee luqqifatee hojjataa gadicha gudda'aa dhayee gurra irraa mure.
48
Yesuus akkana jedheen, «Akka waan ani saamtuu ta'ee guraade'ee fi bokkuu qabattanii na qabu'uuf dhuftanii?
49
Hennaa mana woyyuu keessatti isin woliin guyyaa guyya'aan barsiisa'aa ture na hin qabne, haa ta'uu ammo akka kitaabbileen woyyuun raawwatamaniif kun ta'e» isaaniin jedhe.
50
Achiin maayessa darasoonni maruu isa dhiisanii dheessan.
51
Dargaggeessi tokko ka qoola haphii uffatee Yesuusiin faanaa deema'aa ture.
52
Isaan isa qabnaan inni qoola ufii gatee qullaa dheesse.
53
Achiin maayessa Yesuusiin gara mana gadicha gudda'aa, hulee bulchoota gadootaa, manguddootaatii fi barsiisoonni Seera Muuse'ee wol gayanitti isa geessan.
54
Pheexroos Yesuusiin irraa fagaatee, haga dallawa hayyicha gudda'aa seenutti hordofee, Yesuusiin faanaa deeme. Achitti inni eeddota woliin taa'ee, ibidda oo'ifata'aa ture.
55
Bulchoonni gadootaatii fi yaa'iin murti'ii martinuu akka ajjeefamuuf Yesuusiin irratti ragaa soqa'aa turan. Haa ta'uu ammo nama isa himatu tokkollee hin argine.
56
Namoonni hedduu ka dharaan Yesuusiin himate ammo afaan isaanii tokko hin taane.
57
Achiin maayessa namoonni gariin ol ka'anii, « ‹Ani mana woyyuu ka harka namaatiin ijaarame kana diigee guyyaa sadihitti ka biraa ka harka namaatiin hin ijaaramne ijaara› Hennaa jedhu dhageenneerra» jedhanii sobaan itti ragan.
59
Haa ta'uu ammo waan kana irratti isaanuu wolii hin galle.
60
Gadichi guddaan ol ka'ee yaa'ii afoo dhaabatee Yesuusiin «Waan isaan si himatan kana ati hin deebiftuu?» jedhee gaafate.
61
Inni hin cadhise malee womaa hin dubbanne. Ammallee gadichi guddaan «Kiristoos Ilmi Rabbii ulfaataan si'ii?» jedhee isa gaafate.
62
Yesuusillee «Ee ana. Ilmi Namaa hennaa mirga Rabbii waan maraa godhuu danda'uu taa'ee samii irraa deebi'ee duumessaan dhufu hin argitan» jedhe.
63
Bulchaan gadootaallee uffata ufii biinxee, ammaa achi «Ragaa biraa maal nu barbaachisa?
64
Rabbiin arrabsuu isaa isinuu dhageettaniirtanii murtiin teessan maali'i ree?» jedhe. Isaan maruu afaan tokko ta'anii, «haa ajjeefamuu» jedhanii itti muran.
65
Namoonni gariin Yesuusitti tufanii ija isaallee hidhanii, «Eentu si dhaye? Mee raaga himi» jedha'aa tontoommo'oon isa dhayan. Hojjattoonni dhabanaasa'aa fuudhanii deemaniin.
66
Pheexroos ammallee uduu dallawa san keessa jiru, hojjattuun gadicha gudda'aa takka dhuftee isa biraan baate.
67
Isiin Pheexroosiin uduu ibidda oo'ifatu argitee xiinxallitee hubattee laaltee, «Atillee Yesuusii Naazireetii woliin jirta» jetteen.
68
Inni ammo ka ati jettu hin beeku hin qaabadhulle'e jedhee ganne. Achiin maayessa akkuma inni karra gad bayeen lukkuun iyye.
69
Ammallee dubartiin hojjattuun sun isa argitee worra achi dhaabateeruun, «Namichi kun nama isaaniiti» jette.
70
Pheexroos ammo ammallee hin gane. Hennaa diqqo'oon maayessa worri achi dhaabateeru Pheexroosiin, «Ati nama Galiila'aa waan taateef dhugamaan ati nama isaaniiti» jedhaniin.
71
Inni ammo, «Namicha isin jettan kana ani hin beeku» jedhee uf abaara'aa kakatuu jalqabe. Yoma san lukkuun lammeessoo iyye.
72
Achiin maayessa Pheexroos dubbii Yesuus, «Uduu lukkuun hennaa lama hin iyyin ati hennaa sadihii na ganta» isaan jedhe san qaabatee hirqiffatee booye.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16