bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 15
Mark 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
1
Akkuma lafti bariiteen obboroo bulchoonni gadootaa, manguddoonni, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Yaa'iin murti'ii maruu woliin mari'atan. Achiin maayessa Yesuusiin hidhanii fuudhanii dabarsanii Philaaxoositti kennan.
2
Philaaxoosillee, «Ati Mootii Yihuudi'iitii?» jedhee gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedhee deebise.
3
Mootonni gadootaallee waan hedduun isa himatan. Inni ammo womaa isaanii hin deebifne.
4
Philaaxoos ammo ammallee «Womaa hin deebiftuu? Kunoo waan meeqaan si himata'aaran?» jedhee gaafate.
5
Yesuus ammo deebii biraa tokkollee hin deebifneef; Philaaxoos waan kana hin baaseeffate.
6
Hennaa ayyaana Faasika'aa Philaaxoos worra hidhaman keessaa nama tokko ka baniin gaafate isaanii hiiku'uuf aadaa qaban.
7
Hennaa san worra shiftanii lola kaasa'aa nama ajjeesanii hidhaman keessaa namicha Baarbaan jedhamu tokkotu ture.
8
Baniinillee bayanii akkuma baratame akka aadaa isaanii akka isaanii godhuuf Philaaxoosiin kadhatan.
9
Philaaxoosillee, «Mootii Yihuudii akka isinii hiiku barbaaddanii?» isaaniin jedhe.
10
Inni akka bulchaa gadootaa hinaaffa'aan dabarsanii Yesuusiin isatti kennan beekeera.
11
Bulchoonni gadootaa, Philaaxoos bikka isaa Baarbaaniin akka isaanii baasuuf banii kakkaasan.
12
Philaaxoos deebisee, «Eegasuu ka mootii Yihuudii jettan maal akka godhu barbaaddan ree?» isaaniin jedhe.
13
Isaanillee, «Isa fannisi!» jedha'aa iyyan.
14
Philaaxoosillee, «Wonti hamaan inni godhe maali'i?» isaaniin jedhe. Isaan ammo «Fannisi» jedhanii guddisanii iyyan.
15
Philaaxoos yaa'ii gammachiisu'uuf jedhee Baarbaaniin isaaniif hiike. Achiin maayessa Philaaxoos Yesuusiin shabbeenaan dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne.
16
Loltoonni Yesuusiin gara dallawa galma mooti'ii keessa geessanii loltoota sanniin keessaa worra hafanillee waamanii wolitti qaban.
17
Isaan uffata diimaa dhiilgee itti uwwisanii qoree dhaddoo dhayanii mataa isaa irra kaayan.
18
Achiin maayessa isaan, «Mootii Yihuudi'ii nageenni siif haa ta'u» jedha'aa harka itti kaasuu jalqaban.
19
Isaan mataa isaallee ule'een dhaya'aa, itti tufa'aa, itti balda'aa afoo isaatitti jilbiiffatanii isaa sagadan.
20
Haga isatti baldaniin maayii uffata diimaa san irraa mulqanii, uffata isaa deebisanii itti uwwisanii fannisu'uuf achi geessan.
21
Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko ka Simoon jedhamu abbaa Iskindiroosiitii fi Ruufoosii uduu maasa'aa gara qacha'aa dhufu, qabaniinii fannoo Yesuusii akka baatu hunnaan taasisan.
22
Isaan lafa golgootaa jedhamtutti Yesuusiin geessan; «Golgootaa» jechuun lafa «Buqqee mata'aa» jechu'u.
23
Jarri inni daadhii woyini'ii ka qumbi'iin wolitti makame akka dhuguuf kennaniif; Inni ammo dhuguu dide.
24
Achiin maayessa isa fannisan; uffata isaallee eennuun fa'a akka gayu beeku'uuf hixaa buusanii qoodaman.
25
Hennaa isa fannisan ganama keessa sa'aatii sadihi.
26
Barreeffamni yakkaa ka inni ittiin himatame, «Mootii Yihuudotaa» jedha.
27
Isa woliinillee shiftoota lamaa tokko mirgaan tokko bita'aan fannisan.
28
Akka kanaan barreeffamni Woyyuun inni seera cabsitoota woliin laakkayame jedhu sun raawwatame.
29
Worri karaa saniin lufan mataa ufii raasa'aa akka malee isa arrabsa'aa, «Hay! Ati namni mana woyyuu diiddee guyyaa sadihitti deebiftee ijaartu,
30
Mee fannoo irraa bu'ii uf hambisi!»
31
Akkasuma bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yesuusitti balda'aa, «Inni worra biraa fayyiseera, uf hambisuu hin danda'u! woliin jedhan.
32
Inni Kiristoosii mootii Israa'elii yoo ta'e, Fannoo irraa uf haa buusuu; achiin maayii nullee arginee isatti amannaa!» jedha'aa jarri lamaan Yesuusiin woliin fannifamanillee isa arrabsan.
33
Sa'aatii jaha irraa jalqabee haga sa'aatii sagalii ardiin martinuu hin dukkanoofte.
34
Sa'aatii sagal irratti Yesuus, «Eloohee! Eloohee! laamaa Sabaktanii?» jedhee laagaa gudda'aan iyye; akkas jechuun, «Rabbii kiyya! Rabbii kiyya! maaf na dhiifte?» jechu'u.
35
Worra achi dhaabatan keessaa gariin kana dhagayanii, « Eliyaasiin waamata'aara» jedhan.
36
Isaan keessaa tokko fiigee dhufee carqii qaccee ule'eetitti hidhee daadhii woyini'ii dhangaggooftuu spoonjii keessatti cuuphee, akka afaanitti cophu dhiyeesseef, «Eegi mee! Eeliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu laallaa!» jedhe.
37
Yesuus laagaa gudda'aan iyyee lubbuu ufii dabarsee kenne.
38
Golgi mana woyyu'uu gubbaa irraa haga gadii bakka lamatti tarsa'e.
39
Ajajaan loltuu dhibbaa ka fannoo Yesuusii afoo dhaabateeru akkanatti iyyee lubbuu ufii dabarsee akka inni kenne hennaa arge, «Namni kun dhugamaan Ilma Rabbii ture» jedhe.
40
Dubartoonni gariin fagoo dhaabatanii laala'aa turan. Isaan keessaa Maariyaamii Magdalaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeen faati achi jiran.
41
Isaan hennaa inni Galiilaa jiru isa faanaa deemanii isa tajaajilan. Dubartoonni biraallee isa woliin gara Yerusaalemii dhufanii achi jiran.
42
Ammallee hennaa dhiye jala bultii guyyaa Sambataatiif guyyaa qophi'ii waan tureef,
43
Yooseef namni Armaatiya'aa beekkamaan yaa'ii Yihuudotaa tokko ija jabeennaan Philaaxoosiin bira dhaqee reeffa Yesuusii akka isaa kennu isa kadhate. Yooseefiin kun inninuu nama dhufa jeennata Rabbii abdi'iin eeggata'aa ture.
44
Philaaxoos attamitti haganatti du'e jedhee maalalfatee inni ajajaa dhibbaa waamee, «Haga du'e turee?» jedhee gaafate.
45
Philaaxoos akka Inni du'e ajajaa loltuu dhibbaa irraa hubatee, reeffa isaa Yooseefiif kenne.
46
Yooseefillee qoola reeffa ittiin kafanu bitee reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, qoola saniin kafanee, awwaala dhaga'aan hojjatame keessa kaaye. Afaan boollaatitti dhagaa gangalchee cufe.
47
Maariyaamiin qachaa Maagidala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoosa'aa reeffa Yesuusii eessa akka kaayan laala'aa turan.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16