bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 2
Matthew 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
1
Bara Heroodis mootii ta'e Yesuus qachaa Beeteliheemii Yihuuda'aa keessatti dhalate. Achiin maayii ogeeyyiin urjii qoran karaa baya biiftu'uutii gara Yerusaalemii dhufan.
2
«Mootiin Yihuudotaa ka dhalate eessa jira? nu urjii isaa karaa baya biiftu'uutitti arginee isaa sagadu'uuf dhufneerraa» jedhanii iyyaafatan.
3
Mootichi Heroodis kana dhagayee naye.
4
Inni bulchoota gadootaatii fi barsiisoota Seera Muuse'ee wolitti qabee, «Kiristoos eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate.
5
Isaan akkana jedhanii deebisaniif, «Raanni karaa raattichaatiin biyya Yihuuda'aa qachaa Beetaliheemitti Masihichi dhalata ka jedhu waan barreeffameeruuf»
6
‹Ati Beeteliheemii Yihuudaa keessaa! ati qachoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa keessaa horoma hin diqqaattu; Sababaan ka banii kiyya Israa'eliin bulchu, Bulchaan si keessaa waan dhalatuuf›»
7
Kanaan maayessa Heroodis ogeeyyii dhossa'aan waamee, bara urjiin mudhatte isaan irraa sirri'itti qulqulleeffatee hubate.
8
Akkana jedhee isaan erge, «Beeteliheem dhaqa'aatii waan daa'imaa midhaassa'aa sirri'itti hubadhaa'a; hennaa isa argitan anillee dhaqee akka isaa sagadu natti himaa'a»
9
Isaan waan Mootiin isaaniin jedhe haga dhagayaniin maayessa bayanii deeman; urjiin isaan baya biiftu'uutitti argan sun haga hulee daa'imni jiruu isaan afoo deemee isaan masakka'aa ture.
10
Isaan akka urjiin dhaabatte hennaa argan guddisanii gammadan.
11
Mana seenanii daa'ima haadha isaa Maariyaamiin woliin arganii gad kufanii isaa sagadan. Achiin maayii Saanduuqa ufii bananii kennaa worqi'ii, Hixaanaa fi qumbii kennaniif.
12
Achiin maayessa Rabbi akka isaan gara Heroodisii hin deebine eebju'uun waan isaan seereef karaa biraatiin gara biyya ufii deebi'an.
13
Haga ogeeyyiin gara biyya ufii deebi'aniin maayessa maleekkaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhatee, «Heroodis daa'ima ajjeesuu waan barbaaduuf ka'ii daa'imaa fi haadha isaa qabadhuutii gara Misirii baqadhu; haga ani sitti himutti achuma taa'i» jedheen.
14
Yooseef halkaniin ka'ee haadha fi daa'imallee qabatee gara biyya Misirii deeme.
15
Haga Heroodis du'utti achuma taa'e; kun ka Gooftaan afaan raagaatiin, «Ani biyya Misiriitii ilma kiyya waame» jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e.
16
Kanaan maayessa worri urjii qoratan akka isa soban hennaa hubate Heroodis guddisee aare. Hennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qoratan irraa akka gaafatee hubatetti daa'imman Beeteliheemiin keessaatii fi naannoo sanii maraa ta woggaa lamaatii fi ta achii gadii ta'an loltoota ufii ergee ajjeesisiise.
17
Akka kanaan wonti raattichi Ermiyaas jedhe raawwatame.
18
Wonti inni raage, «Laagaan Raama'atti dhagayame, laagaa wocaa fi booyaati. Raahel ijoollee ufiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu dadhabde» jedha.
19
Haga Heroodis du'een maayessa Maleekkaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhatee;
20
«Worri lubbuu daa'imaa soqan waan du'aniiraniif ka'ii daa'imaa fi haadhallee qabadhuutii gara biyya Israa'elii deebi'i!» jedheen.
21
Innillee ka'ee daa'imaa fi haadha qabatee gara biyya Israa'elii deebi'e.
22
Arkelaawoos bakka abbaa ufii Heroodisii akka mooye hennaa dhagaye, garas deemuu waan sodaateef eebju'uun ka gara biyya Galiila'aa deemu argee garas deeme.
23
Raattotaan waan Yesuusii, «Inni ‹Naazireeticha› jedhama» jedhamee dubbatame akka raawwatamuuf gara qachaa Naazireeti jedhamtuu dhaqee achi taa'e.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28