bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 2
Numbers 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 3 →
1
Rabbi Muuse'ee fi Aaroonitti akkana jedhee dubbate;
2
Ijoolleen Israa'elii maruu waan adda isaan godhu harkatti qabatanii malkata manniin abboota isaaniititti haa quphatanii; huleen isaan itti quphatanillee naannaya daasee wol gayi'iiti.
3
Worri gara baya biiftu'uutitti quphatan, worri Yihuuda'aa akkuma duula isaaniitiin malkata adda isaan taasisu harkatti qabatanii quphatan; bulchaan ijoollee Yihuuda'aa ilma Amiinaadaabii Na'aasooniin ture.
4
Duulli isaa worri isa woliin laakkayaman kuma torbaatamii afurii fi dhibba jaha ture.
5
Worri cinaa isaatitti quphatan gosa Yisaakoorii ta'a; bulchaan ijoollee Yisaakoorii ilma Soogaarii Naatinaa'eeliin ture.
6
Duulli isa woliin laakkayaman kuma shantamii afurii fi dhibba afur.
7
Cinaa isaaniititti worri quphatan gosa Zaabilooniiti; bulchaan ijoollee Zaabiloonii ilma Keeloonii Eeliyaabiin ture.
8
Duulli isaa worri isa woliin laakkayaman kuma shantamii torbaa fi dhibba afur ture.
9
Ganda Yihuuda'aatii worri laakkayaman maruu akka duula isaaniitiin kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii jahaa fi dhibba afur; akka kanaan gofti Yihuuda'aa firrisanii deeman.
10
Gara bita'aatiin duula isaanii woliin worri quphatan malkata ganda Roobeeliiti; bulchaan ijoollee Roobeelii ilma Saadiyoorii Eelsuur
11
Duulli isaa worri isa woliin laakkayaman kuma afurtamii jahaa fi dhibba shan turan.
12
Worri cinaa isaaniititti quphatan gosa Simooniiti; bulchaan ijoollee Simoonii Salaami'eelii ilma Suurshadaayii ture.
13
Duulli isaa isaan keessaallee worri laakkayaman kuma shantamii sagalii fi dhibba sadihi turan.
14
Worri cinaa isaaniititti quphatan gosa Gaadiiti; bulchaan ijoollee Gaadii ilma Daa'u'eelii Eelsaaf.
15
Duulli isaa isaan keessaa worri laakkayaman kuma afurtamii shanii fi dhibba jahaa fi shantama turan.
16
Ganda Roobeeliitii worri laakkayaman maruu, akka duula isaaniitiin kuma dhibba tokkoof shantamii tokkoo fi dhibba afurii fi shantama turan. Akkaataa kanaan kunniinillee isaan duukaa deeman.
17
Achiin maayessa worri Leewwotaa ganda keessa hulee daasee wol gayi'ii jiddu'uun deema; namni maruu akkuma ganda isaaniitiin malkata adda isaan godhu harkatti qabatanii deeman.
18
Worri gara dhiyaatiin quphatan duula isaanii woliin malkata ganda Efreemiiti; bulchaan ijoollee Efreemii ilma Amihuudii Eelsaama'a.
19
Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayaman kuma afurtamaa fi dhibba shan turan.
20
Worri ladda isaaniitiin quphatan ammo gosa Minaase'eeti; bulchaan ijoollee Minaase'ee ilma Fiddaasuurii Gamaali'eeliin ture.
21
Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayaman kuma soddomii lamaa fi dhibba lama turan.
22
Worri isaan laddatti quphate ammo gosa Biiniyaamiiti; bulchaan ijoollee Biiniyaamii ilma Gaadiyoonii Abdaaniin ture.
23
Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayaman kuma soddomii shanii fi dhibba afur ture.
24
Ganda Efreemii keessaallee worri laakkayaman maruu akka duultota isaaniitiin kuma dhibba tokkoof saddeetii fi dhibba tokko turan; akkaataa kanaan kunniinillee hiriira sadeesso'oo ta'anii deeman.
25
Worri gara mirgaatitti duultota isaanii woliin waan adda isaan godhu qabatanii quphatan malkata ganda gosa Daaniiti; bulchaan ijoollee Daanii ilma Amisaadaayii Aki'eezar ture.
26
Duultonni isaallee worri isaan keessaa laakkayaman kuma jahaatamii lamaa fi dhibba torba turan.
27
Worri ladda isaaniititti quphatan gosa Aseerii ilma Eekraanii Faagi'eeliin ture.
28
Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayaman kuma afurtamii tokkoo fi dhibba shan turan.
29
Worri ladda isaaniititti quphatan gosa Niftaalemii ilma Eenaanii Aakiree ture.
30
Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayamanillee kuma shantamii sadihii fi dhibba afur.
31
Ganda gosa Daanii keessaa worri laakkayan maruu kuma dhibba tokkoof shantamii torbaa fi dhibba jaha turan; isaanillee malkata isaanii qabatanii maayessaan deeman.
32
Ijoollee Israa'elii keessaa akkaataa manniin abboota isaaniitiin worri laakkayaman kanniin; ganda keessaa akkaataa duula isaaniitiin worri laakkayaman maruu kuma dhibba jahaaf sadihii fi dhibba shanii fi shantama.
33
Worri Leewwotaa ammo akkuma Rabbi Muusee ajaje isaan ijoollee Israa'elii woliin hin laakkayamne
34
Ijoolleen Israa'elii akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan; malkata adda isaan godhu qabatanii quphatan; akkasuma gosa ufiitii fi worra mana abboota isaanii woliin deeman.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36