bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 32
Numbers 32
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 33 →
1
Ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii horii baay'ee qaban ture; lafti Iyyaazeeriitii fi lafti Gala'aadii hori'iif hulee mishaa akka ta'e haga argan;
2
Ijoolleen Gaadiitii fi ijoolleen Roobeelii Muusee, gadicha El'aazaarii fi bulchoota bani'iititti dhufanii,
3
«Lafti Rabbi banii ijoollee Israa'elii afo'otti dhayee isaanii kenne lafti Axaaroot, Diboon, Iyyaazeer, Namraa, Haseboon, Eliyaal, Seebaamaa, Naabawuu fi Baayaan lafa hori'ii tolu; nullee garboonni tee horii qabna;
5
ammallee deebi'anii, «Nu'u yoo si afo'otti gaachena argannee jiraanne lafa kana ristii godhii nuu kenni; Yoordaanosiin gama nu hin ceesisin» jedhaniin.
6
Muuseenillee ijoollee Gaadiitii fi ijoollee Roobeeliitiin «Obboleewwan teessan yoo duulaaf deeman isin as teettanii? Maaf onnee ijoollee Israa'elii dadhabsiiftan?
7
Akka Rabbi lafa isaanii kennutti akka isaan hin ceesifneefii?
8
hennaa ani lafa Qaadeesii haa Gaadani'iif gara Barne'ee erge abbootiin teessan,
9
hennaa gara lafa dhooqa Eshkoolii dhaqanii lafa argan akka gara lafa Rabbi isaanii kennee sanitti hin galle onnee ijoollee Israa'elii dadhabsiisan.
10
Guyyaa san Rabbi aaree dheekkame.
11
Inni dhugamaan worra Rabbiin duukaa bu'an ilma Yoofoonii nama Qeeneezaa Kaaleebii fi ilma Nawwe'ee Iyyaasuu malee worri biyya Misirii keessaa bayan namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii sirima waan na duukaa hin deemneef lafa Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii hin kenna jedhee isaaniif waadaa gale san hin argan» jedhee kakadheera.
13
Dheekkamsi Rabbii worra Israa'elii irratti hin jabaate dhaloonni Rabbiin afo'otti waan badaa hojjatu haga badutti woggaa afurtamaaf lafa gammoojji'ii keessatti akka dhama'an isaan taasise.
14
Ammallee isin hulee abboota keessanii buutanii lola Rabbi banii Israa'elii irratti fidu'uuf dhaloota haarawa cubbuu hojjachu'uuf qophaaye taataniirtan.
15
Isin ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii yoo Rabbiin duukaa deemuu baattan Rabbi banii kana lafa gammoojji'ii kanatti dhiisa; isin banii kana maraa hin balleessitan» jedhe.
16
Isaanillee gara isaa dhufanii, «Nu'u horii keennaaf moonaa'a, ijoollee teennaaf qachoota ijaarra;
17
nu'u garuu lolaaf qophoofnee haga hulee isaaniititti isaan galchinuu ijoollee Israa'elii afoo deemna; namoonni lafa kana irra jiranii fi ijoolleen teenna qachoota golgamte keessa jiraatan.
18
Haga ijoolleen Israa'elii maruu ristii ufii dhaalaniif nu gara mana keennaa hin deebinu.
19
nu ristii keenna Yoordaanosiin irraa gara baya biiftu'uutitti waan fudhanneef ristii isaanii ka Yoordaanosiin gamatti isaanii kenname isaan woliin hin dhaallu» jedhaniin.
20
Muuseenillee, «Waan kana yoo gootan qophooftanii Rabbiin afo'otti lolaaf yoo deemtan,
21
duultonni keessan haga Rabbi diina ufii ari'ee lafti Rabbiin afo'otti haga baatu namni maruu wonte'ee fi woraana qabatee Rabbiin afoo Yoordaanosiin gama yoo ceeye achiin maayessa hin deebitan.
22
Rabbiin afo'otti Israa'eliin biratti qulqulloota taatan; lafti tunillee ristii teessan taati.
23
Isin garuu yoo waan kana godhuu baattan Rabbiin yakkitan; akka cubbamtoota taatan uf beekaa'a;
24
hoolota teessaniif gooruu ijaaraa'a; waan afaan keessanii baye godhaa'a.
25
Ijoolleen Gaadiitii fi ijoolleen Roobeelii akkana jedhanii Muuse'etti dubbatan, «Nu'u garboonni tee waan ati gooftaan keenna nu ajajje hin goona.
26
Ijoolleen teenna, haawwonni manaa teenna, tinni hori'ii keennaa fi loowwan keenna maruu qachoota Gala'aadii keessa jiraatan;
27
nu'u garuu garboonni tee maruu woraanaa fi wontee qabannee akkuma ati gooftaan keenna nuun jette Rabbiin afo'otti lolaaf baana.»
28
Kanaaf Muuseen gadicha El'aazaarii fi ilma Nawwe'ee Iyyaasuu gosa ijoollee Israa'eliitii fi worra bulchootaa isaanii ajaje.
29
«Muuseen uduu ijoolleen Gaadiitii fi ijoolleen Roobeelii maruu woraanaa fi wontee qabatanii Rabbiin afo'otti isin woliin Yoordaanosiin ceeyanii mooyatanii lafa san dhaalanii lafa Gala'aadii yoo ristii gootan lafa san isaanii kennitan.
30
Woraanaa fi wontee isaanii qabatanii yoo isaan woliin ceeyuu baatan garuu biyya Kana'aaniititti isin keessatti ristii ufii argatan» isaaniin jedhe.
31
Ijoolleen Gaadiitii fi ijoolleen Roobeelii deebisanii «Akkuma Rabbi nu garboota teetiin jedhe akkasuma goona;
32
woraanaa fi wontee keenna qabannee Rabbiin afoo gara biyya Kana'aanii ceena; Yoordaanosiin gamanatti lafa teenna taatee nuu haa haftuu» jedhaniin.
33
Kanaafuu Muuseen ijoollee Gaadiitii fi ijoollee Roobeelii, wodhakkaa gosa ilma Yooseefii Minaase'eef biyya mootiin worra Amoorotaa Seewoon bulchuu fi biyya mootiin Baasaanii Aagi bulchu naannoo isaaniitii fi qachoota naannaya isaanii jiru maraa isaanii kenne.
34
Ijoolleen Gaadii Dibooniin, Axaarootiin, Aroo'eeriin,
35
Axirootiin, Shifaaniin, Iyyaazeeriin, Yoogibihaaniin,
36
Beetanaamiraan, Beetihaaraaniin, qachoota dallawamte godhanii ijaaran; hoolotaallee gooruu ijaaran.
37
Ijoolleeen Roobeeliillee Hasebooniin, Eliyaaliin,
38
Qiriyaataayimiin, worra maqaan isaanii jijjiirame Naabaa, Almeewooniin, Seebaamaallee hin ijaaran; qachoota ijaaran kanniin maqaa biraa itti baasan.
39
Ilmi Minaase'eetii fi ijoolleen Maakirii gara biyya Gala'aadii dhaqanii worra Amoorotaa ka lafa san irra jiraatan ari'anii lafa san fudhatan.
40
Kanaaf Muuseen ilma Minaase'ee Maakirii Gala'aadiin kenneef; innillee lafa san irra jiraate.
41
Ilmi Minaase'ee Iyyaa'iriin dhaqee qe'ee sanniin fudhatee qe'ee worra «Iyyaa'irii» jedhee itti baase.
42
Noobaahillee dhaqee Qeenaatii fi qe'ee isi'ii maraa fudhatee «Noobaah» jedhee maqaa ufii itti baase.
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 33 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36