bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 5
Numbers 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 6 →
1
Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate;
2
«Ijoollee Israa'elii keessaa nama dhibee gogaa kukkutu qabu maraa, nama waan akka bisaanii ka nafa isaa keessaa jigu qabu maraa, nama reeffa tuqu'uun battaaye maraa, akka ganda keessaa baasan isaan ajaji; dhiiraa fi intalallee baasaa'a;
3
ganda isaanii keessa hulee ani bulu akka hin xureessine ganda san keessaa isaan baasaa'a»
4
Ijoolleen Israa'eliillee akkasuma ganda keessaa baasan; akkuma Rabbi Muuse'etti dubbate ijoolleen Israa'eliillee akkasuma godhan.
5
Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate,
6
«Dhiirti yookaan intalti ajaja Rabbii diigu'uuf cubbuu namni biraa hojjatu san irratti yoo yakka hojjate cubbuu hojjate san haa himatuu
7
waan fudhate maraaf harka shanii godhee nama yakkame sanii haa deebisuu jedhii ijoollee Israa'eliititti himi
8
Garuu namichi yakkame sun yoo fira hin qabne waan yakka ufiitiif wonti inni Rabbii deebisu sun ka gadichaa haa ta'uu; kunillee waan araara isaatiif ta'u korbeessa hoola'aa irratti haa eda'amuu.
9
Akka kanaan kennaan addaa ka Israa'eloonni Rabbii dhiyeessan gayee kennaa gadichaati.
10
Kennaan addaa woyyuun ka namni maruu Rabbiif dhiyeessu kama nama dhiyeesse sanii ta'a; yoo gadichaaf kenname ammo kama gadichaa ta'a»
11
Kanaan maayessa Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate;
12
«Eennullee haati manaa isaa yoo isa biraa deemte, yoo isa yakkitee
13
yoo nama biraatitti oolte, yoo abbaa worraa ufii jalaa dhokatte, isiin dhokattee yoo battoofte, yoo ragaa hin qabaanne, uduu seebartu yoo hin argamne,
14
abbaan worraa isi'ii yoo hinaafe, isiin hin battoofte jedhee haadha manaatitti yoo hinaafe yookaan uduu isiin hin battoofne yoo hinaafe,
15
namni sun haadha manaa ufii gadichatti haa fiduu; daakuu garbu'uu iifii tokko ka kenna'aaf barbaachisu woliin haa fiduu; garuu isa irratti dhadhaa ejersaa hin buusin; hixaanallee itti hin eda'in; sababaan kennaan sun waan dhuga'aa ifatti baasuu akka dandeessisu waan shakkii haadha manaatiif ka dhiyaatu.
16
«Gadichillee isii fidee Rabbiin afoo dhaabsisa;
17
gadichi bisaan qulqulluu mi'a faaraatitti woraabee biyyee daasee wol gayi'ii keessa jiru fuudhee, bisaan woraabe sanitti facaasa;
18
gadichi intalattii san Rabbiin afoo dhaabsisa; mataa isi'ii ol qabee waan isiin maratte irraa mulqee ol qabee kennaa midhaanii harka isi'iitiin akka yaadanno'oof ta'u kennaa hinaaffa'aa san kaaya; kennaan kunillee harka gadichaatitti bisaan hadhaayaa abaarsa fidu ta'a.
19
Akkana jedhee isii kakachiisa; dhiira biraatitti ooltee yoo abbaa worraa kee hin dhiifnee yoo ka uf hin batteessine taate bisaan abaarsa fidu kun si hin tuqin;
20
garuu abbaa worraa kee dhiiftee yoo ka battoofteertuu abbaa worraa keetiin gama dhiira biraatitti yoo ka oolteertuu,
21
gadichi intala tana hin kakachiisa; gadichi intalatti'iin ‹Rabbi gudeeda kee haa raammessu; garaa kee haa bokossu; banii kee keessaa nama abaarsaa si haa godhu;
22
bisaan abaarsa fidu kun garaa kee keessa haa seenu; si haa bokossu; gudeeda kee haa shamsu.› isiinillee ‹Amiin amiin Rabbi akkasuma na irratti haa godhu› jettee deebiftiif.
23
«Kanaan maayessa gadichi abaarsa kanniin gabatee irratti barreessee bisaan abaarsa fidu saniin qulqulleessa.
24
Bisaan abaarsa fidu san intalattii obaasa; bisaan san hennaa garaa isi'ii keessa seene bisaan hadhaawu ta'a.
25
Gadichi kennaa midhaanii ka waan hinaaffa'aatiif dhiyaatu san isii harkaa fuudhee Rabbiin afo'otti sosochoosa; gara hulee ciinca'aallee hin fida.
26
Kanaan maayessa gadichi kennaa midhaanii san hammaarrii tokko guutuu yaadanno'oof fuudhee hulee ciinca'aa irratti ciinceessa; achiin maayessa bisaan san intalattii obaasa.
27
Haga bisaan isii obaaseen maayessa isiin ta battooftee fi ta abbaa worraa ufii dhiiftee seebarte akka taate bisaan abaarsa fidu sun isii keessa seenee hadhaa itti ta'a; garaa isi'ii hin raammessa; isiin banii ufii jiddu'utti ta abaaramte taati.
28
Yoo nama hin battoofne ta mudaa hin qabne taate qulqulluu taati, ulfooftee dawuu dandeetti.
29
Haadha manaa abbaa worraa ufiitiin alatti battoofte yookaan abbaan worraa isi'ii yoo itti hinaafe, seerri nama hinaafee kana; gadichi intalattii Rabbiin afoo dhaabsisee waan seerri jedhu maraa isii irratti haa raawwatuu;
31
yoo san namichi cubbuu irraa hin qulqullaaya; isiin ammo cubbamtuu taati» jedheen.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36