bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Romans 2
Romans 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
1
Kanaafuu ati namni nama biraatitti murteessitu maruu waan itti sababattu hin qabdu. Wonta ka biraa irratti murteessitu sanniin uf irrattillee waan murteessituuf ati murteessaan woma san waan gootuuf.
2
Worra akkana godhan maraa irratti murteen Rabbii dhugaa ta'uu isaa hin beenna.
3
Ati nama worra kana godhutti ka murteessitu sanuma waan gootuuf, murtee Rabbii jalaa waan baatu sitti fakkaataa?
4
Moo arjummaan Rabbii gara aagii akka si masakku uduu hin beenne, arjummaa isaatii fi waa danda'uu durummaa obsa isaa tuffataa?
5
Moo gar jabumma'aa fi qalbii aagii hin galle, hennaa murtiin Rabbii qajeelaan mudhatu gaafa guyyaa dheekkamsa Rabbiitiif uf irratti kuufatta.
6
Inni maraafuu akkuma hujii isaatiin kennaaf.
7
Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa kenna.
8
Worra nama didanii bu'aa ufii soqaniif hammeeyyii ta'anii waan mishaa dhiisanii fi worra hammeenna duukaa deeman dheekkamsa Rabbiitii fi bala'atu isaan irra gaya.
9
Lubbuun nama waan hamaa hojjatuu maraa irratti rakkinnaa fi dhiphinnatu dhufa. Dura nama Yihuudi'iiti, akkasuma nama Giriikiiti.
10
Haa ta'uu ammo worra hujii mishaa hojjatu maraaf galataa fi ulfinni nageennillee isaanii ta'a. Duraan nama Yihuudi'iitiif akkasuma ammo nama Giriikiitiif.
11
Rabbi waan nama wol hin caalfanneef.
12
Worri seeraan ala cubbuu hojjatan maruu akkasuma seeraan ala waan badaniif. Uduu seera qaban worri cubbuu hojjatan maruu seeraan isaanitti murteeffama.
13
Rabbiin afo'otti worra seera raawwatantu qajeellota ta'an malee worri seera dhagayan waan qajeellota hin taaneef.
14
Worra Yihuudota hin taane ka seera hin qabne, amala ufiitiin waan seera uumamaa yoo godhan isaan yoo seerallee hin qabaanne ufumaa seera ufii waan qabaniif,
15
Isaanillee yaanni sammuu isaanii ragaa waan isaanii bayuuf, yaanni mataa isaanii ufumaa yoo wolitti sababatu hujii seeraa ka garaa isaanii keessatti barreeffame mudhisan.
16
Kunillee Rabbi karaa Yesuus Kiristoosiitiin akka ani Dubbii Nagayaa barsiise guyyaa gaafa Rabbi waan nama biratti dhokatetti murteessu ta'a.
17
Ati ammo, «Yihuudi'i» jedhamte'eef yoo seeratti irkatte, Rabbiin yoo boontee, yoo fedha isaallee beette,
18
Seera irraallee barattee yoo mishaa beettee qortee jaalatte,
19
Seeraan bifa beekumsaatii fi dhugaa waan qabduuf, masakkaa worra ijaan hin arginee, worra dukkana keessa jiraniif ifa, barsiisa amshaagotaa, barsiisaa daa'immanii akka taate yoo uf hedatte,
21
Eegasuu ati ka nama biraa barsiiftu uf hin barsiiftuu? Ka, «Hin hatin!» jettee himtu, hin hattaa?
22
Ati ka namootaan hin seebarin jettu hin seebartaa? Ati ka waaqolee tolfamaa shakkitu mana woyyuu saamtaa?
23
Ati ka seeraan dhaadattu, seera irra darbu'uun Rabbiin saalfachiiftaa?
24
Kun «sababaa keessaniif maqaan Rabbii worra Yihuudii hin taane jiddu'utti hin arraffama» jedhamee akkuma barreeffame ta'aaraamii?
25
Uduu seera raawwattee, gadoomuun fayyidaa qaba. Yoo ka seera diiddu ta'e ammo gadoomuun kee akka waan hin gadoomnee ta'eera.
26
Eegasuu namni hin gadoomin yoo sirna seeraa eege gadoomuu dhabuun akka waan gadoomeetitti hin laakkayamuufii?
27
Ka uumamaan hin gadoomin namni seera raawwatu akka seera kitaabaatitti gadoomuu uduu si barbaachisu diiguun seerri sitti murteessa.
28
Ka maqamaaf Yihuudii ta'e Yihuudii waan hin taaneef; addaataa gadoomuun fooniin ta'e gadoomuu waan hin taaneef.
29
Haa ta'uu ammo ka dhossa'aan Yihuudii ta'e Yihuudi'i. Gadoomuun Ayyaana Rabbiitiin ta'u gadoomuu qalbi'iiti malee, ka kitaaba seeraatii miti. Galanni isaallee Rabbiin irraa malee, nama irraa miti.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16