bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 13
1 Corinthians 13
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
1
Afaan namootaatiin ta'ee afaan maleyikkootaatiin dubbachu'uuf danddeettii uduma qabaadhe'llee, jaalala qabaachuu yoo dhabaadhe akka sibiila diimaa iyyuu yookiin akka kabalaa shakkisuu, ta'uu kiyya.
2
Dandeettii dubbii Waaqinni natti hime dubbachu'uutiif'llee kennaa yoo qabaadhee fi dhossaa mara'llee uduu hubadhee, beekkomissa mara'llee uduu qabaadhee, gaara'llee bakka tokkoo gara bakka bira'aa ka deemisisu amantii mara'llee uduu qabaadhee, jaalala yoo hin qabaatin ani tasa.
3
Waan qabu maraa hiyyeesotaaf yoo qoode, foon kiyya'llee uduu hin hafin ibiddaan akka gubatu dabarssee uduu kennee, jaalala yoo hin qabaatin, womaayyuu ana hin fayyadu.
4
Jaalalli ni obissisiisa, jaalalli mishaa ni taasisa, jaalalli akka hinaafan hin taasisu, jaalala naminni qabu ufi hin tuulu,
5
Jaalalli seera maleessa hin taasisu, jaalala naminni qabu faayiddaa ufii qofa hin barbaadu, jaalala naminni qabu hin dallanu, jaalala naminni qabu miidhame'llee miidhama akka miidhamaa titti hin lakkaayu,
6
Jaalala naminni qabu waan dhugaa ta'een gammada malee, sirrii waan hin ta'iniin hin gammadu.
7
Jaalala naminni qabu maraa ni danda'a, mara irrattuu amantii isaa ni kaaya, mara irratti abddii ni taasisa, waan maraanuu ni dhaabata.
8
Jaalala naminni qabu yeroo kamttuu hin kufu, kennaan waan Waaqinni itti hime dubbachu'uu ni dabrra, danddeettiin afaan adda addaatiin dubbachu'uu ni dabra, beekkomissa'llee taanaan ni dabra.
9
Ka beekinnu'llee ta'ee waan Waaqinni nutti himee dubbachuun'llee gamisaan.
10
Garuu guutuu wonitti ta'e yoo dhufu, wonitti gamisaan ta'e ni hafa.
11
Daa'ima yeroo turetti akka daa'imaa titti ni dubbadha ture, akka daa'imaa titti'llee ni yaada ture, akka daa'imaa titti ni qoradha ture, nama guutuu yeroo ta'etti garuu, amala daa'imummaa kiyyaa ni dhiise.
12
Amma akka waan daawi'ite'een laalluu titti dimimisaan ni laalla, yeroo sanitti garuu ifaan ni argina, amma ka beekinnu gamisaan, yeroo sanitti garuu haga Waaqinni ana ka beeku beekkomissa guutuu ni qabaadha.
13
Eegaa amantiin, abddii fi jaalallitti, isaan sadiin kunniin jabaatanii ni jiraatan, garuu isaan kanniin keessaa ka caalu jaalala.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16