bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 16
1 Corinthians 16
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Waayee qarshii gargaarssa amanttootaa wolitti qabamuutiif, woldaya amanttoota Galaatiya'aatiif akkuma qajeelcha kennameetiin, isini'llee akkuma kana raawwadhaa.
2
Ani gara keessan yeroo dhufutti buusiin qarshi'ii akka hin taasfaminneef torbaan torbaaniin dilbbata isin keessaa tokkoon tokkoon haga galii argatuutiin, buusa'aa addaan baasee ha kaayu.
3
Yeroo ani gara keessan dhufutti karaa namoota isin filattaniitiin, qarshii wolitti buufttan qabatanii gara Yerusaalemii akka deemaniif, xalayaa gageessituu woliin ni erga.
4
Deemuun kiyya'llee barbaachisaa ta'ee yoo argame, ana woliin ni deeman.
5
Karaa Maqedooniya'aatiin deemu'uuf waan karoorffadheef, achiin yoo dabrru karama saniin gara keessaniin ni dhufa.
6
Gara deemu'llee gara bakka kamiituu adeemissa kiyyaaf ka naa ta'u garggaarssa akka naaf taasfttan, yookiin isin biratti ni tura ta'a, yookiin ji'a ganna'llee isin woliin ni dabarssa ta'a,
7
amma yoo dabrru karaa saniin isin laalu'uuf hin barbaadu, fedhii Goofta'aa yoo ta'e yeroo muraasa dheeraa ta'ee isin woliin turu'uuf, abddii ni taasisa.
8
Garuu haga ayyaana Phenxeqosxe'ee, Efesoonii titti ni tura.
9
Balballi baldhaan hujii baayi'ee ufi keessaa qabu naaf banamee jira, mormittoonni garuu baayi'eewwan.
10
Ximotewos gara keessan yeroo dhufutti sodaa malee si woliin akka ta'uuf gargaara'aanii, inni'llee akkuma kiyya hujii Goofta'aa ni hojjata.
11
Kanaaf eennu'llee akka isa hin tuffannee fi inni obboleeyyan woliin gara kiyya akka dhufuuf waan isa eeguuf, gara kiyya nagayaan deebi'ee akka dhufuuf adeemissa isaatiif waan isa barbaachisuun gargaara'aanii.
12
Obboleessi keenna Apholos obboleeyyan bira'aa woliin, isin akka laaluuf cimssee kadhadheenii ture, garuu inni amma gara keessan dhufu'uuf hin eeyyaminne, yoo itti toletti garuu ni dhufa.
13
Dammaqaa, amaniti'iin jabaadha'aatii dhaabadhaa, jabaadhaa.
14
Waan raawwattan maraa jaalalaan raawwadhaa.
15
Yaa obboleeyyan! Maatii Isxifaanosii biyya Akaayiya'aa titti amanttoota jalqabaa akka ta'anii fi amanttoota tajaajilu'uuf mataa isaanii dabarsanii akka kennan ni beekittan.
16
Namoonni akkana jiranii kanniinii fi isaan woliin'llee huji'iin worra dahdaban maraaf, akka ajajamittaniif cimssee isin ni yaadachiisa.
17
Isxifaanosii fi Fordonaaxiis Akaayiqos'llee gara kiyya dhufuu isaaniitiin gammadee jira, isin anaan woliin argamuu dhabuu keessaniif isaan bakka keessan bu'uun, waan natti dhidhate naaf guutanii jiran.
18
Isaan hafuura kiyyaa fi hafuura keessan'llee hara baafachiisanii jiran, kanaaf namoota akkana jiran kanniin beeka'anii.
19
Woldeenni amanttootaa ka Asiyaa jiran nagaya isiniif ni dhiyeessan, Aqiilaa fi Phriskaan, Kristaanonni mana isaanii titti wolgayan'llee, nagaya onnee irraa ta'e maqaa Goofta'aatiin isiniif ni dhiyeessan.
20
Kristaanonni asi jiran marrinuu nagaya isiniif ni dhiyeessan, wol dhungoo Qulqullaayomaatiin, nagaya wol gaafadhaa.
21
Ani Phaawulos nagaya kana harkuma kiyyaan isiniif barreessee jira.
22
Gooftaa ka hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame haa ta'u! Yaa Gooftaa koottu!
23
Kennaan Gooftaa Yesusii ka bilisaa isiniin woliin haa ta'u.
24
Jaalalli kiyya Yesus Kristosiin isin mara woliin haa ta'u, Ameen.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16