bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 3
1 Corinthians 3
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
1
Yaa obboleeyyan! Ani yoo isin barsiisu isin foonayootaa fi daai'mman hin jabaatin akka ta'uu keessan titti malee, foonayyoota akka ta'uu keessan tittii miti.
2
Akka daai'mman nyaata jabaataa nyaachuu hin dandeennee waan taataniif, ani ka isin soore aanan malee nyaata jabaata'aa miti, amma'llee yoo ta'e isin nyaata jabaataa nyaachuu worra hin dandeenne.
3
Isin amma'llee namoota fooniit, ufii keessan waan wolitti hinaafttanii fi waan wol mormmitaniif, namoota foonii ta'uu keessanii mitii ree? Ka hojjattan'llee akka nama akkanumaan jiruu tittii mitii ree?
4
Tokko, «Ani ka Phaawulosiiti» kuun ammoo, «Ani ka Apholosiiti» yoo jedhu, isin akka nama akkanumaan jiruu ka biyya lafaa ta'uu keessan mitii ree?
5
Haa ta'u malee Apholos maali'i? Phaawulos hoo maali'i? Isaan worra tajaajilttoota akka amanittan taasisan, tokkoon tokkoon isaanii'llee ka tajaajilan hujii Gooftaan isaaniitiif ramade irratti.
6
Ani ni dhaabe, Apholos bishaan ni obaase, ka guddise garuu Waaqa.
7
Kanaaf huji'iif ijoo ka ta'e Waaqa biqilttuu guddise malee, ka dhaabe ta'ee ka bishaan obaase'llee womaa miti.
8
Ka dhaabe'llee ta'ee ka bishaan obaase'llee wol qixa, tokkoon tokkoon isaanii'llee akka hujii isaatiin gatii isaa ni fudhata.
9
Nu'u tajaajilttoota Waaqaaf woliin hojjannu, isin'llee qonna Waaqaatii fi gamoo Waaqaati.
10
Akkaataa kennaa bilisaa ka Waaqinni naaf kenneetiin akka kaabddicha qaruute'ee titti hunddee jala ni qabe, ka bira'aa'llee hunddee ani jala qabe irratti ni kaaba, tokkoon tokkoon namaa garuu san irratti attamitti akka kaabu, ufi eeggachuu qaba.
11
Yeroo tokko hunddee hunddeeffame malee eennu'llee hunddee bira'aa hunddeessuu hin danda'u, hunddeen kun'llee Yesus Kristos.
12
Hunddee kana irratti worqqi'iin yookiin meetaan, dhagaa gatii gudda'aatiin, jaalatama'aan, mukiin mukaan, margaan yookiin ibbiqiin ka ijaaru yoo jiraate,
13
Guyyaan murti'ii ka hujiin tokkoo tokkoo namaa itti muldhatu ni dhufa, guyyaa sanitti hujiin tokkoo tokkoo namaa bifa kami akka ta'e, ibiddaan qoratamee ni muldhata.
14
Kaabdichi tokko hujiin hunddee irratti hojjate ibiddaan qoratamee uduu hin miidhamin jabaatee yoo dhaabate, kaabdichi gatii isaa ni argata.
15
Kaabdichi hujiin isaa ibiddaan jalaa gubatee dhabamisiifame garuu gatiin isaa jalaa ni hafa, haa ta'u malee inni mataan isaatuu ibidda keessaan dabrree, uduu hin gubatin akka nama hafuu titti ni fayya.
16
Mana Waaqeffannaa Waaqaa ta'uu keessan fi Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraachuu isaa, hin beekittan moo?
17
Eegaa naminni Mana Waaqeffanna'aa ka Waaqaa yoo diige Waaqinni isa ni diigaan, Manni Waaqeffanna'aa ka Waaqaa Qulqullu'u, Manni Waaqeffanna'aa kun isin.
18
Eennu'llee mataa isaa hin sobinni, sadarkkaa ogummaa biyya lafaa kanaatiin ogeessa fakkaatee ka mulidhatu yoo jiraate, ogummaa Waaqaa ka dhuga'aa akka argatu mataa isaa akka gowwa'aa titti haa laakkayu.
19
Ogummaan biyya lafa tanaa Waaqa duranatti gowwumma'a, kun'llee, «Waaqinni ogeessota daba isaaniitiin isaan ni qaba» jedhamee, akkuma barreeffame.
20
Akkuma kana, «Gooftaan yaanni ogeessotaa tasa ta'uu ni beeka» ka jedhu, barreeffamee jira.
21
Kanaaf wonitti marrinuu keessan waan ta'eef, eennu'llee namaan hin dhaadatin.
22
Phaawulos'llee yoo ta'ee, Apholos'llee yoo ta'e, Phexirosiin'llee yoo ta'e, biyya lafaa'llee yoo ta'e, jireenna'llee yoo ta'e, du'a'llee yoo ta'e, ka jiru'llee yoo ta'e, ka ufidurana dhufu'llee yoo ta'e, marrinuu keessan.
23
Isin garuu ijoollee Kristosiiti, Kristos'llee Ilma Waaqaati.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16