bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 4
1 Corinthians 4
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
1
Eegaa naminni marrinuu nu'u tajaajiltoota Kristosii akka taane, dhossaa Waaqaa'llee ibisu'uuf yaboon ka nutti kenname worra yaboo fudhanne itti gaafataminni ka nuuf kenname, akka taane taasisee nu lakkaayuun ni mala.
2
Worri yaboon baayi'eewwan itti kenname'llee amanamoota ta'anii argamuu qaban.
3
Waayee kiyya yoo ta'e isin'llee yoo natti murtteessitan yookiin namoonni bira'aa yoo natti murtteesse, womaayyuu miti. Dhugamaanuu ani matama kiyya irrattuu murtteessu'uuf hin danda'u.
4
Ani akka beekutti yoo taate Sammuun kiyya ana hin gilndisu, kun'llee ani qulqulluu ta'uu kiyya hin hubachiisu, garuu ka ana irratti murteessuu Gooftaa qofa.
5
Kanaaf yeroon uduu hin gayin, Gooftaan murti'iif uduu hin dhufniin duranatti eennuun irratti'llee hin murteessinaa, inni yeroo dhufutti dhossaa dukkana keessatti dhokate gara ifaa titti ni baasa, yaadinni onnee namoota keessatti dhokate'llee ni muldhisaan, yeroo sanitti tokkoon tokkoonuu Waaqa biraa galata barbaachisaa ni argata.
6
Yaa obboleyyaan! Isin faayyadu'uuf jedhee dhimma kanaan anaa fi Apholosiin akka fakkeennaa taasisee ni dubbadhe, kana'llee ka taasiseef, «Ka barreeffame irra hin dabrrin!» hiikkaa gorssa jedhuu, nurraa akka barattaniif jedheeti. Kanaaf nama ufi dhaadu'uu fi ka bira'aa garuu tuffachuun hin malu.
7
Ati kaanniin maali'iin caalitta? Wonitti kaanniin irraa hin fudhatin maalttu jira? Eegaa, waan maraa ka fudhatte kaaniin irraa eega taate, akka nama hin fudhatinii maali'iif ufi dhaadda?
8
Amma garuu waan isin barbaachisu maraa argattanii jirttan, dureeyyii'llee taatanii jirttan, nu irraa fooyamittanii mootomttanii jirttan, dhugamaanuu mootomttanii uduu jiraattaniitii ammoo, nu'llee isin woliin waan mootomnnuuf mootomuun keessan mishaa ni ta'a ture.
9
Waaqinni nu'u ergamittota isaa gara bakka duuti isaanitti murtteeffamee itti ajjeefamanii namoota fudhataman jiddu'uu, worra muumme'ee ka nu taasise natti fakkaata, kana irraa'llee ka ka'een biyya lafaa maratti maleyikkaa ta'ee namoota duranatti, akka waan laalamuu taanee ni muldhanna.
10
Nu'u waayee Kristositiif jennee gowwoota taanee jirra, isin garuu Kristosiin ogeessota taatanii jirttan, akkuma kana nu'u dadhabiddoota taanee jirra, isin garuu jajaboota taatanii jirttan, isin worra kabajamittan taatanii jirttan, nu'u garuu worra salphate taanee jirra.
11
Amma'llee yoo ta'e haga saa'aatii kanaa titti ni beelofnna, ni dheebonna, ni daarrale'e, ni dhaanaminna, mana itti gallu'llee dhabu'uun asii fi achi ni xaarra.
12
Harkuma keennaan hojjata'aa ni dadhabnna, yoo nu abaaran ni eebbifnna, yoo nu ari'atan ni obissina.
13
Yoo nu arrabsanii fi maqaa keenna'llee yoo balleessan, mataa gad qabataan isaaniif ni deebifnna, haga ammaa titti waan kufa'aa fi haramaa arddi'ii taanee jirra.
14
Ani kana ka isiniif barreessu akka ijoollee tiyya ka jaalatamttanii taasisee isin gorssu'uuf yaadeeti malee, isin saalfachiisu'uuf jedheetii miti.
15
Yoma Kristosiin durssitoota baayi'ee qabaattan'llee abbootii baayi'ee hin qabdan, ani garuu wongeela Kristos Yesusiitiin isin uumadhee jira.
16
Kanaaf fakkeennummaa kiyya akka horddofttaniif, isin ni kadhadha.
17
Waan kanaan kanaaf jaalatamee fi ka amaname Goofta'aan ilma kiyya ka ta'e Ximotewosiin isinii ergee jira, bakka maraa fi woldayoota amanti'ii marattuu akkuma barsiisu, Kristosiin ka argadhe qajeelcha jireenna haarawaa isin yaadachiisa.
18
Garuu isin keessaa tokko tokko waan ani isin laalu'uuf hin dhufinne isaanitti fakkaatee, ufi tuulumma'aan guutamanii jiran.
19
Haa ta'u malee fedha Goofta'aa yoo ta'e yeroo gabaaba'atti gara keessan ni dhufa, yeroo sanitti haasaya ufi tuulttota sanniinii qofa uduu hin ta'in, huminna isaanii'llee beekuu ni barbaada.
20
Mootummaan Waaqaa haasayaa uduu hin ta'in, huminna Waaqaati.
21
Ka barbaaddan maali'i? Ulee adabbi'ii qabadhee gara keessan akka dhufuuf barbaadan moo? Yookiin jaalalaa fi hafuura mataa gad qabataatiin, akka dhufu barbaaddan?
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16