bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 5
1 Corinthians 5
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
1
Jidduu keessantti saalfachiisaan hujiin sagaagalumma'aa jiraachuun isaa ni odeeffama, hujiin sagaagalummaa akkanaa kun Ummatuma Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti'llee ka hin raawwataminne, kun'llee haadha worraa abbaa isaa haadha worraa isaa taasisee ka jiraatu ni jira jedhamee jira.
2
Eegaa wonitti qaanessaan akkanaa kun jidduu keessan uduu jiru, maali'iif ufi jajan ree? Kana irraa waan kanaan gadduun isin irra hin jiru moo? Hujii akkanaa kana nama raawwatu jidduu keessan dhabamisiisaa.
3
Yoma ani qaama fooniitiin isin woliin jiraachuu dhabe'llee, hafuuraan garuu isin woliin ni jira, akkuma waan isin woliin jiruu ta'ee hujii bifa kana nama raawwate irratti, maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin itti murteessee jira.
4
Yeroo wol geettanitti ani'llee huminna Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, hafuuraan jidduu keessantti waan argamuuf,
5
cubbu'uun ka guuttame foon nama kanaa akka diigamuuf, sheexanaaf dabarsitanii isa keennuun isin irraa ni mala. Kana'llee ka raawwattan Gooftaan Yesus guyyaa murti'iif itti dhufutti, lubbuun nama kanaa akka fayyituuf.
6
Eegaa ufi dhaaduun keessan misha'aa miti, shiishaan diqqoon miciqaa mara akkuma bukeessuun ni beekkittanii mitii ree?
7
Akkuma amma taatan mara akka miciqaa shiishaan keessa hin jirree akka miciqaa haarawaa akka taataniif shiishaa moofaa dhabamisiisaa, hoolaa keenna ka Faasika'aa ka ta'e Kristos kitimamee jira.
8
Kanaaf dabaa fi hammeenni ka itti guuttame shiishaa moofa'aan uduu hin ta'in, shiishaan ka keessa hin jirre qixxaa qajeelumaatii fi dhuga'aatiin ka shiishaan keessa hin jirreen, ayyaana keenna haa kabajannuu.
9
Asiin durana ergaa isinii barreesseen sagaagalttootaan woliin hin hirmmaatinaa, isiniin jedhee ture.
10
Kana'llee yoo jedhu wolumaagalaan sagaagalttoota biyya lafa kanaa yookiin namoota haafayoota yookiin hattoota yookiin Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoota woliin hin hirmmaatinaa jechuu kiyyaa miti, akkana yoo ta'e ammoo biyya lafaa keessaa bayuu isin barbaachisa ture jechu'u.
11
Ani garuu ka isiniif barreesse Kirstaanota jedhamanii worra sagaagalan, yookiin worra haafayan, yookiin worra Waaqa harkaan hojjatame waaqeffatan, yookiin maqaa namaa worra balleessan, yookiin worra machaayan, yookiin saamttotaan woliin hin hirmmaatinaa jedheeti. Namoota akkana jiran kanniin woliin, nyaata woliin hin nyaatnaa.
12
Tokkummaa Kristaanumma'aatiin ala namoota jiran irratti murteessu'uuf, ani eennuu? Waayee namoota tokkummaa kristaanumma'aa keessa jiranii, isinuu murteessu'uuf ni dandeettanii mitii?
13
Waayee namoota ala jiraniitiif ka murteessu Waaqa, eegaa akka kitaabnni jedhu «Nama hamaa jidduu keessanii baasaa.»
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16