bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 6
1 Corinthians 6
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
1
Isin keessaa tokko obboleessa isaa ka kristaana ta'e woliin yoo wol dhabe, dhimmicha kristaanonni murti'iin akka laalan taasisuu irra, himanna'aaf gara mana murti'ii ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee deemu'uuf, attamitti uggama?
2
Namoonni Waaqaa biyya lafaa irratti akka murteessan hin beekittan moo? eegaa, biyya lafaa irratti ka murteessitan yoo ta'u, waan diqqoo kana irratti murteessuun isin ni dhiba ree?
3
Maleyikkootuma irrattuu akka muriteessinu hin beekittan moo? Eegaa wonittoota biyya lafaa kana irratti nu'u caala'atti muriteessuu attamitti hin dandeenne ree?
4
Eegaa ufii keessan yoo wol dhabiddan tokkummaa kristaanumma'aatiin ala worra ta'anii fi namoota tuffataman duranatti, dhimma keessan attamitti dhiyeessitan?
5
Kana ka jedhu'uuf akka saalfattaniif jedheeti, haa ta'u malee obboleeyyan jiddu'utti murtii kennu'uuf ka danda'u jaarssi hubattanii hin argamu moo?
6
Eegaa, kirstaanni tokko krirstaana bira'aa himatee gara mana murtii Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee, fiduun isaan ni malaa ree?
7
Gonkumaa ufii keessan wol himattanii wol mormmuun mataan isaatuu, isiniif salphinna, kana irra isin uduu miidhamttanii hin woyyuu ree? Akkuma kana isin uduu sobamttanii isinii hin woyyuu ree?
8
Isin garuu obboleeyyan keessan kristaanota ta'an irratti'llee, miidha'aa fi sobiinssa ni raawwattan.
9
Hamaaleyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle ni beekitanii mitii ree? Waan kanaan hin sobaminaa, yookiin Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoonni, yookiin sagaagalttoonni, yookiin worri dhiiraan woliin sagaagalummaa raawwatan,
10
yookiin hattoota, yookiin haafayoota, yookiin machoofttota, yookiin worra maqaa namaa balleessan, yookiin saamttonni, Mootummaa Waaqaa hin dhaalan.
11
Isin keessaa'llee tokko tokkoon keessan akkuma kana turttan, ammaa garuu maqaa Gooftaa Yesus Kristositii fi hafuura Waaqa keennaatiin cubbuu irraa miicamttanii jirttan, Waaqaaf'llee ka addaan baye ummata Qulqulluu taatanii jirttan, qulqullaayomttanii'llee jirttan.
12
«Wonitti marrinuu naaf eeyyamamee jira» Garuu wonitti marrinuu ana fayyada jechu'uu miti, wonitti marrinuu naaf eeyyamamee jira, haa ta'u malee waan kamiifuu garbcha ta'ee hin bitamu.
13
«Nyaanni gara'aaf, garaan'llee nyaataaf» Eegaa, Waaqinni nyaataa fi garaa'llee ni balleessa, garuu qaaminni keenna Gooftaa Yesusiif, Gooftaan Yesus'llee qaama keennaaf waan ta'eef, qaama keenna sagaagalumma'aaf oolichuun hin malu.
14
Waaqinni Gooftaa Yesus Kristosiin du'aa kaaseenii jira, nu'llee huminna isaatiin du'aa ni kaasa.
15
Qaaminni keessan kutaa qaama Kristosii ta'uu isaa ni beekittanii mitii ree? Eegaa, kutaa qaama Kristosii fuudhadhee, kutaa qaama dubarttii sagaagalttu'uu akka ta'u taasisu'utu narraa malaa ree? Gonkumaa hin malu!
16
Dubarttii sagaalttuu woliin naminni wol qunnamu isii woliin qaama tokko ta'uu isaa ni beekittanii mitii ree? «Lamaanuu qaama tokko ni ta'an» jedhamee, barreeffamee jiraatii.
17
Gooftaa Yesusiin woliin naminni hirmmaatu garuu, isaan woliin Hafuuraan tokko ni ta'a.
18
Kanaaf sagaagalummaa irraa fagaadhaa, cubbuun naminni raawwatu ka bira'aa marrinuu qaama isaatiin alatti ka raawwatamu, sagaagalummaa naminni raawwatu garuu qaama mataa isaa irratti cubbuu hojjata.
19
Qaaminni keessan Waaqa irraa ka fudhattanii fi isin keessa'llee ka jiraatu Mana Waaqeffannaa Hafuura Qulqullu'uu ta'uu isaa ni beekittanii mitii ree? Eegaa isin ka Waaqaati malee ka mataa keessaniitii miti.
20
Inni gati'iin isin bitee jira, kanaaf qaama keessaniin Waaqa kabajaa.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16