bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 9
1 Corinthians 9
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
1
Ani nama bilisummaa qabuu mitii ree? Ani ergamittichaa mitii ree? Ani Gooftaa keenna Yesus Kristosiin hin argineenii ree? Isin hoo maqaa Gooftaa kiyyaatiin bu'aa hujii kiyyaa hin arginee ree?
2
Goofta'aan chaaphaan mirkanneessaan ergatamummaa kiyyaa isin waan taataniif, yoma kaaniiniif'llee ergatamaa ta'uu dhabaadhe'llee isiniif garuu dhugamaan ergatama'a.
3
«Mirga ergatamumma'aa hin qabddu» jedhanii, worri ana bagifatan yoo jiraatan, deebiin ani kennu kana,
4
Nu'u mirga nyaataa fi waan dhugaati'ii argachu'uu hin qabnnu moo ree?
5
Akka ergamittoota bira'aatii fi akka obboleeyyan Goofta'aa akka Phexirosii'llee, haadha worraa ta kristaanaa ufi duukaa qabadhee dedeebi'uuf mirga hin qabnnu moo?
6
Yookiin huji'iin dadhaba'aa jiraachuu ka nu barbaachisu, Baarnaabaasii fi ana qofaa moo ree?
7
Mindaa malee qarshii mataa isaatiin lolttumma'aan ka tajaajilu eennu? Woyinnii dhaabee firii isaa irraa ka hin nyaanne hoo eennu? Gobbuu tissa'aa aanan gobbu'uu ka hin dhuginne eennu?
8
Kana ka dubbadhu yaaduma namaa qofaan moo ree? Seerri'llee akkana ni jedhaa mitii ree?
9
«Qotiyyoo ayiidu afaan isaa hin hidhin!» jedhamee, seera keessatti barreeffamee jira, eegaa Waaqinni akkana ka jedheef, waayee qotiyyoota yaadu'uunii moo ree?
10
Waaqinni kana ka jedhe nu'uuf yaadu'uunii mitii ree? qotee bulaan qotu abddi'iin akka qotuuf, ka ayiidu'llee abddi'iin akka ayiiduuf, bifa kanaan marrinuu gayee ufii akka argatu kun ka barreeffame, dhugamaanuu waayee keennaaf.
11
Nu'u waan hafuurawaa ka isiniif facaafnne yoo ta'e, eebba keessan ka foonii yoo haaminne waan guddaa ta'uu isaatii moo?
12
Kuunniin waan kana isin irraa qoodamu'uuf mirga ka qaban yoo taate eegaa, nu'u mirga kana caalu attamitti hin qabaanne ree? Nu'u garuu mirga kanatti hin fayyadaminne, kana taasisuun keenna'llee dubbii gammachuu Kristosii babaldhisuu irraa akka ufi duuba hin deebine yaadu'uun waan maraa obissinee, haa dandeennu jenneeti.
13
Mana Waaqeffanna'aa keessatti worri tajaajilan nyaata isaanii Mana Waaqeffanna'aatii akka argatanii fi furdda irratti ciinccaa ka dhiyeessanii fi ka tajaajilan, ciinccaa irraa qoodamanii akka nyaatan, ni beekitanii mitii ree?
14
Akkuma kana ammoo wongeela worri barsiisan nyaata isaanii hujima isaanii kana irraa, akka argataniif Gooftaan ajajee jira.
15
Ani garuu mriga kanniin tokkottuu hin fayyadaminne, kana'llee ka barreesse mirgi kiyya kun maal'iif uduu naa hin kabajamin hafe? jechu'uunii miti. Naminni waan ani ittiin dhaadadhu tasa najalaa taasisuu irra, uduu du'ee naa woyya.
16
Wongeela barsiisuun dirqqama kiyya waan ta'eef, waan ittiin dhaadadhuu miti, gonkumaa wongeela barsiisuu dhabaadhe, hayi uunishaa kiyya!
17
Dubbii wongeelaa dirqama malee fedha kiyyaan yoo lallabe, gatii dadhabbi'ii ni qabaadha, dirqamaan yoo raawwadhe garuu, itti gaafatama yabo'oon natti kenname raawwadhe malee, ka bira'aa wonitti ani taasise woyiituu ni jira jechu'uu miti.
18
Eegaa, gatiin dadhabbii kiyyaa maali'i ree? Eegaa gatiin dadhabbii kiyyaa wongeela waan lallabeef mirga qabu uduu itti hin fayyadamin, hujii wongeela barsiisu'uu mindaa malee bilisaan raawwachuu kiyya.
19
Ani garbicha eennuu'llee uduu hin ta'in nama bilisa ta'e, haa ta'u malee haga naaf danda'ameen baayi'eewwan isaanii fayyisu'uun fayyadu'uuf jedhee, garbicha maraa ta'ee jira.
20
Yihudota woliin yeroo ta'u Yihudota fayyisu'uuf akka Yihudichaa ni ta'e, seera jala ta'uu yoma dhabaadhe'llee, worra seera jala jiran fayyisu'uuf jecha, akka namoota seera jala jiranii ni ta'e.
21
Ani Seera Waaqaa ka qabuu fi Seera Kristositii jala yoma ta'e'llee, Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka seera hin qabnne fayyisu'uuf jecha, akka nama seera hin qabnnee ni ta'e.
22
Amanti'iin dadhaboota worra ta'an fayyisu'uuf jecha, akka dadhabddootaa dadhabaa ni ta'e, waan haga danda'ameetiin muraasa isaanii fayyisu'uuf, maraan woliinuu waan maraa ni ta'e.
23
Kana maraa raawwachuun kiyya eebba wongeelaa qoodamu'uuf, waayee wongeelaatiif jedheeti.
24
Wol dorgommii fiigichaatiin akkuma marrinuu fiiganii fi isaan keessaa'llee tokko qoftti badhaasa akka fudhatu, ni beekittanii mitii ree? Kanaaf isin'llee badhaasa fudhachu'uuf fiigaa.
25
Fiigichaan worri dorgoman marrinuu shaakala dadhabsiisaa ni taasisan, isaan akkanatti ka dadhaban ka baduu fi gonfata yero'oof ta'u argachu'uuf, nu'u garuu ka dadhabnnu ka hin badinnee fi gonfata bara baraa ka ta'e argachu'uuf.
26
Ani garuu akka nama bakka gayu hin qabnnee tasatti hin fiigu, akka nama tontoommu'uun bubbee dhayuu titti, tasatti nama aggaamuu miti.
27
Kanaaf kaanniin gara wol dorgommi'ii eega waameen duubatti, ani mataan kiyyaa wol dorgommi'iin ala ta'ee akka hin argaminneef, qaama kiyya toowata'aa akka naaf ajajamu ni taasisaan.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16