bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Ephesians 3
Ephesians 3
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 4 →
1
Kanaaf ani Phaawulos hidhamaa Yesus Kristosii ka ta'eef, isin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef jedheeti.
2
Faayyiddaa keessaniif akka oolichuuf Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa tajaajilaa akka naa kenne, dhugamaanuu dhageettanii jirttan.
3
Durissee gabaabnnatti akkuma isinii barreessetti, Waaqinni dhossaa isaa ibisee, muldhataan natti muldhisee jira.
4
Kana ka isinii barreesseef'llee yoo dubbiffattan, waayee dhossaa Kristosii waan ani hubadhe, hubachu'uuf ni dandeettan.
5
Dhossaan kun'llee Hafuura Waaqaatiin ergamittoota Qulqulluuwwanii fi nabiyyoota isaatiif, bifa amma muldhateen baroota dabrranitti, namoota ni jiran turaniif hin muldhanne.
6
Kun'llee ka muldhisu ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Yihudotaan woliin dhaalttota qabiyyee isaatii fi kutaawwan qaama tokkoo ta'anii abddii Waaqinni kenneef karaa wongeelaatiin, Yesus Krstosiin qoodamtoota ta'uu isaaniit.
7
Waaqinni hujimaata isaa ka huminnaatiin karaa kennaa naaf kenne ka bilisaatiin, ani'llee tajaajila wongeelaa kanaa ta'ee jira.
8
Ani ka Qulqullaayomota maraa gadii yoma ta'e'llee, daangaa ka hin qabnne durummaa Krirstosii ummata Waaqa dhuga'aa hin amannetti akka dubbadhuuf, kennaa Waaqaa ka bilisaatiin carraan kun naaf ni kenname.
9
Akkuma kana baroota dabrranitti maraayyuu ka uume Waaqaan dhokatee dhossaa tureef, kaayyoon Waaqaa maal akka ta'e maraafuu akka ibisuuf, kennaan bilisaa naaf ni kenname.
10
Kun'llee ka ta'e bara ammaa titti karaa woldaya amanti'iitiin itti gaafatamoon samii jiranii fi namoonni aangoo qaban, ogummaa Waaqaa akkaataa bifa isaatiin akka beekaniif.
11
Waaqinni karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin kana ka raawwate, akkaataa karoora isaa ka bara baraatiin.
12
Ka Kristosii ta'uu keennaa fi isatti'llee amanuu keennaan, Waaqa duranatti uggiinssaa fi ufi heddanno'oon dhiyaachuu ni dandeenna.
13
Rakkinni ani waayee keessaniif fudhadhu ulfinna keessan, kanaaf waayee rakkinna kiyyaatiin abddii hin kutatnaa jedhee isin ni kadhadha.
14
Eegaa Waaqa Abbaa duraatti jilibba kiyyaan jilbbiiffadhee ka kadhadhu sababaa kanaaf.
15
Sami'ii fi arddii irra ka jiru tokkoon tokkoon maati'ii maqaa isaa ka dhuga'aa ka argatu, Waaqa irraayyi.
16
Waaqinni qaama keessan ka keessaa huminna jabeessu karaa Hafuura isaatiin, ulfinna isaa ka durumma'aatiin akka isiniif kennuuf ni kadhadha.
17
Akkuma kana Kristos amanti'iin onnee teessan keessa akka jiraatuu fi isin'llee hidda gad fageeffattanii jaalalaan ka jabaattan akka taataniif ni kadhadha.
18
Dabalee'llee jaalallitti Kristosii baldhinnaa fi dheerinni isaa, ol fageennii fi gad fageenni isaa hagam ta'uu isaa, Qulqulloota mara woliin'llee hubachuu akka dandeettaniif,
19
kana ka beekkomissa namaatii ol ta'e jaalala Kristosii akka beekittaniif, guutamiinssa Waaqaa ka muda maleessa ta'een guuttamu'uuf'llee akka geettaniif, ni kadhadha.
20
Kanaaf karaa huminna isaa ka nu keessatti hojjattuutiin ka kadhannuu fi ka yaadinnuu olitti haalaan caalichisee, Waaqa raawwachuu danda'uuf,
21
isaaf Woldaya amanti'iitii fi Yesus Kristositiin baroota marattuu, baaraa haga baraa titti ulfinni haa ta'u, Ameen.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6