bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Ephesians 5
Ephesians 5
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
1
Eega akka ijoollee jaalatamttootaa isin'llee, fakkeenna Waaqaa horddofaa.
2
Kristos akka nu jaalatee fi foolii mishaa Waaqa gammachiisuu ka qabu kenna'aa fi kitimaa taasisee lubbuu isaa waayee keennaaf dabarssee akkuma kenne, isin'llee jaalalaan jiraadhaa.
3
Wonitti akkanaa kun Kristaanotaaf waan hin taaneef gocha sagaagalaa yookiin battummaan bifa kamiituu yookiin dhoogata taasisuun haa hafuutii, odumaan'llee isaan irratti dhagayamuun hin malu.
4
Kana irra Waaqaaf galata dhiyeessaa malee, waan nama mufachiisuu fi haasaya gowwumma'a, yookiin waan baliddaa dubbachuun isin irra hin jiru, wonitti akkanaa kun isiniif mijaaya'aa miti.
5
Gocha sagaagalumma'aa raawwataa yoo ta'e, hujii battumma'aa kamiinuu ka raawwatu yoo ta'e, haafayummaa Waaqa harkaan hojjatame waaqeffachu'uu'llee yoo ta'e, Kristosii fi Mootummaa Waaqaa titti'llee, qabiyyee akka hin arganne beekaa.
6
Sababa wonittoota kanniiniitiin namoota hin ajajaminne irratti dheekkamissi Waaqaa waan dhufuuf, eennu'llee haasaya tasaatiin isin hin sobin.
7
Kanaaf namoota hin ajajaminne kanniin woliin hin hirmmaatinaa.
8
Duraan isin dukkana keessa ni jiraattan ture, amma garuu ka Goofta'aa waan taataniif isin ifa, kanaaf akka namoota ifaan jiraatanii titti dedeebi'aa.
9
Ka mishummaa maraa, firiin qulqullaayomutii fi firiin dhuga'aa ka argamu ifa irraayyii.
10
Kanaaf Gooftaa wonitti gammachiisuun maal akka ta'e qoradhaa.
11
Gara ifaa baasa'aatii saaxileessa'aanii malee, firii dhabeessa ka ta'e hujii dukkanaa woliin hin hirmaanna.
12
Dukkanaan namoonni jiraatan waayee waan isaan hojjatanii dubachumaafuu, ni saalifachiisa.
13
Wonitti marrinuu gara ifaa yoo bayu biftti isaa ka dhuga'aa, ifa ta'ee ni muldhata.
14
Ifatti ka muldhatu marrinuu ifa, kanaaf, Ati ka mugiddu dammaqi! worra du'an irraa'llee fooyamiitii ka'i! Kristos'llee si ni ibisa jedhamee jira.
15
Eegaa attamitti akka jiraattan ufi eegganna'aan hubadhaa, akka worra ogeessotaa malee akka worra gowwootaa titti hin jiraatinaa.
16
Barri kun hamaa waan ta'eef, yeroo ta'e kamittuu fayyadamaa.
17
Kanaaf fedhiin Goofta'aa maal akka taate hubadhaa malee, gowwoota hin ta'inaa.
18
Gara badi'ii ka isin eemaru waan ta'eef daadhii woyinni'iitiin hin machaayinaa, kana irra Hafuura Qulqullu'uun guuttamaa.
19
Faaru'uu fi galataan, qooniqqa hafuuraatii fi onnee guutu'uun'llee Gooftaa galateeffadhaa.
20
Maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin waayee waan maraatiifuu, Waaqa Abbaa yeroo mara galateeffadha'aanii.
21
Waayee ulfinna Kristositiif jettanii isin tokkoon tokkoon keessan ka bira'aatii haa ajajamu.
22
Yaa haawotiin woraa! Akkuma Gooftaa Yesusiif ajajamittanitti, abbootii worraa keessaniif ajajamaa,
23
Kristos mataa woldaya amanti'ii akkuma ta'e, abbaan worraa'llee mataa haadha worraa isaati, deebi'ee'llee Kristos woldaya amanti'ii ta qaama isaa taateef fayyisaa isi'iiti.
24
Woldeenni amanti'ii Kristosiif akkuma ajajamitutti, akkuma kana haawotiin worraa waan maraanuu, abbootii worraa isaaniitiif haa ajajaman.
25
Isin abbootiin worraa! Kristos woldaya amanti'ii akkuma isii jaalateenii fi mataa isaa'llee waayee isiiti'iif dabarssee akkuma kenne, isin'llee haawotii worraa keessan jaaladhaa,
26
Kristos kana ka taasise woldaya amanti'ii Qulqullaawomssu'uuf barbaadeeti ka isii Qulullaawomssee'llee, karaa dubbii isaatiin bishaaniin miiceeti.
27
Bifa kanaan huubinni yookiin wolitti guuramuu fuulaatiin yookiin kana ka fakkaatu waan badaa bira'aa uduu isii irratti hin argamin, Qulqullittii, ta mudaa hin qabnnee fi bareedduu taasisee, gara mataa isaa ni dhiyeessaan.
28
Akkuma kana abbootiin worraa akkuma mataa isaanii jaalatantti haawotii worraa isaanii jaalachuun isaan irra ni jira, haadha worraa isaa ka jaalatu mataa ufii ni jaalata.
29
Qaama mataa ufii ka jibbu eennu'llee hin jiru, kana irra akkuma bifa Kristos woldaya amanti'iitiif raawwatutti mataa isaa ni soora, ni kunuunssaan'llee.
30
Nu'llee kutaa qaama Kristositi,
31
«Waayee kanaan naminni haadhaa fi abbaa isaa dhiisee, haadha worraa isaatiin wolitti ni maxana, lamaanuu qaama tokko ni ta'an» jedhamee jira.
32
Dhossaan kun ol aana'aa, kana'llee ka jedhu waayee Kristositii fi waayee woldaya amanti'ii fakkeenna taasiseeti.
33
Garuu wonitti kun isin'llee ni laala, kanaaf abbaan worraa hadha worraa isaa akka mataa isaa taasisee haa jaalatu, haati worraa'llee abbaa worraa isi'ii haa kabajitu.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6