bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Ephesians 6
Ephesians 6
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
1
Yaa ijoolle! Waan barbaachisaa waan ta'eef maqaa Goofta'aatiin, maatii keessaniif ajajamaa.
2
«Abba'aa fi haadha kee kabaji!» ajajinni jedhu, ka dubbii abddi'ii ufi keessaa qabu, ajaja jalqabaati.
3
Kana'llee yoo raawwate, «Wonitti marrinuu siif ni ta'a, arddii kanatti'llee umriin kee ni dheerata.»
4
Isin'llee yaa maatii! Gooftaa Yesusiin naamusa barsiisu'uun, sireessu'uu fi itti baanachu'uun isaan guddisaa malee, ijoollee keessan dallansiisu'uun, isaan hin jiilchinaa.
5
Isin yaa tajaajiltoota nana! worra fooniin gooftota keessan ta'aniif soda'aa fi hollataan isaaniif ajajamaa, akkuma bifa Kristosiin tajaajilttanii titti qajeeluma onne'eetiin isaaniif ajajamaa.
6
Ka ajajamittan'llee fedhii Waaqaa onne'een akka worra raawwatanii akka tajaajiltoota Kristosii taataniiti malee, nama gammachiisu'uuf jettanii muldhataaf hin ta'in.
7
Nama uduu hin ta'in Gooftaa akka waan tajaajilttanii taasfttanii, fedha misha'aan tajaajilaa.
8
Garbichi'llee ta'ee Gooftaa tokkoon tokkoonuu hujii mishaa hojjateen, Gooftaa isaa irraa gatii isaa ka fudhatu ta'uu ni beekittan.
9
Isin'llee yaa gooftota! Fuula namaatiif ka hin dalle gooftaan keessan fi ka isaanii'llee samii akka jiru yaadachu'uun, dhaadachuu keessan dhiifttanii tajaajiltoota keessaniif waan mishaa raawwadhaa.
10
Waan hafeen Goofta'aa fi huminna isaa ol aana'aan jabaadhaa,
11
hujii sheexanaa ka dabaa mormmu'uuf akka danddeettan, meeshaa woraannaa ka Waaqaa maraa uffadhaa.
12
Waraanni keenna namootaan woliin uduu hin ta'in, bara dukkanaa kanatti worra hojjatan bulchitoota, worra aangoo qabanii fi huminnoota biyya lafaa kanaa jechuun, samii ka jiran hoomaa hafuurota battiiwwanii woliin.
13
Kanaaf guyyaa hama'atti huminna diinaa ufi irraa ittisu'uuf akka dandeettanii fi maraa raawwattanii jabaattanii dhaabachuu akka dandeettaniif, meeshaa Waaqaa ka woraanaa guutuu ol fuudhaa!
14
Eegaa dhugaa akka sinnara hidha keessantti hidhattanii, jireenna mishaa akka meeshaa woraanaa titti uffattanii,
15
wongeela nagayaa akka kophee miila keessantti godhattanii, qophaayu'uun dhaabadhaa.
16
Kana maraan olitti akka ibiddaa titti ka bobayan xiyyaawwan sheexanaa maraa ittiin balleessuu ka dandeettan, amantii akka wonte'ee titti qabadhaa.
17
Fayyiinna akka qoobii sibiilaa mataa keessan irratti gonbsaa, akkuma kana Hafuura Qulqulluu irraa ka argamu billaya, kana'llee dubbii Waaqaa qabadhaa.
18
Yeroo maraa Hafuura Qulqullu'uun eemarama'aa kadhanna'aa fi woyata dhiyeessaa. Bu'ura kanaan'llee namoota Waaaqinni isaan qulqullaayomiseef jabaadhaatii kadhadhaa.
19
Dhossaa wongeelaa sodaa malee akka ibisituuf yeroo dubbadhutti jecha barbaachisaa akka naa kennuuf, ni kadhadhaa.
20
Ammuma'llee Sanbbataan hidhamee wongeeluma kanaaf ergama'a, kanaaf narraa akka malutti sodaa malee akka dubbadhuuf, naaf kadhadhaa.
21
Obboleessi keenna ka jaalatamee fi hujii Gooftaa keenna Yesus Kristosiin tajaajilaa amanamaa ka ta'e, Tikiiqoos akkaataan kiyya attam akka ta'ee fi maal akka hojjadhu'llee, waan maraa isinitti ni hima.
22
Kanaaf nu'u attam akka taane akka beekittanii fi isin'llee akka jajabeessuuf jechu'uun, isa gara keessan ergeenii jira.
23
Waaqa Abba'aa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa nagayaa fi jaalalli amanti'iin woliin, obboleeyyaniif haa ta'u.
24
Jaalala addaan hin cinneen Gooftaa keenna Yesus Kristosiin worra jaalatan maraaf, kennaan isaa ka bilisaa isaaniif haa ta'u.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
All chapters:
1
2
3
4
5
6